Xalayaa banaa Qeerroo fi Qarree akkasumas ummata Oromoo maraaf

Xalayaa banaa Qeerroo fi Qarree akkasumas ummata Oromoo maraaf

Ibsa Abdi ti, Mudde 25, 2018

Ummata Oromoo
Photo Africa news: OLF Army engages Ethiopian Army
Seensa

Qabiyyeen xalayaa kootii waa’ee harriroo ABO fi mootummaa Dr. Abiy giddu ljiru irratti kan xiyyeeffatee dha. Wal-dhibdeen ABO fi mootummaa Dr. Abiy gidduu jiru akkuma Oromoota hunda yaaddessa jiru anas na yaaddessee jennenan xalayaa kana barreessuuf murteesse. Dursa garuu eenyummaa fi fedha koo yoon ifsadhe hubatamuu ergaa xalayaa kootiif gaarii ta’a jedheen amana. Ani Oromoo dha. Miseensa dhaaba kamuu miti. Fedhas ta’ee hawwii miseensumma dhaaba kamuu ta’uu hin qabu. Dantaa Oromoo tiksuu irratti garuu dhabolii Oromoo kaminuu waliin hojechuuf mirgaa fi dirqaman Oromummaan dhaaleen qaba jedheen amana. Akeekni xalayaa koos faayidaa gartokkeef jecha dantaa Oromoo (Oromian national interest) waan miidhu irraa eenyuu akka of-qusatuuu fi ummatni Oromoos dhiibbaa akka irratti godhu gaafachuu dha.

Xalayaa kana kallattiin gara Dr. Abiy Ahmed fi Obbo Dawud Ibsaa tti erguu laata jedhee of-gaafadheen ture. Jara lamaan qofatti erguun quufsaa ta’ee natti hin mullatne. Ergaan kun ummata Oromoo bira akka inni naaf gahun fedha. Dr. Abiy Ahmed fi Obbo Dawud qabsaa’otaa fi hayyoota warra biyya/dhaabaa bulchaa/hogganaa jiranii dha. Lachanuu wallaalanii ykn ragalee barbaachisoo tahan argachuu dhabanii natti hin fakkatu. Tarii ragaalee ummataan gahuu hin feene qabaachuu malu jedheen shakka. Haat’auu garuu qaammi hin dogoggora hin jiru. Ethiopia keessatti qaamoliin yeroo adda addaa aangorra turani fi kan saniin mormaa turan dhiphisanii ilaalu irraan kan ka’e rakkoo bara dheeraa ummataa irraan gahaati kan turan. Irra deddeebi’anii dogoggora wal-fakkata gochuun garuu…

Kabaja

Dursee qabsaa’ota warra qabsoo Oromoo isa dhokatee ture gara giddu galeessa waltajii siyaasaa biyyatti keessatti akka inni ol-bahee iddoo argatu godhaniif mararfannaa fi kabajaa guddaa akkan qabuuf ifsachun fedha. ABOn guca qabsoo Oromoo qabsiisuu keessatti gumaacha hiriyyaa hin qabne akka qabus hubachuun haqa. ODP gama isaan qabsoo rurruuqataa ture ija itti godhee sadarkaa biyyatti ol-baasuu isaatiif kabajaa fi galata guddaa qaba. Keessahuu jijjirama amma sadarkaa Oromiyattis tahe sadarkaa biyyatti fidaa jiruun ODP abdii guddaa Oromootti hora jira. Ummatoota biyyattii ballaafis abdii tahee jira. Horaa bula. Ittis jabaadhaa. Haata’uu garuu, “of-duuba millachuun fuuldura deemuuf” akkuma jedhamu, akka dhaabatti OPDOn, hubadhaa ODP mit,  xurii cimaa akka harka keessaa of-qabu yoomiyyuu dagachuu hin qabu. Badii darbe yaadachuun, ODPn  hojii fi jijjirama amma fidaa jiru irraa tasa iyyuu akka of-duuba hin sigiganneef  isa gargaara waan ta’eef.

Amma gara dhimmakoottin ce’a.  

