WBOn mana gogaa harree irraa ijaarame Miti kan gaafa

WBOn mana gogaa harree irraa ijaarame Miti kan gaafa waraabessi yuusu diigamu” Respect!

Gaaffii Oromoo tokko lamaan yoo deebite araarri waan hin milkoofneef hin jiru.


“Hin burjaaja’iinaan erga kooti. Wanti miidiyaan ol fuudhee iyyu hundi maali jedhaa ilaalaa. Wacni hundi odeeffannoo miti. Miidiyaan waan godhuu qabu godha irraa bituu fi dhiisuun kan isa caqasuuti. Mee miidiyaaleen amma WBOn gale jedhanii afarsan gaafa WBOn bakka akkasiitti namni ajjeefamaa jira jedhu jecha WBO dhaga’anii dhaqanii gabaasanii beekuu? Lafa gurgurraaf taatu irratti kan isaan dursu hin jiru. Kana quba qabaadhaa. WBOn nama 30 ykn 100 qofaa miti hedduutu jira. Nageenyi waaraa kan dhufu akka nama durba fuudhaaf aseennaa baafatuu maatii keessaa ababbalanii fuudhuun osoo hin taane hoogganaa haga miseensa waraanaatti waliin karaa sirrii dubbachuun dhufa. Kana Koreen Teeknikaa godhuu qaba malee akkasumaan saba keenyattis mataa dhukkubbii fi burjaajii uumuu hin qaban

Dábessá Gemelal


Oromoon seenaa dhufaa darbaa keessatti kullii fi kuukkii hedduu garaa keessaa qaba. Dhibeen abbaa dhibame keessaa haga buqqaatee hin baanetti abbuma kulkulfachiifti. Bakkashee hooquun yoomuu ni jiraata.

Qabsoo Oromoo keessaa akka qaama olaanaatti Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ,Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gahee hagana hin jedhamne taphatanii jiru. Gaheen isaanii qofaan osoo hin taanee uummata Oromoo bal’aa kana irratti hirkachuun,keessatti dhokachuunii fi waliin ta’uun qabsoo gaggeessan.

Bara mootummaa ce’umsaa ykn bara WBOn mooraatti dachaafame nuti hedduun keenya bara sana dhalanne badaa beekuu baannus waan ta’e abboota irraa dhageenyee jirra. Boodas madaa qabsaa’otaa ijaan ilaallee jirra. Maatii fi qe’ee manca’e kan ijaan hin agarre warra bara sana dura du’aan lafarraa godaane qofa. Maqaa ABOn meeqatu ajjeefame. Qabsaa’ota hedduun mana hidhaa keessatti du’an. Ilmaan Oromoo xiqqaa haga guddaatti karaa irratti salphifamanii ajjeefaman.

Seenaa qabsoo odeessuuf osoo hin taane amma maaliif akka burjaajiin dhalataa jiru ifa gochuun barbaada. Erga walii galteen biyya Eertiraa Magaalaa Asmaraatti mootummaa Itiyoophiyaa fi ABO gidduutti taasifameen booda hedduu keenyaaf abdiin jijjiiramni ni dhufa jedhu ifti xiqqoon nutti argamtee jirti jedheen amana.

Ammoo wanti erga biyyatti galameen booda ta’e wantoota nama rifaasisanii fi dhaabbatanii akka ilaalan nama taasisu hedduuti jira.ABOn akka barbaadutti socho’uu dadhabuun shakkii uumeera. Gara jalqabaa irratti uummatni gola Oromiyaa bakka adda addaa jiraatu Waajjira ABO kan durii san deebisee banachuu eegalee ture. Kanneen banaman erga hojii eegalaniin booda hooggantootni waajjiraa hidhamuu fi qabeenyi saamamuun mogolee buufame.

Deeggartoonni fi miseensonni ABO ammallee guyya guyyaan funaanamanii hidhaman gadi lakkifamaa hin jiran. Akka koreen Teeknikaa kan Araaraa jedhutti erga waraanni moraatti galeen booda rakkoolee kana mootummaa waliin taanee furra kan jedhu dha. Gaaffiin uummataa fi jaallattoota akkasumas deeggartootaa fi addatti immoo miseensota ABO hedduu biraa kaafamaa jiru ‘’osoo mooraatti waraana hin galchiin nama hidhamee jiru hiikuun hin danda’amuu?’’ isa jedhu dha. ‘’Namoota hidhaman kana qabsiisaniitu waraana galchaa jiru moo?’’ kan jedhanillee hin dhabamne.

