What is idiom in Afaan Oromo ?

What is idiom in Afaan Oromo ?  I leave it to the Oromo intellectuals to coin a word for idiom in Afaan Oromo.

Beka Moti tiin, Ebla 21, 2019

Idiom means something different from its literal meaning.

English examples:

-“kick the bucket“, its literal meaning is to kick a bucket with a foot. But its exact meaning is different from its literal meaning, it means: to die.

-“Break a leg“, its literal meaning is to break a leg. But its exact meaning is different from its literal meaning, it means: Good Luck.

Examples of Oromo idioms:

-“Koomee irra nama dhaabbachuu/ijaajjuu“, its literal meaning is to stand on someone’s heel, but its exact meaning is to make one hurry up.

-“Quba qabaachuu“, its literal meaning is to have a finger, but its exact meaning is to have an idea about somebody or something.

  1. Rifeensa arraba irraa buqqisuu ” –  jechuun,  taajjabuu jechuudh
    Fakk.  Yoo ani sobe rifeensa arraba koo irraa buqqisi.
  1. Karaan dudda indaaqqoo ta’u ”  –  jechuun,  solola’uu, rakkina malee deemuu jechuudha.
    Karaan ati deemtu dudda indaaqqoo siif haa ta’u.
  1. Quba qabaachuu ” –  jechuun, oduu wayii beekuu  jechuudha.
    Oduu jiru quba qabdaa laata ?
  1. Harkaan adeemuu ” –  jechuun, hanna jechuudha.
    Namicha sana harkatu adeema jedhanii hamatu.
  1. Lafee mormatti rakkate ” –  jechuun, waan murteessuun isaa nama rakkisu jechuudha.
  1. Koomee irra ijaajjuu ” –  jechuun, ariifachiisuu, sarduu jechuudha.
    Maaloo koomee irra na hin ijaajjin.
  1. Waaqa fi lafa waamuu ” – jechuun, kakachuu jechuudha.
    Maaloo, akkasumaan Waaqa fi lafa hin waamin.
  1. Harka qalleesa/-ttii ” – jechuun,  iyyeesa/-ttii jechuudha.
    Maaloo, namicha/-ttii harka qalleesa/-ttii sana gargaaraa .
  1. Muka qilleensi raasu ta’uu ” – jechuun, dhaabbii dhabanii, asi fi achi xawalwaluu jechuudha.
    Ati maaliif akka muka qilleensi raasuu taataa ?
  1. Hibboo ta’uu ” – jechuun, danqaa, rakkisaa ta’uu jechuudha.
  1. Arraba dheerachuu ”  – jechuun, nama itti darbuu, nama tuquu jechuudha.
    Fakk. Wez. Amelewerk baayyee arraba dheeratti.
  1. Afuura baduu ” jechuun, oduun, waa’een namaa baduu jechuudha.
    Maal, ji’a lamaan darban kana afuurri kee maaliif bade ?
  1. Abidda furaa/saafaa ta’uu ” jechuun, hammaachuu, to’atamuu diduu jechuudha.
    Lunni araarsaa argate abidda furaa/saafaa ta’a.
  1. Abidda fi cidii ta’uu ” jechuun, caalaatti walitti hammaachuu, farroomuu jechuudha.
    Warra duraan fira turantu abidda fi cidii walitti ta’e.
  1. Afaan nama gossuu ” jechuun, hedduu haasa’uu, wasanbaruu jechuudha.
    Dubbiin namicha sanaa afaan nama gossa.
  1. Afuura namaa qabaachuu ” jechuun, oduu namaa beekuu jechuudha.
    Maaloo afuura Dafinee qabdaa ?
  1. Aduu duummessaa baate ta’uu ” jechuun, rakkinaa ega ba’anii hammaachuu jechuudha.