Qabsoo mirgaa fi abba biyyumaaf godhamaa jiru keessaatti aarsaa qaqqaalii baasaa akka as gahame ifaa dha. Haa tahuu garuu harras qabsoon bifa jijjirrate malee hin xumuramne. Kan dur caala qabsoon inni ammaa gamnummaa gaafata. Hanguma qabsoon keenya galii isaatti dhihaataa deemnuun, farri qabsoo keenyaas hammataa jira. Wixxifnaan amma mullatus kanaan ala mit. Garuu garaagarummaan ABO fi ODP giddutti mullataa jiru kun maalirraa maddee? Galiin isahoo? Qabsoo fi nageenya Oromoo fi Oromiaaf bu’aa moo balaa qabaa? Maaliif furmaata itti hin gonee?

Dantaa Oromoo fi Oromiya tiksuu irratti ABO fi ODP gidduu gara-garummaan jirachuu hin malle. Garaagarummaan ABO fi ODP gidduu jiraa yoo ta’e dantaa Oromoo fi Oromiya tiksuu ykn tiksuu dhabuu irratti utoo hin taane, akkamiin ykn bifa kamiin kan jedhu qofa irratti ta’uu ture. Waraana ABO fi ODP ykn ABO motummaa Dr. Abiy giddutti geggeessuun akkamiin dantaa Oromoo fi Oromiyaa fayyada?  Kan hin fakkaannee dha. Dantaa Oromoof wal-waraanna jedhama yoo tahe, waan dhokataa ta’etu jira jechuu dha. Kanaafuu, qaammi lachuu gochaa gara sanatti isaan gessisu irraa of-eeggachuu qaban. Kana keessatti ummatni Oromoo akka dhuunfattis tahe akka gurmuutti gahee ofii bahu qaba. Qaammi lameenuu lola, ilmaan Oromoo dhiigsuu irraa akka of-qusatan dhiibbaa irratti gochuun barbaachisaa dha. Kanaafuu, hayyoon, abbootii gadaa (siqee dabalatee), abbootii amantii, qeerroo fi qarreen wal-tahuun ka’anii qama lamman giddutti nagaa buusuu qaban. Harra kan dursu dantaa ODP ykn ABO miti, dantaa ummata Oromooti malee.

Dhugaa dha qama ijaaramee jirutu dantaa ummataa tiksuu danda’a. Akkasuma kan dantaa ummataa ballessuu danda’us dhaaba ijaaramee tahuu beekuun barbaachisaa dha. Kanaafuu, ummatni Oromoo baabsii dhaabbachuu dhiisee dhugaa fi dantaa waloo ilaalee qama lammanuu karatti deebisuu qaba. Yeroof yoo ta’e malee fedha ummataan alatti dhaabni kamuu jiraachuu akka hin dandeenye beekunis gaarii dha.

Akkasuma ta’ee dhugaa jiru walitti himuun barbaachisaa dha. Jijjirammi amma mullataa jiru irra guddaa kan dhufee fi dhufaa jiru aarsaa ummatni Oromoo godheen. Jijjirama kana itti fufsiisuufis gaheen ummata Oromoo bayyee guddaa dha. Jijjiramicha gufachiisuu warra barbaadaniif garuu nageenya ummata Oromoo booressuun kaayoo duree hin qabne taha.  ABO fi ODP giddutti wal-dhibdeen akka uumamuu gochuun ammo qama toftaa kanaati. Garuu, qaamaa alaa kan antaa ofii fiigu komachuu dhiifnee ofii gahee ofii of ha gaafannu. Kan hubatamuu qabu, sababa kamiifuu nageenya Oromoo boorressuun diinaaf meeshaa ta’uu, qabsoo Oromoof ammo gufuu ta’uu waan ta’eef sanarraa of eeggachuun barbaachisaa dha.