Dubbiin hubadhaa araara jibbuu osoo hin taane adeemsa adeemamaa jiru kanatu haga hooggantoota Waraanaatti mufii guddaa fidee jira. Ammuma gidduu kana kara lixaatti wanti ta’aa jiru ifaa miti. Kibbattis akkasuma yakki hedduun namoota koree kana waliin deemuun bakkoota gara garaatti isaan geessan irratti taasifamee jira. Namoonni toorba (7) koree waliin deemaa turan RIBn ajjeefamnii lama (2) kan koree keessaa achumatti hidhamanii jiru. Kun miidiyaalee galuu WBO afaan bananii iyyaa oolan biratti daqiiqaa tokkoofuu gatii hin qabaanne. Koreen sunis namni na biratti ajjeefamee jira jedhee gabaasuuf humna dhabuu mala.

Inni kan biroon Abbootiin Gadaa fi Jaarroleen bakka adda addaa jiran hoogganoota waraanaa osoo hin dubbisiin Xalayaa Jaal Daawud hoogganoota waraanaaf barreessan ijoolleetti agarsiisuun ‘’koottaa galaa nutu wabii lubbuu keessanii ta’a, homaa hin taatan Jaal Daawudiyyuu kana barreessee isinitti erge’’ jedhanii hojii toora hin qabne dalagaa jiru. Kun sirrii miti waraanni kan galu yoo ta’e hoogganaa haasofsiisuun seeraan waraana maraaf akka ajaja dabarsu gochuu dha. Lixatti wanti dubbachuuf nama suukkanneessu ta’ee jira. Kana ammaaf afaan koottan qabadha. Jaarrolee fi Abbootiin Gadaa keenya bakka adda addaa jiran osoo ijoollee wal miisisuu irraa xiqqoo of qusatan wayya. Dhugaadha isaan garaa Oromummaa sanaan koottaa galaa jechuu malu naamusni waraanaa immoo qofaatti jira. Miseensi waraanaa kamuu ajaja olaanaa haga hin argannetti sochii kamuu taasisuun sirrii miti. Osoo hoogganaan olaanaan ajaja hin dabarsiin xalayaa gara hoogganaatti barreeffame ijoolleetti agarsiisanii garaa garummaa uumuun wal jibbisiisuun gaarii miti. Kun of eeggannoo osoo taasifamee akka nama dhuunfaatti nan gammada. Faayidaan isaas hunduma keenyaaf ta’a. Kan diinni ajjeesuu dadhabe wal ajjeesisuun dansaa miti.

Gaaffilee fi haaldureewwan WBO Zoonii maraan lafa kaayame hojiitti jijjiiruun akka WBOn adeemsa jiru keessatti ofuma mataa isaatiin dhufee makamu godha. Akka nama booji’eetti suura namaa facebook fi tv irratti facaasanii halaakuun furmaata waaraa hin fidu. WBOn bosona jiru nama amma suura kaasanii dhooban kana qofaa miti. Isa hafetti morkii dabaluu ta’a. Haaloo fi dhidhiibboo wal keessatti uumuun hedduu badaa dha.

Wanta taasifamu mara beekamtii dhuunfaaf osoo hin taane faayidaa uummataaf oolchuun hedduu seenaa bareedduu dhalootaaf kaayuu taati.Seenaan ofii boollaa olitti hafti. Namni namicha sana kan jedhamee waamamu haga fayyaa qabutti qofa jedha Oromoon. Yoo miilli cite ykn iji jaame maqaa qaama hir’uu itti dabaluun waamuu eegala waan ta’eef. Nutis waan har’a goonu kana keessatti akka nama fayyaatti haa dalagnu firoota koo.

Inni biroon kaadiroonni diiggaa fi xobbeewwan yaada hooggantoonni waraanaa kaasaa jiran kana waabeffachuun diiggaa facaasuu eegalanii jiru. Innis hoogganoonni waraanaa ajaja Jaal Daawud hin fudhatan kanaaf didaa jiru kan jedhu dha. Hoogganaan ajaja Jaal Daawud hin fudhu jedhe garuu haga yoonaa hin jiru. Hundi isaanii hooggansa ABOf ni ajajamu. Wanti isaan jedhan Xalayaan Jaal Daawud isaanitti kennan sana qabatanii nuun haa arganiitii ni haasofna isa jedhu dha. Isayyuu wal arguuf kan rakkoo ta’e Koreen kun RIB ofitti marsee waan deemuuf akkamitti walitti akka dhufnu hin qabnu jedhu. Dhugaa dha amma isaan osoo waraanni waliin deemuu akkamitti waliin taa’anii marii taasisu? Walitti dhukaasuuf wal argu moo mariif?

