Xalayaa banaa: Araara ABO fi ODP jidduutti taasifame laalchisee, gammachuu fi yaaddoo nutti dhagayamu ibsachuu

Xalayaa banaa: Araara ABO fi ODP jidduutti taasifame laalchisee, gammachuu fi yaaddoo nutti dhagayamu ibsachuu

Ilmaan GGO Gumii Oromia Prime MinisterGlobal Gumii Oromia
6909 Laurel Ave
Tacoma Park, MD 20913
Secretariat: (202) 509-1187
http://www.globalgumiioromia.com

Guyyaa: Amajjii 27, 2019

Dhimma: Xalayaa banaa: Araara ABO fi ODP jidduutti taasifame laalchisee, gammachuu fi yaaddoo nutti dhagayamu ibsachuu

Gara: Kabajamoo Abbaa Gadaa Bayyanaa Sambatoo fi Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromiyaatiif

Kabajamoo Abbaa Gadaa Bayyanaa Sambatoo fi  Miseensota  Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaa,

Nu miseensonni Gumii Oromiyaa Addunyaa kan biyyoota addunyaa keessa jiraannu, hunda dura nageenni obbolummaa isin haa gayu jenna. Itti-aansuudhaan, aadaa bulchiinsa sirna Gadaa, Oromiyaa keessatti deebiftanii gad-dhaabuuf tattaaffii godhaa jirtan hunda dinqisiifachaa, hujii boonsaa hojjataa jirtaniif dacha-dachaa isin galatoomfanna.

Sirni Gadaa mallattoo walabummaa Oromiyaa qofa osoo hin taane, hundee qaroomina ilmaan namaa keessaa kan hangafaa ta’uunsaa ragaan mirkanaayee, sadarkaa addunyaatti seeraan galmaayee jira.

Aadaa bulchiinsa sirna Gadaa keessaa inni guddaan tokko, garaagarummaa ilmaan namaa jidduutti uumamu (dhalatu) dhabamsiisuuf jecha, yaada adda-addaa humnaan balleessuuf carraaquu (ifaajuu) osoo hin taane, garaagarummaa yaadaa sirnaan keessummeessuudhaan, yaadota adda-addaa walitti-araarsuun, nagaa fi tasgabbii hawaasaa (ummataa) tiksuudha.

Haalli dhiyeenna kana Oromiyaa keessatti deemaa ture, keessattuu, lolaa fi ololli mootummaa Itoophiyaa,  mootummaa Oromiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jidduutti deemaa ture, ilmaan Oromoo jidduutti lola uumuu fi Oromiyaa dirree waraanaa taasisuu dandaya jennee waan yaaddofneef, ummanni Oromoo lolaa fi olola akkasii akka didu, akka dura-dhaabbatuu fi wal-dhabbii jiru karaa nagayaatiin (akka aadaa Oromootti) akka furu, xalayaa banaa kan muddee 21, 2018, mootummaa Itoophiyaa fi mootummaa Oromiyaatiif barreessine keessatti, ilmaan Oromoo hundaaf waamicha lammummaa goonee turre.

Kana irrattis daballee, xalayaa gamtaa (joint letter), waldayoonni Oromoo sadeet (8): (1) Oromo Studies Association, (2) Oromia Support Group, (3) Human Rights League for the Horn of Africa, (4) International Oromo Lawyers Association, (5) International Oromo Women’s Organization, 6) International Qeerroo Support Group, (7)   Gumii Oromiyaa Addunyaa fi (8) Oromo Communities Association in North America (OCA-NA),  gaafa Amajjii 14, 2019,  mootummaa Itoophiyaa fi mootummaa Oromiyaatiif barreessinee jirra. Xalayaa kana keessattis, olola fi lolli ilmaan Oromoo jidduutti, Oromiyaa keessatti adeemsifamu hatattamaan akka dhaabatu kabajaan gaafannee; hanqinna wal-hubannoo fi wal-dhabbii jiru hunda, ummanni keenya akka aadaa Oromootti karaa nagayaatiin akka furu waamicha lammummaa taasifnee turre.

Tattaaffii Abbootiin Gadaa Oromiyaa godhaniin, yaadni araaraa, gaafa Amajjii 22, 2019, Finfinnee keessatti dhiyaate, gaafa Amajjii 24, 2019, magaalaa Amboo keessatti firii godhatee jira jennee yaadna. Lolaa fi olola tokkummaa saba Oromoo diiguuf aggaamame hanqisuudhaan, wal-dhabbii jiru bifa qaroon furuuf tasgabbii guddaa uumuu dandayuun keessan, aadaa sirna Gadaatiif injifannoo dha jennee amanna. Gumaachi keessan’llee, seenaa saba Oromoo keessatti, bara-baraan yaadatamaa jiraata.

