WG: AW: Seerafaan Oromoo

WG: AW: Seerafaan Oromoo

Beka, Ebla 18, 2019

Asooga fi asoosami guddina ogbarrruuf lafa sondii ta’anii utuu jiranii, garuu immoo, akkuma muki hidda malee dhaabbachuu hin dandeenye, damee fi baala malees bareeduu hin dandeenye, afaan uummata tokkoos ogbarruu isaa keessati seera seerafaan isaa yoo hin egine, guddatee lalisee badhaadhina afaanichaa agarsiisuu hin danda’u.

Afaan keenyas akkuma afaan uummatoota biroo seera mataa isaa haa qabaatuyyuu malee, hanga guyyaa har’aa itti `Wiirtuu Qorannoo Afaan Oromoo` tokko dhabuun isaa, hamma silaa afaanichi guddachuu danda’u tokko akka hin guddane isa taasiseera. Wiirtuun akkasii kunis maaliif dhabame gaaffii jedhuuf, deebii isaa hayyoota Oromootiifan ( Oromo intellectuals ) dhiisa.

Afaan tokko sababii fi haala adda addaan dhalachuus ni danda’a, du’uus ni danda’a. Afaan tokko yammuu guddatu akka laga guutee waahunda haree yaa’uu, jechoota tokko tokko kan ofii hin qabne afaanota halagaa irraa liqeefataa ( loan words ), kaanis ofii uummachaa ( neologized words or coined words ), kan duraan qabus seerafaanefachaa ( grammaticalizing ) adeema.

Mee amma gara ijoo dubbii itti asi deebi’ee, jechoota dur yeroo Qubeen hin turin namooti keenya uumanii ittiin afaan isaanii guddisan haa ilaalluu. Jechooti kunis, “Maqsonii” (compound words ) yammuu jedhaman, isaanis kan irraa ijaaraman/uumaman:

1. Maqaa fi maqaa      ( noun + noun )

2. Maqaa fi gocha       ( noun + verb )

3. Boodabu’a* fi gocha ( preposition + verb )

4. Maqaa fi addeesa    ( noun + adjective )

* Hayyooti Oromoo tokko tokko jecha kana Afaan Inglizii isa preposition jedhu irraa galagalchanii ” durabu’a ” jedhanii waamu.

   Garuu, afaan Oromoo keessati addeesi booda dhufa malee akka Afaan Inglizii dura hin dhufu.

Fakkeenyaaf:  Mucichi barcuma irra taa’aa jira.

                     The child is sitting on a chair.

Mee egaa waa’ee maqsonii jedhu, kan Oromooti maqootii lama walitti hidhanii akka jecha tokko itti uuman haa ilaallu.

Fakkeenyaf: 

1. Maqaa + Maqaa ( noun + noun )

Awwaala + Diigessa  ———————————Awwaldiigessa

Farda   + Waaqayyoo———————————Fardawaaqayyoo

Muka   + Arbaa—————————————–Mukarbaa

Marga   + Qayyaa————————————–Margaqayyaa

Sinbir    + Halkanii————————————–Sinbiralkanii

Ilkaan    + Beeree—————————————Ilkaanbeeree

Damma + Daamuu ————————————Dammadaamuu

Hindaaqqoo + Sheexana —————————-Hindaaqqosheexanaa

2. Maqaa + Gocha ( noun + verb )*

Abdii + Kutuu——————————————-Abdiikutuu

Afuura + Baafachuu———————————-Afuurabaafachuu

Aara    + Galfachuu———————————–Aaragalfachuu

Dudda  + Ba’uu—————————————-Duddaba’uu

Dudda  + Baasuu————————————–Duddabaasuu

Faana   + Bu’uu—————————————-Faanabu’uu

Faana    + Dha’uu————————————-Faanadha’uu

Kaajii     + Ba’uu—————————————Kaajiiba’uu

Mataa    + Jabaachuu——————————–Mataajabaachuu

Qooda   + Fudhachuu——————————-Qoodafudhachuu

3. Boodabu’a + Gocha ( preposition + verb )*

Gadi + Ba’uu——————————————-Gadiba’uu

Itti + Fufuu———————————————-Ittifufuu

Itti + Beekuu——————————————–Ittibeekuu

Itti + Bu’uu———————————————–Ittibu’uu

Irra + Aanuu———————————————Irra’aanuu

Itti + Gaafatamuu————————————–Ittigaafatamuu

Jalaa + Ba’uu——————————————-Jalaaba’uu

Ol    + Galuu——————————————–Olgaluu

4. Maqaa + Addeessa ( noun + adjective )

Gabatee + Gurraacha———————————-Gabateegurraacha

Gaafa  + Torba——————————————-Gaaftorboo

Garbuu  + Birroo/Gannoo—————————–Garbuubirroo/…gannoo

Gara  + Jabeessa—————————————Garajabeessa

Gara + Laafessa—————————————–Garalaafessa

Gara + Balleessa—————————————-Garaballeessa

Ija   + Jabeessa——————————————Ijajabeessa

Ija  + Laafessa——————————————–Ijalaafessa

* Jechooti akkasii kun “gochoota gargarba’an” ( separable verbs ) jedhamu. Isaanis yammuu “hin” fi “ni” wajjin barreefaman gargarba’u.