Akkasumas adeemsota kanaan alatti burjaajiin deeggaraa,miseensaa fi jaallattoota ABO fi WBO biratti uumamaa jira jedheen yaada. Hin burjaaja’iinaan erga kooti. Wanti miidiyaan ol fuudhee iyyu hundi maali jedhaa ilaalaa. Wacni hundi odeeffannoo miti. Miidiyaan waan godhuu qabu godha irraa bituu fi dhiisuun kan isa caqasuuti. Mee miidiyaaleen amma WBOn gale jedhanii afarsan gaafa WBOn bakka akkasiitti namni ajjeefamaa jira jedhu jecha WBO dhaga’anii dhaqanii gabaasanii beekuu? Lafa gurgurraaf taatu irratti kan isaan dursu hin jiru. Kana quba qabaadhaa. WBOn nama 30 ykn 100 qofaa miti hedduutu jira. Nageenyi waaraa kan dhufu akka nama durba fuudhaaf aseennaa baafatuu maatii keessaa ababbalanii fuudhuun osoo hin taane hoogganaa haga miseensa waraanaatti waliin karaa sirrii dubbachuun dhufa. Kana Koreen Teeknikaa godhuu qaba malee akkasumaan saba keenyattis mataa dhukkubbii fi burjaajii uumuu hin qaban.

Ani akka dhuunfaa kootti nagaa,badhaadhina, bilisummaa fi walabummaa Oromoo fi biyya Oromiyaan hawwa. Nageenyi saba bal’aa Oromoof!

Nagayaan

Odaa Gurree


Namni Gotaa Kana ajjesee Seerati Dhiyachuu qaba Arts #DadhiiGalaan Nama tokkoo mitti tulaa art Oromotti mancha,ee.


MAQAA , LAKKOOYSA #BILBILA, KOREE TEEKNIKAA FI ARAARAA ABO FI MOOTUMMAA GIDDUU JIRANIITI !!

Via Waadaa QEERROO oromoo/shira OPDO jalaa Saaxilame! Dhaamsa miseensi raayyaa ittisa biyyaa tokko naaf ergee ture.
Jaal akkam jirta naguma! Araara qaamni mootummaa ABO # WBO gaafachaa jiru attamitti ilaaltu. Maqaa koo internatii irratti hin barreessin yaada iccitii tokkon siif hiraa.
1) Humna waraana WBO cabsee RIB bakka qabachuu waan dadhabeef ol iyyaannoo qaama mootummaatti dhi’eeffatee ture. Mootummaanis fala ittiin waraanni daangaa keessaaf qarqaraa buufatuuf araara kana da’eeffatee waraana kana bakka qabachifachuudha
2) Inni lammaffaan bakka waraanni WBO baay’inan Jiruu qoratamee haleellan jalqabaa yeroo hin beekamnetti ta’u
3) Ajajoonni waraana WBO Zoonii 22 ol keessa qabatanii jiran hordoffii guddaan ta’efii akka qabaman ykn du’an murteeffameera.
4) Maallaqni yoo xiinnate Itoophiyaa waggaa lama ijaaruu danda’u waraanaafi basaaftuu gad dhiifameera.
5) Meeshaa meeshaa qabu malee humna waraanaafi leenjiin kenname yaartuudha. Kanaaf yoo xiqqaate bifa araaran harkaniif guyyaa oli gadi sochoonee hangasitti haala mijeeffanna
6) Ummata oromoo golaaf gurdubaan baanee WBO jibbisiisuu qabna
7) Bakka argamaniitti guyyaa guyyatti ajjeessuu akka waraana dabalataa hin leenjifneef danqu
8) Tarkaanfii suukanneessaan jiilchuu kan jedhu ajandaa marii dhoksaa ture.
9) Dhoksaan marii tibbanaa irra keessa misooma jalaan waraana guddaa kan fiduudha.
Kanaaf Jaal koo WBOn meeshaa hiikkachuurraa akka fagaatu dhaamsa koo biraan naaf ga’i. Akkasuma dammaqaa hordoffiin keessan cimaadha. Araara kana boodas dhukaasni waliin goonu baay’ee shakkii him qabu. Nagaatti ani dirqamaaf malee Sabboonaa dha.

Via : Maammee Caffee



Ethiopia: ሕብር ዜና ትንታኔ Hiber News Analysis

Wow!!!!!!!!!!!!