Hegereen saba Oromoo: nagaa fi tasgabbiin, badhaadhinaa fi dagaaginni ummata keenyaa, aadaa sirna Gadaa hundeen gad-dhaabuu fi cimsuu keessaa madda. Tattaaffiin godhaa jirtan, ummata keenyaaf bu’a-qabeessa akka ta’u, waan dandeenyu hundaan isin gargaaruuf qophii ta’uu keenya isin beeksisaa, araara adeemaa jiruun wal-qabatee yaaddoo nutti dhagayamu akka armaa gadiitti kabajaan isin waliin qoodamna.

1ffaa) Ilmaan Oromoo jidduutti, Oromiyaa keessatti lolli hin barbaachisu jennee amanna. Kanaafuu, ABO fi ODP jidduutti araara buusuun keessan hedduu nu gammachiiseera. Garuu, Oromoota sababa walitti-bu’iinsa kanaatiin hidhaman hatattamaan mana hidhaatii baasuun qaama araara kanaa ta’uu qaba jennee yaadna. Dhimmi Oromoota hidhamanii qaama murtii keessanii (qaama araaraa) ta’uu dhabuun, namoonni hidhaman mana hidhaa keessatti akka dararaman taasisa jennee yaaddofna. Kanaafuu, dhimma kanaaf, akka fala barbaaddan kabajaan isin gaafanna.

2ffaa) Walitti-bu’iisi qawween deemaa ture, Raayyaa Ittisa Biyyaa (Waraana Itoophiyaa) fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti ta’uun beekkamaa dha. Walitti-bu’iinsi kun, Mootummaa Itoophiyaa fi ABO laala jennee hubanna. Haa ta’u malee, Araara deemaa jiru keessatti, Muummeen Mootummaa Itoophiyaa, Dr. Abiy Ahmad, ykn bakka-bu’aan sadarkaa saniin malu, Araara keessatti qaamaan argamuu dhabuun, hanqinna uumuu dandaya jennee yaadna. Mootummaan Itoophiyaa adeemsaa fi itti-baha araara kanaatiif beekkamtii fi ulfinna barbaachisu hin kennu yoo ta’e,  hegereen araara kanaa maal akka ta’u hubachuun waan nama dhibuuf, hedduu nu yaaddessa. Kanaafuu, Tokkummaan Abbootii Gadaa Oromiyaa, beekkamtii fi ulfinna muummichi mootummaa Itoophiyaa, Dr. Abiy Ahmad, adeemsaa fi itt-baha araara kanaaf qabu, ummata keenyaaf ifa godhuun barbaachisaa dha jennee amanna.

3ffaa) Ibsa mootummaan Oromiyaa amma dura kennaa ture keessatti, Raayyaan Ittisa Biyyaa (Itoophiyaa), affeerraa Mootummaa Oromiyaatiin Oromiyaa keessa seene (duulchifame) jedhamee ture. Kana jechuun, Prezidaantiin mootummaa Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa’llee adeemsa araaraa kana keessatti qaamaan argamuun barbaachisaa ta’uu akeeka. Haa ta’u malee, Araara deemaa jiru keessatti, Prezidaantiin mootomummaa Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaa, ykn bakka-bu’aan sadarkaa saniin malu, Araara keessatti qaamaan argamuu dhabuun, hanqinna uumuu dandaya jennee yaadna. Kanaafuu, Tokkummaan Abbootii Gadaa Oromiyaa, beekkamtii fi ulfinna Prezidaantiin mootummaa Oromiyaa, obbo Lammaa Magarsaa, adeemsaa fi itt-baha araara kanaaf qabu, ummata keenyaaf ifa godhuun barbaachisaa dha jennee amanna.