    Iyyeesi soorome akka aduu duummessaa baatee, nama hin ilaallatu.
  1. Arraba/afaan darbuu ” jechuun, arraba dheerachuu jechuudha.
    Waaqaa jedhii, maaloo arraba/afaan nama itti hin darbin.
  1. Arraba lama dubbachuu ” jechuun, waan wal faallessu dubbachuu jechuudha.
    Maali namichi hin saalffane kun, arraba lama dubbataa ?
  1. Achi kaattii/buutee baduu/dhabamuu ” jechuun, cala’uu, dhidhimuu jechuudha.
    Sangaan keenya achi kaattii/buutee bade/dhabame.
  1. Ayyaanni nama irraa balleesuu ” jechuun, naasuu, rifaatuu cimaa jechuudha.
    Sagaleen waraabessaa ayyaana nama irraa balleesa.
  1. Ayyaana namaaf kadhachuu dhiisuu ” – jechuun, sossobuu, shooshiluu dhiisuu jechuudha.
    Fakk.: Ijoolleen ayyaana kadhanaaniif ittuu caalti.
  1. Afaan guutanii dubbachuu ” – jechuun, ofitti amananii dubbachuu jechuudha.
    Tolaan hojii isaa waan beekuuf afaan guutee dubbachuu dadhabe.
  1. Akka dhufaniin/dhaqaniin deebi’uu ” – jechuun, harka duwwaa deebi’uu jechuudha.
    PM Onkolon Awuropaa irraa gargaarsa dhabee akkuma dhufetti deebi’ee gale.
  1. Akka bokkaa arfaasaa ” – jechuun, waan tasa ta’u jechuudha.
    Keessummaan akka bokkaa arfaasaa nurraan ba’e.
  1. Bishaan dhagaa irrati naqame ta’uu ” – jechuun, waa nama itti dhagaamuu dhiisuu jechu.
    Namicho, waa sitti himuun bishaan dhagaa irrati naquu jechuudha mitii ?
  1. Bitaa nama itti galuu ” – jechuun, danqaa fi rakkisaa nama itti ta’uu.
    Dubbiin bitaa isatti gale.
  1. Baanqaa buusuu ” – jechuun, iyyuu, caraanuu jechuudha.
    Guulloo xinnoo tokkotu banqaa buusee Hambisaa naasise.
  1. Boolla namaaf qotan ofii seenuu ” – jechuun, kiyyoo tokkoof kiyyeesan ofii lixuu jechu.
    Nami boolla namaaf qotu ofumaaf lixa.
  1. Bishaan fi midhaan namaaf baasuu ” – jechuun, egeree gaariin namaaf ba’uu jechuudha
    Waaqayyo bishaan fi midhaan siif haa baasu.
  1. Dubbii bukkee naanna’uu ” – jechuun, ifa baasuu dhiisuu, jechuudha.
    Dubbii bukkee naanna’uu dhiisii ifa baasii dubbadhu.
  1. Burraa karrayuu ” – jechuun, qabaa dowwachuu jechuudha.
    Lunni araarsaa argate burraa karrayuu jedha.
  1. Baala waa irra buusuu ” – jechuun, beekaa dubbii ukkaamsuu jechuudha
    Aanga’ooti biiroo keessaa dhimma namaa irra baala buusuu jaallatu.
  1. Biyyoo uffachuu/nyaachuu ” – jechuun, baduu, hojiidhaa ala ta’uu jechuudha.
    Manni sun caccabee biyyoo uffate.
  1. Bubbee ta’uu ” – jechuun, oduu facaasuu, firfirsuu jechuudha.
    Namittii bubbee kana attamuma godhu laata yaa Waaqayyo.
  1. Buufaa buufuu ” – jechuun, hedduu sobuu, afuufuu jechuudha.
    Namicha ganda keessa deemee buufaa buufu kana akkam godhu laata.
  1. Bishaan waa itti naquu ” – jechuun, baala waa irra buusuu, dhiduu jechu.
    Maaloo ati dubbii namaa itti bishaan hin naqiin.