Kan jala muramuu qabu, ABO, ODF, ODP ykn OFK akkasumas kan biraan illee yoo jiraate, ummata Oromoof barbaachisoo dha. Wal-hubannoon hin jiru taanan garuu lakkofsaan baayyachuun faayidaa hin qabu. Wal-nyaachuun qabsoo quucarsa waan ta’eef. Kanaafuu, akka jarreen wal-dura hin dhaabbanneef dhiibbaan irratti godhamuu qaba. Hunda caalaa, akkuma mootummmaan TPLF inni abbaa irree ture kufatii irraa of-hanbisu hin dandeenye, abba fedheenuu haa dhufu, waraanni waa hundaaf furmaata akka hin taane huabchuun gaarii dha. Duruu kan bade, mootummaa fi partiin biyya bulchu wal-keessa laaqqachuu ykn tokko ta’uu dha. Irra caala, yakki yakka caalu, humni ittisa biyyaa akka humna partii biyya bulchuu ta’ee akka tajaajiluu ta’uu isaati. Biyyattiin kanaaf hudhaa keessa jirti. Jijjirrammi amma deemaa jiru, akka an hubadhetti, haala jallataa sana jijjiruuf kan xiyyeeffatee dha. Sirnaa fi caasalee dimokratawaa gad-dhaabuu irratti kan fuulleffatee dha. Kun ammoo itti gala qabsoo dhaabolii Oromoo hundaa ta’uu male. Kanarratti, ODP biyyatti gara dimokrasitti ceessissuuf carraqqii godhaa jira. Kun ammo ODP qofa utuu hin taane, Oromoo guutuu bakka bu’a. ABO guutummaa Oromoyaa keessatti ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa qaba. Biyattii keessatti mootummaan ummataa akka dhufuuf, gama isaan maaf ummata dammaqsuu fi ijaaruu irratti hin bobbaanee? Sochii siyaasaaf akka isaaf mijatutti, ABOn ittisa daangaa tika biyyaa mootummaa Dr. Abiyiif dhiisee maaf karaa dimokratawaa taheen Oromia hin dhuunfannee? Sagalee ummataaf maaf carraa hin kenninnee? Itti dabalees, (a) ABOn mootummaa Ethiopia waliin waliigaltee kan godhee biyyatti galee karaa nagaa qofaan siyaasa ofii geggeeffachuuf akka tahe dhagahameera. Kanaafuu, ABOn maaliif mamee toftaa lamaan deemuu filatee? Dhaaboliin biroo, kan akka ABO mootummaa Ethiopian waliin wal-waraanaa turan, lolaa dhiisanii karaa nagaa qabsaa’uuf yeroo biyyatti galanii socho’aa jiran kana keessatti kan ABO maaliif adda ta’aa? (b) Waggootta 27aaf, mootummaan TPLF maqaa ABO tiin ummata Oromoo hidhaa fi ajjeessaa tureera. Amma immoo ODP warra jijjiram amma deemaa jirun morman, maqaa waraana ABO jala gugachuun nageenya booressaa jiru jedhee sanaan qabatee ummata isaa irratti akka inni waraana banuuf ABOn maaf carraa banaafii?

Gama biroon, ODP kan hubachuu qabu, dhaabi siyaasaa fi ummatni walii adda akka tahe dha. Kanaafuu, ABO, ODP, OFK etc ni darbu. Ummtani Oromoo garuu yoomiyuu ni jiraata. Sana beekanii tokkummaa fi nageenya Oromoo fi Oromiyaa tiksuun hayyummaa dha. Hata’uu garuu harras, akkuma duraanii, nageenyi Oromoo fi Oromiyaa utuu boora’uu agarra. Rakkoon mullatu qama wal-falammii warra jijjirama deema jiru mormanii fi deggeran giddutti taha jiru jedhama taha. Ta’us garuu fumaataa itti barbaaduun yeroon isaa amma. Akkasumas (a) Oromoonni naannnoo adda addaarraa buqqa’aa turan ammas buqqa’aa jiru. Warri buqqa’anis bakka qubatanitti gargaarsa ga’aa argataa hin jiran. Buqqa’unis, gargaaramuu dhabuun kunis maaliif itti fufee? (b) Nageenya daangaa Oromias tahee dangaa biyyattii tiksuun dirqama mootummaa federalaa tahee utuu jiru hirrinatu argama. Kun yoom furmaata argataa? (c) Wajjirri ABO maaliif guutummatti hin gad-dhiifamneefii? (d) Qabeenyii fi waajjirri ORA kan motummaa TPLFn fudhatame ture maaliif hin deebineef?

