Xaalayaa obboleessa koo Weellisaa Caalaa Bultumeetif.Ittiiqaa Tafarii

Xaalayaa obboleessa koo Weellisaa Caalaa Bultumeetif.Ittiiqaa Tafarii Warra Lolaa

Bad things do happen; how I respond to them defines my character and the quality of my life. I can choose to sit in perpetual sadness, immobilized by the gravity of my loss, or I can choose to rise from the pain and treasure the most precious gift I have – life itself.

Walter Anderson

I hope you will make us all proud of you! those who love you so much for your selfless work. 

remember always “Life throws challenges and every challenge comes with rainbows and lights to conquer it.”
― Amit Ray, World Pe

Xaalayaa obboleessa

Xaalayaa obboleessa koo Weellisaa Caalaa Bultumeetif.
Duraan dursee nageenyi koo kan jaalalaa fi kabajaa bakka jirtutti si haa gahu.

itti aansun Duulli koonsartii ati Caamsaa 7/2017 Afrikaa kibbaatti qopheessite irratti si mudate akka oromoo tokkoottis akka Artistii tokkoottis waan baay’ee mataa nama hadoochu fi nama jibbisiisudha.

garuu ani waa’ee isaa baay’ee haasa’uu yoon hin barbaanne illee waan si mudatetti gadditee murteen ati fudhatte “hojii aartii dhaabee jira”jettu ana dabalatee Oromoon marti murtii sirrii akka hin taane hubannee jirra.

Dhugaadha hojiin Aartii bu’aa bahii hedduu akka qabu obsa baay’ee akka nama gaafatu yeroo gabaabduun Aartii keessa ture tanatti argeen jira.

inumaayyuu yeroo tokko tokko yeroon ofitti gadde jecha “Aartii” jedhu qubee “t” keessaa hambisee yeroon dubbisutu jira. keessattuu aartidhaan hojii warraaqsaa.

Haa ta’u malee eega seennee booda nama bakka eegnutti argachuus dhabnu, wanti nu barbaachisu nuuf guutus baatu, waan tokko yeroo hedduu yaallee milkaa’us dhabnu weellisuu qofa osoo hin taane Imaanaa fi dirqama guddaa nutti kennamee akka jiruu fi bu’aan keenya isuma manaa baanef sana haga argannutti hoomtuu akka hin jirre beeknee haga lubbuun jirrutti tokkummaa lallabuun irree wal qoqqoodinsaa doomsuu fi Sabni bal’aan gabroomee jiru falmii hadhaawaa godhee akka bilisuumuf shoora ol anaa gama aartin jiru bahuun dirqama keenya.
Kanaaf atis hojiin kee hagam uummata biratti akka jaalatamu, nama meeqa akka of barsiise, hagam akka diinni yeroo sirba kee dhagahe nahu ykn dhaabe yeroo jettu immoo aara galfatu, sirba kee waan dhaggeeffataniif qofa namni meeqa akka dararamaa turee fi dararamaas jiru, oromoon fuulduratti maal akka sirraa barbaadu, si’i fakkeenya godhatee namni meeqa akka mataa ol qabachaa jiru, akkasumas kaayyoo kee ganamaa ittiin manaa baate ejjennoo haga bilisummaatti gammachuun addaa akka hin jirre beektee baate irra deebitee yaadachuu waan qabdu natti fakkaata.

Ati ilma saba bal’aa kana hundaati. dhimmi kee dhimma keenya, dhimmi kee dhimma Hayyoota oromoo ilaallatuu fi dhimma Oromoo mara ilaallatu waan ta’eef dhimma ati qofti murteessituu miti.
akkuma jaalalaaf kabajaa saba bal’aa biraa qabnu sabni keenyas nu irratti aangoo akka qabuu fi akka barbaadanitti nu ajajuu fi karaatti nu deebisuu akka danda’an beekuu qabna. kan uummataa waan taanef.

kanaafi Oromoo marti kan afaan tokkoon murtiin kee sirrii miti siin jedhee karaa adda addaa waa’ee hojii aartii dhaabuu kee irratti haasa’aa ture. kana bira dabartee murtii dhuunfaa kee fudhachuun garuu diinaf balbala saaquu natti fakkaata.

Tarii battalatti waan hin eegne si mudatee waan kana Caalu illee jechuu dandeessa.
garuu atis Aartii akka hin dhiisne Aartinis akka sin dhiisne Oromoonis akka sin dhiisne beeki.

Sabani kee hagam akka si jaalatuu fi iddoo hagamii akka siif qabu immoo yeroo dhihoo keessatti arguun kee hin oolu.

Yeroo gabaabaa keessatti yaada kee jijjiirtee saba kee akka mataa ol qabachiistu fi diina mataa lafa ilaalchistu abdiin si eegna.

Via Ittiiqaa Tafarii irraa!