  1. Cagginoon namatti ka’uu ” – jechuun, qaracaan namatti ka’uu jechuudha.
    E’ee, gaafa cagginoon kee sitti ka’u akka inni si godhu hin beekan !
  1. Dudda waliihooquu ” – jechuun, wal gargaaruu jechuudha.
    Israa’el fi Ameerikaan dudda waliihooqu.
  1. Damma fi aannan walitti ta’uu ” – jechuun, waliigaluu, walifudhachuu jechuudha.
    Waaqayyo damma fi aannan isin haa taasisu.
  1. Dalga namatti galuu ” – jechuun, danqaa, wallaalchisaa ta’uu jechuudha.
    Haalli bara har’aa dalga namatti galee jira.
  1. Duruu durii…………….. ” – jechuun, isa durii caalaa fooyya’uu, ykn immoo hammachuu jechu.
    Duruu durii `bareedde bareedde jennaan mucaan ija babaafte`.
  1. Dubbii nyaachuu ” – jechuun, dubbii kokkotuu, xaxuu jechuudha.
    Nami dubbii nyaatu rakkina uuma.
  1. Damacaa gidduu galuu ” – jechuun, waa lama gidduutti qabamanii rakkachuu jechuudha.
    Gibxiin damacaa Ameerikaa fi Rusiyaa gidduutti rakkachaa turte.
  1. Dudda fi garaa ta’uu ” – jechuun, walidhabanii gama fi gamana goruu jechuudha.
    Biyyooti lamaan dur dammaa fi aannan turan, amma dudda fi garaa ta’an.
  1. Dubbii xaxuu ” – jechuun, dubbii jallisuu, micciiruu jechuudha.
    Dubbii xaxuun rakkina fida malee ballina hin fidu.
  1. Dubbiin morma nama ga’uu ” – jechuun, dubbiin guddatee daangaa irra ga’uu jechuudha.
    Dubbiin namicha buufa buufuu sun morma nama ga’ee jira.
  1. Dubbiin funyaan nama ga’uu ” – jechuun, dubbiin guddatee daangaa irra darbuu jechuudha.
    Dubbiin namicha bubbisuu sun funyaan nama ga’ee jira.
  1. Dibaa galagalchuu ” – jechuun, rakkina, walanee darbe kaasuu jechuudha.
    Rakkini jiruyuu nu ga’a, mee atimmoo dibaa gala hin galchiin.
  1. Dubbiin bishaan inkoolaa ta’uu ” – jechuun, quubsuu dhiisuu, ga’aa ta’uu dhiisuu jechuudha.
    Sababi obbo Barkeessaan dhiiyeese hamma bishaan inkoolaati.
  1. Ciimmaa qeerransaa ta’uu ” – jechuun, dhabamuu, yaallooti kan hin argamne jechuudha.
    Bara gandiin saawwa fixe, dhadhaan ciimmaa qeerransaa ta’ee ture.
  1. Dhadhaa abidda bu’e ta’uu ” – jechuun, waan darbe, kan hin deebine jechuudha.
    Wanti ati dubbatu kun hamma dhadhaa abidda bu’eeti. Raawwateera !
  1. Dhinbbiibaa ta’uu ” – jechuun, dubbii, iccitii qabachuu dadhabuu jechuudha.
    Nami dhinbbiibaan akka bubbee waa hunda firfirsa.
  1. Dhallaaduu bishaan keessaa ta’uu ” – jechuun, dhaabbii cimaa dhabuu, asi fi achi raafamuu jechu.
    Ati yoom akka dhallaaduu bishaan keessaa asi fi achi jechuu dhiiftaa ?
  1. Fuula kennuu/dhowwachuu ” – jechuun, faara, haala kennuu/dhowwachuu jechuudha.
    Hambisaan obboleettii Belay fuula dhowwatee ture.
    Garuu isheen Hambisaaf fuula laattee turte.
  1. Foon lafa bu’e ta’uu ” – jechuun, dubbii lixuu, rakkina ofitti fiduu jechuudha.
    Ofumaan dhaqxee foon lafa bu’e of goote mitii ? Amma argikaa !