WBO ilaalchise

WBOn gaachana qabsoo bilisummaa Oromooti. Qabsoon Oromoo bifa jijjirataa as gaheera. WBOn harra qama humna nageenya Oromiya tiksutti dabalamuu qaba. Kan ogummaa fi dandeettii isaa qabus, qalbii jijjirrannaan godhameef  qama tikka biyyatti dabalamuu mala. Waantoonni ifa hin ta’in ammayyuu jiur. Dur gaaffiin gaaffii fottoquu ture. Akka dhaabbitti sun waan jijjirame natti fakkata. ABOn waraana dhiisee karaa nagana qabsaa’uuf murteessee biyyatti galuun isaa sanaaf raga dha. Harra wanti jiru Ethiopia keessatti hiree ofiin of-bulchuu dhugaan mirkaneessuu dha. Seera federaalaa amma jiru daraan fooyyessanii hojirra oolchuu dha. Qaamni kanaan mormu hedduu dha. Garuu filannoon sirna federaalaa caalaa Ethiopiaf mijatu harraaf jira hin fakkatu. Warri TPLF mootummaan Dr. Abiy sirna federalism diiguu fedhaa jedhanii yakku. Kun dhugaa miti. Wa’ee dubbii marqaa yoo ta’e malee. Qabsaa’onni Oromoo hangi tokkos waa’ee article 39 kaasanii mormii qaban ifsaa jiru. Kun hunduu sababeeffachuuf yoo tahe malee mootummaan Dr. Abiy sirna federalism laaffisuu irratti kan xiyyeeffate natti hin fakkatu. Warra sirna federalism jibban ofitti dhiheessa jedhama yoo tahe, warra cichanii sirna ederalism faarsanis waluma qixa ofitti dhiheessaa hundumaaf carraa bane jira.

Biyyattiin fuulduratti sirna akkammin haa bultuun falammii dirree dimokrasii keesaatti tahuun kan furamuu dha. Furmaata sanaa gara ofii fedhanitti jallisuuf jecha  qawee kaasuu utuu hin taanee ummaticha sochoosanii akka mirga ofii gonfatuu fi tikfatuff ummaticha aangessuu dha (empowerment). Oromoo aangessuun hiree ofii murteefannaa mirkaneessuun kan danda’mu yoo ummatchi nagaa qabaatee jiruu fi jireenya ofii geggeeffataa hegeree biyya ofii irrattis gandaa hanga olitti murteessuu danda’e qofa. Mormiin ummatni Oromoo mootummaa abba irree TPLF irratti godhee jijjirama amma mullataa juru fide kanaaf raga dha. Jijjiirammi kun akka itti fufuuf Oromoo aangessuu fi qabsoo Oromoo daraan jabeessuu barbaachisa. Qaamolii Oromoo giddutti waraana kaasuun garuu humna Oromoo bittinneessee qabsoo laaffisa waan ta’eef Oromoof bu’aa hin qabu. Kanaafuu ABO fi ODP wal atakaaruu dhiisanii dantaa Oromoo fi Oromiayaaf jecha waliin hojjechuu qaban. Sanaaf ummatni Oromoo qama lachanuurratti dhiibbaa gochuu qaba.

Afarsaa alagaa

Rakoo keessaa qama alatti faalte nana hin jedhina malee gidduu kana wanti ani arguu fi dhaga’aa jiru waan biraa ti. Eeyyee ABO fi motummaa Dr. Abiy gidduu wal-hubannoo dhabiinsa jiru ilaalchisee qamoliin adda addaa dantaa mataa ofii guuttachuuf jecha wal-dhibdeen sun akka babbalatuuf kaan ABO tumsaa kaan ammo fallaa ABO tahuun mootummaa Dr. Abiy faarsaa karaa midiyaa abidda qabsiisaa, boba’aas itti naqaa jiru. Gochaan jara kanaa jijjirama hin fidu. Garuu mallattoo jijjirama biyyatti keessatti deemaa jiru akka tahe hubachuun nama hin dhibu, dur kunuu dhorkaa waan tureef. Haa ta’uu garuu, kaayyoon jara akkasii qabsoo ummata Oromoo gufachiisuu malee faayidaa biraa hin qabu. ABOs hin fayyadu. ODP ykn mootummaa Dr. Abiy hin fayyadu.

Kanaafuu olola alaa deemaa jiruuf gurra kennuu dhiifnee qabsoo Oromoo fi nageenya Oromiyaa tiksuu qabna. Kun dirqama koo, kee fi kan ummata Oromoo ti. ABO fi ODP irratti dhiibba godhanii nageenya buusuun dhaabolii, hayyota, abbootii gadaa fi abbootii amantii fi qeerroo/qarree fi ummata Oromoo ballaa irraa eegama. Hundi keenya gahee keenya ha baanu. Nageenya ummata keenyaa haa tiksinu. Ummatni Oromoo ABO fi ODP keessaa tokko qofaa filachuuf dirqamuu hin qabu. Lachanuu of keessatti qabatee humna Oromoo itichuu fi ittiin ijaarsa biyyaatti fuulleffachuu danda’uu qaba.