Fakkeenyaaf: Ani abdii hin kutadhu.  ( asitti abdiikutachuun gargarba’eera )

                      Namichi xinnoo xinnoo afuura ni baafata. ( asitti afuurabaafachuun gargarba’eera )

Egaa Oromooti durii kana uumanii gara dhaloota har’aa itti dabarsanii jiru. Dhalooti har’aa immoo maaliif daandii kana gubbaa hin bu’an kan jedhu yeroo dhufu waliin ilaalla.

Egaa akka dhalooti baradurii jechoota adda addaa lama walitti hidhanii ( compound words ) jecha biraa kan  mataa isaa danda’e akka isaan uummatan ilaallee turre. Dhalooti barahar’aa immoo maaliif daandii sana irraa bu’anii afaan keenya hin fooyyessan isa jedhu immoo mee amma ilaalla.

Fakkeenyaaf:

Abbaa manaa              ( husband )                                    

Abbaa manaa              ( owner of the house )

Mee hima ( sentence ) keessatti haa ilaallu.

Abbaan manaa Tuujubee meerre ?  ( where is Tujubee’s husband ? )

Abbaan manaa sun meerre ?           ( where is that owner of the house ?, where is that husband ? )

Akka yaada kootti hikaan isaa akka kanaa jedheen yaada:

Abbamanaa                 ( husband ) asitti jechi kun maqaa nama tokkoo qofaa argisiisa.

Abbaa manaa              ( owner of the house ) asitti immoo, namicha fi qabeenya isaa argisiisa.

Egaa tartiiba kanaan yoo adeemame, waa baayyeetu qajeeluu qabu jechuudha. Isaan keessas warri yartuun warra kanaa gaditti barreefamaniidha:

Abbaa + Manaa—————————————-Abbamanaa          ( husband )

Abbaa + Duulaa—————————————-Abbaduulaa          ( commander )

Abbaa + Murtii——————————————Abbaamurtii           ( judge )

Abbaa + Barcumaa————————————Abbaabarcumaa   ( chairman )

Abbaa + Irree——————————————–Abbaa’irree           ( dictator, tyrany )

Mana + Barumsaa————————————-Manabarumsaa

Mana + Hakiimii—————————————-Manakiimii

Mana + Qulqulinaa————————————Manaqulqulinaa

Mana + Nyaataa—————————————Mananyaataa

Mana + Murtii——————————————-Manamurtii

Mana + Qophaa’inaa———————————-Manaqophaa’inaa

Mana + Bunaa——————————————Manabunaa

Akka kanatti yoo barreefaman, bakka fi yeroo qusachuu qofa utuu hin taanee, seerafaaniinis ( grammatically ) ni bareedu jechuudha.

Fakkeenyaaf, mee garaagarummaa kana haa ilaalluu:

Abbaan manaa adde Tuujubee mana barumsaa keessa hojjeta.

Abbamanaan adde Tuujubee manabarumsaa keessa hojjeta.

Mana nyaataa mana barumsaa Begii.

Mananyaataa manabarumsaa Begii.

Haadhi mana nyaataa mana barumsa Begii haadha manaa obbo Tuujubaati.

Haadhi mananyaataa manabarumsaa Begii haadhamanaa obbo Tuujubaati.

Lagi Sufii Umar lafa jala yaa’a.

Namichi sun lafajala nama miidha.

Haadhi gaayyaa bantii manaa mana barumsaa irra taa’aa jirti.

Haadhigaayyaa bantimanaa manabarumsaa irra taa’aa jirti.

Egaa fakkeenyuma yartuun barreese malee, warrii akkas akkasii kun kumaatamaan kan lakka’amantu jiru.

Akkuman jalqaba irraati jedhe, wanti tokko yoo ” Wiirtuu Qorannaa fi Sirreesaa ” qabaate qofa kan inni ititee seeraan karaa qabachuu danda’u. Hamma kun hin jirreti immoo, yeroo waa barreesinu itti yaadinee  ( Logically thinking and Abstract reasoning  ) hanqina afaanichi qabu hiikuu utuu yaallee gaarii natti fakkaata.

                                                           

1 Comment

  1. seerfaanni Oromoo (Oromo grammar) kun kan qophaa’e yaada nama tokkoo qofaan waan ta’eef, namoota yaada sirreesaa ta’e qabaniin xiinxalamee, wanni irraa hirrifamu ykn immoo itti dabalamu yoo jiraate qajeelfamuu ni danda’a jedheen yaada.

Comments are closed.