  1. Gogaa harquu ” – jechuun, rakkina hin jirre wowwaachuu jechuudha.
    Warri abbaaqabeenyaa kasaarre jedhanii gogaa harqu.
  1. Gurra qeensuu ” – jechuun, yaada guutuudhaan, miiraan dhaggeefachuu jechu.
    Lubeen takka takka Gaara Qorkee irra dhaabbatee qurra qeensitee dhaggefachaa turte.
  1. Garaa ballachuu ” – jechuun, obsuu, cinniinachuu jechuudha.
    Garaa ballachuun bu’uura furmaataati.
  1. Garaa qabaachuu/dhabuu ” – jechuun, onnee qabaachuu/dhabuu jechuudha.
    Kan garaa qabu leeca dura dhaabbata, kan garaa hin qabne hantuuta baqata.
  1. Guyyaa saafaadhaan waa gochuu ” – jechuun, sodaa fi saalfii malee ifaadhumatti waa gochuu.
    Maal namichi utuma nami arguu guyyaa saafaan nama sobaa ?
  1. Gufuu karaa irraa ta’uu ” – yeroo hunda namaan walitti bu’uu, walidhabuu jechuudha.
    Inni hamma gufuu karaa irraatii obsaa dhiisaa.
  1. Gaafa baasuu ” – jechuun, dubbii barbaaduu, dubbiif qophaa’uu jechuudha
    Nigusee fi Belay ega Hambisaan wal dhabanii gaafa baasanii turan.
  1. Gogorrii kiyyoo lixe ta’uu ” – obsaanii garraamii fakkaatanii fucha eeggatanii maayii ba’uu.
    Hattuchii yammuu qabame gogorrii kiyyoo lixe ta’ee booda miliqee ba’e.
  1. Gabaa galgalaa ta’uu ” – jechuun, wajaawajii, sardama jechuudha.
    Walakkaan magaalaa Munich akka gabaa galgalaati.
  1. Gufuu fi gufaatii ooluu ” – jechuun, rakkina fi hamaan nama hanqachuu jechuudha.
    Gufuu fi gufaatii malee bakka fedhan ga’uu.
  1. Gabaa galte dhufuu/dhaquu ” – jechuun, ega waa darbee waa gochuu, dubbachuu.
    Ega gabaan galtee atimmoo irribaa dammaqxe mitii ?
  1. Harka dheerachuu ” – jechuun, hatuu, waa loosuu jechuudha.
    Obbo Juleen harka dheerata jedhanii hamatu.
  1. Harka muranii dudda irra kaa’uu ” – jechuun, gowwomsuu jechuudha.
    Namooti Markatoo harka moranii dudda irra nama kaa’u, yammuu waa gurguratan.
  1. Harka xinnaachuu ” – jechuun, donnoomuu jechuudha.
    Adde Wexeen baayyee harka xinnaatti jedhanii hamatu.
  1. Harka gogaa ” – jechuun, harka duwwaa jechuudha.
    Maal jarana harka gogaa mana jara sana dhaqnaree ?
  1. Haaduu doomaan nama muruu ” – jechuun, yeroo dheeraa nama rakkisuu, lubbutti taphachuu.
    Poolisiin sun fayila koo dhossee, haaduu doomaadhaan na muraa ture.
  1. Hidda hin kunnee ” – jechuun, dadhabaa kan waa dhimma hin baafne jechu.
    Obbo Qaxxiseen homaa waa hidda hin kutuu hin abdatinaa.
  1. Hojii ofii nyaachuu ” – jechuun, hammeenyi hojjetame abbaatti deebi’uu jechu.
    Namichi hammina akkasii kana hojjete, hojii isaa haa nyaatu.
  1. Harree waraabesa argite ta’uu ” – na’anii, wareeranii baqachuu.
    Nami nama hamatu yammuu namicha argu akka harree waraabesa argitee ta’a.
  1. Hin qaqqabatin ” – jechuun, yeroo hin balleesin jechuudha.
    Maaloo hin qaqqabatinii dafii kottu.
  1. Hadheessuu ” – jechuun, maqaa namaa balleesuu jechuudha.
