Yaa Oromoo:Ijoollen teenya ammallee adamsamaatii;hidhamaatii jirti

Yaa Oromoo:Ijoollen teenya ammallee adamsamaatii;hidhamaatii jirti. Tigisti Taayyee baatii shan dura hidhaadhaa hiikkamtee jennee odoo qusannaadhan laalluu Amboodhaa qabanii mana hidhaa buusan.

Shaanqoo Salamoon nama saba keenya kan magaalaa Naqamteefi naannoo ishii akka maanguddootti tajaajilu,kan dargoo hunda biratti nagaya waaraa qabu sababuma fudhatama inni qabuun kaleessa Finfinneetti qabanii mana hidhaa buufata Poolisii 3ffaa bulchanii har’a buufata waraanaa Taaxaq jedhamutti geessuu dhageenye.

Isaan kana dabalatee kaleessuma namoota 12 ukkaamsanii butuu isaanii odeessi na gahee jira.

Saba keenya dararuun; ojoollee teenya adamsuun yaa dhaabbatu!


Shaanqoo Salamoonifi Lalisaa Fiqaaduu gadhiiftan malee karaan hin saaqamu!

Qeerroo Naqamtee!

via: Dhábasá Wakjira Gemelal

Yaa Oromoo,

Oromoon Harargeefi Baabbilee dhumaati jiru. Maaliif kan sagalee ta’uuf dhibe? Dr. Abiy inni biyyoota ollaa naanna’aa ture Oromoo kanaaf na’uu dadhabee? Paartileen Mormitootaa warri biyya galanillee Hootelumatti galanii ciisani? Paartiin OFC s qabsoonsaa kanumaa? Yaa Oromoo, Oromoof falli Qawwee qofa.