4ffaa) Akka seenaa Oromoo fi Itoophiyaa irraa hubanetti, ummata Oromoo irraa hidhannoo hiikuun imaammata mootummoota Itoophiyaa hundaati. Imaammata mootummoota Itoophiyaa kanarraa kan ka’e, ummanni keenya haaduu fi haamtuu illee akka hin-qabanne taasifamee jira. Faallaa kanaa, diinonni Oromiyaa, meeshaa waraanaa hidhachiifamaa turuun beekkamaa dha. Waraanni daangaa Oromiyaa hundarrratti roga hundaan adeemsifamuu fi Oromoonni miliyoonaan lakkaawaman qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii jireenya gadadoo keessa jiraachuun kanaaf ragaa quubsaa dha. Muuxannoo keessa as-dabrine kanarraa kaanee yoo ilaallu, mootummaan Oromiyaa humna waraanaa kan diina ummata keenyarraa ittisuun waan qabu hin fakkaatu. Hanga ammaa yoo ittisu’llee hin argine. Haala rakkisaa akkasii kana keessatti, ummata Oromoo daangaarra jiruu fi Oromiyaa tiksuuf daangaalee Oromiyaa hundarratti saba dhumaa jiru hidhannoo dhabsiisuun gaaga’ama guddaa keessa seensisa jennee yaaddofna. Kanaafuu, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ummata keessaa baasanii mooraatti galchuuf ariifachuun “kofoon jarjaraan hidhatan, ariitiin namarraa baati” akka hin taane, dhimma kana gad-fageenyaan itti-yaaduun gaarii nutti fakkaata.

5ffaa) Seenaa Itoophiyaa fi ummata Oromoo jidduu jiru keessatti, mootummoonni Itoophiyaa hundi, aadaa Araara Oromoo karaa faallaa ta’een itti-fayyadaman. Akka ragaatti, seenaa yaroo adda-addaatti ummata Oromoo irra gaye yaadachuun ni dandayama. Minilik maqaa Araaraatiin, ummata Oromoo, Aanoolee fi Azuulee’tti harkaa fi harma mure. Yoohannes, maqaa Araaraatiin, ummata Oromoo, Wollo, Boruu Meedaa‘tti harka mure. Gootonni Oromoo hedduun, maqaa Araaraatiin, rasaasa diinaatiin nyaataman. Bara Minilik, Abbishee Garbaa maqaa araaraatiin nyaatame. Bara Haylesilaasee, General Taaddasaa Birruu fi General Waaqoo Guutuu, maqaa araaraatiin gufachiifaman. Bara Mangistuu, maqaa araaraatiin, qunnaan-bultoonni Oromoo, 300 ol (dhibba sadii ol) guyyaa tokkotti,  ajjeefaman. Bara Meles (1991/92), maqaa Araaraatiin, gootota Oromoo kumaatamaan dhabne. Kan lubbuun wareegameef, kan bakka-buteen isaanii hanga har’aallee hin beekkamne dabalatee. Muuxannoo jaarraa tokkoo oliif mootummoota Itoophiyaa fi ummata Oromoo jidduu jiru kanarra ijjannee yoo ilaallu, xumurri araara amma deemaa jiruu’llee, akkuma aadaa amma duraa ta’innaa laata jennee yaaddofna.

6ffaa) Odeeffannoon naannoolee Oromiyaa adda-addaa irraa argamu akka ibsutti, eega Araarri jalqabeen as’illee, Oromoonni hedduun mana hidhaatti guuramaa jiraatuun  (Abbootii Gadaa dabalatee) dhagayamaa jira. Haalli akkasii kun adeemsa Araara kanaa gufachiisuudhaan lolaa fi ololli amma dura adeemaa ture akka iti-fufu taasisuu dandaya. Gufuun akkasii kun akka hin uumamne, hidhaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo irra gayu hatattamaan akka dhaabatu, Abbootiin Gadaa Oromiyaa, mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa barbaachisu akka godhan kabajaan gaafanna.

7ffaa) Miidiyaaleen maqaa saba Oromootiin gurmaayan hundi, dantaa garee ykn. dantaa nama dhuunfaa jala deemuu dhiisanii, dantaa sabaa dursuun, adeemsaa fi itti-baha araara kanaarratti haqaan hojjachuudhaan, odeeffannoo fi hubannoo barbaachisu hunda, iftoominaan ummata keenya biraan akka gayan kabajaan gaafanna.

8ffaa) Dhumarratti, akkuma amma dura baratame, maqaa araaraatiin ummata keenyatti daba dalaguun akka nutti hin deebine, ilmaan Oromoo hundi, adeemsaa fi itti-baha araara kanaa jala bu’anii hordofuun, qaamota dhimma kana keessatti hirmaatan hundarratti dhiibbaa gaarii (positive impact) taasisuun milkaahinsa araara kanaatiif gumaata guddaa ta’a jennee amanna. Namuu, waan dandaye akka gumaachus kabajaa fi obbolummaan gaafanna.

Injifannoon Ummata Oromoof!!!

Gumii Oromiyaa Addunyaa
Amajjii 27, 2019

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.