    Utuu hin hubatin nama hadheesuun gaarii miti.
  1. Harka qallachuu ” ( jechasafuu ) – jechuun, iyyeessa ( jechasaalfii ) jechuudha.
    Namooti harka qalleeyiin gargaaramuu qabu.
  1. Harka namaan abidda qabachuu ” – jechuun, nama biraatiin maayii ofii ba’uu jechu.
    Harka namaan abidda qabachuun nama hin dhibu, nama hin rakkisu.
  1. Haafa butuu ” – jechuun, kanas sanas walitti haranii haasa’uu, hojjechuu
    Qaana’anii haafa butuu salphina guddaadha.
  1. Harka nyaachuu ” – jechuun, kan nama gargaare deebi’anii miidhuu jechuu
    Nami harka nyaatu nama birattis, Waaqayyo birattis cubbamaadha.
  1. Harree kanniisi ciniine ta’uu ” – jechuun, wareeranii baqatanii baduu.
    Indaaqqoti yammuu culullee argan harree kanniisi ciniinte ta’anii buna jala badan.
  1. Hamma xurii qeensaatti fudhachuu dhiisuu ” – jechuun, tuffachuu, akka hin jirretti fudhachuu.
    Waa hunda hamma xurii qeensaatti fudhachuun gaarii miti.
  1. Hamma nyaatanii dhugan waa gochuu ” – jechuun, qusii malee humna hamma qabaniin fayadamuu
    Obbo Karrayu hammuma nyaatee dhugu sangaa isaa rukute, abaare.
  1. Harma jige ” – jechuun, waan takkaa hin deebine jechuudha.
    Harma jige, wowwaatee waan fidu tokkoyuu hin qabduu dhiisi.
  1. Ija fuudhuu dhiisuu ” – jechuun, saalfii dhiisuu jechuudha.
    Maal kun kan ija hin fuune kun jarana !
  1. Itti ciniinachuu ” – jechuun, 1. Obsuu. 2. Hammeenya namatti yaaduu.
    1. Itti ciniinadhuu hojii kee fixi . 2. Jarri lamaan baayyee walitti ciniinachaa jiru jedhan.
  1. Irraa jalaan ” – jechuun, dabaree dabareedhan jechuudha.
    Hojii kana irraa jalaan malee si’a tokkoon hojjechuun hin danda’amu.
  1. Ilkaan namatti qarachuu ” – jechuun, namatti ciniinachuu jechuudha.
    Jarri lamaan ilkaan walitti qarachaa jiru.
  1. Ibsaa gaanii keessaa ” – jechuun, beekumsa dhokataa, ukkaamamaa jechuudha.
    Beekumsi of keessatti qabame taa’e ibsaa gaanii keessaati.
  1. Ija kudhaamachuu ” – jechuun, saalfii dhabuu, ija hin fuunee ta’uu jechuudha.
    Jara keenyaa kun ija kudhaamattekaa, takkaa hin saalfattu.
  1. Ija baachuu dadhabuu ” – jechuun, ijajabaachuu dadhabuu, saalfachuu jechuudha
    Hattuun hojii ishee beektiif ija baachuu dadhabdi.
  1. Jimmaa jimmiitii ta’uu ” – jechuun, callisuu, usuu jechuudha.
    Maal jarana akka warra du’aa jimmaa jimmiitii taatanii ?
  1. Jabbii hidhaa kutatte ta’uu ” – jechuun, gammadanii to’atamuu diduu jechuudha.
    Ijoolleen uffata haaraa argatte jabbii hidhaa kutatte taati.
  1. Jabbii haadha argite ta’uu ” – jechuu, gammadanii burraaquu jechuudha.
    Toleeraan waggootii dheeraa boda warra isaa argee jabbii haadha argite ta’e.
  1. Kan qaban fi kan dhiisan wallaaluu ” – jechuun, waan godhan wallaaluu, rakkachuu
    Nami rakkate waan qabu fi waan dhiisu hin beeku.
  1. Lafeen mormatti nama rakkachuu ” – jechuun, waan dubbatan wallaalanii rakkachuu.
    Maal namicho lafeetu mormatti si rakkatee maaf hin dubbatu ?
  1. Lafeen lammii nama waraanuu ” – jechuun, seenaan nama gaafachuu jechuudha.
    Nama ergaa seenaa irraa maqe lafeen lammii isaa waraanu.
  1. Lafi namaan galagaluu ” – jechuun, waan godhan wallaalanii fajajuu jechuudha.
    Magaalaa Finfinnee keessa badeen lafi gala naan gale.
  1. Lafa irra nama butuu ” – jechuun, tursuu, dafanii raawwachuu dhiisuu jechuu
    Warri biiroo keessaa lafa irra nama butu malee dafanii dhimma namaaf hin baasan.
  1. Lafa guuruu ” – jechuun, dulloomuu, jaaruu jechuudha.
    Namichi sun irraa hin mullatu malee baayyee lafa guureera.
  1. Muka fi jirmatti bubu’uu ” – jechuun, hundaan wal dhabuu, walitti bu’uu jechu
    Nami machaa’ee muka fi jirmatti bubu’aa deema.
  1. Muka fi baala waliin dha’uu ” – jechuun, tartiiba malee dubbachuu, hojjechuu
    Mee muka fi baala waliin dha’uu dhiisiiti ibsii dubbadhu.
  1. Muka baala jechuu dhiisuu ” – jechuun, dubbachuu, haasa’uu dhiisuu jechuu
    Ani dubbicha dhaggefadheen muka baala utuun hin jedhin deeme.
  1. Mataa nama maruu ” – jechuun, nama dursuu jechuudha.
    Lammessaadhaa dubbachuuf ka’e, atimmoo mataa marte.
  1. Miilla dhufan/dhaqaniin deebi’uu ” – jechuun, harka duwwaa deebi’uu jechuudha.
    PM Onkolon gargaarsa Aworopaa irraa dhabanii miilluma dhaqaniin deebi’anii galan.
  1. Midhaan manaduubaa ta’uu ” jechuun, dagatamuu, irraanfatamuu jechuudha
    Nami callisaan midhaan manaduubaa ta’a.
  1. Mataa fi miilla wallaaluu ” – jechuun, namaagaluu diduu, rakkisaa ta’uu jechu
    Dubbii kee mataa fi miilla isaa wallaale.
  1. Mirgaan galuu ” – jechuun, mo’ichaan, injifannoon galuu jechuudha
    Nami mirgaan galu hawwaasa keessati ulfina guddaa qaba.
  1. Muki afaanitti nama cabuu ” – jechuun, waan dubbatan wallaalanii danqamuu.
    Yammuun gaaga’ama sana arge mukatu afaanitti na cabe.
  1. Mana galgalaa ” – jechuun, egeree, jireenya borii jechuudha.
    Waaqayyo mana galgalaa siif haa kennu.
  1. Muka muka irraa ” – jechuun, kan wabii hin qabne, kan abdii hin qabne jechuudha.
    Wanti isaan dubbatan hundi isaa muka muka irraati.
  1. Miilla tokkoon dhaabbachuu ” – jechuun, qarqara kufaatii, badii irra ga’uu jechuu
    Biyyi Soriyaa miilla tokkoon dhaabachaa jirti.
  1. Madaa namaa tuttuquu ” – jechuun, dudubbatanii rakkina nama kaasuu jechuu
    Namichi ofiiyyuu rakkateera maaloo madaa isaa hin tuttuqinaa.

Egaa kunooti, Galaani Afaan Oromoo isa daakanii laafaatti keessaa ba’an miti.
Akkaataan haasotii ( Idioms ) Oromoo yartuu ani dhiyeesse kun, Oromiyaa keessaa kan naannoo xinnoo tokkooti. Oromiyaa balloo keessa immoo haasoti (idioms) akkasii kun miliyoonan kan lakkawamantu jiru jedheen amana.

Garuu ani asuma irratiin dhaabaa, horaa bulaa, jiraadhaa.