WBO – Dhaloota xiiqiin..! Jaal Maarroo fi Jaal Goollichaa Fala roorroo!

Ajajaa WBO Zoni Guji Goollicha Dheengee 
Maarroo
Ajajaa WBO zooni Lixaa Jaal Maarroo
WBO boruu

Dhaloota xiiqiin..!
Dhugaan lafarra jirtu galteefii dhugaa faana dhaabachutu furmaata.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo qormaata heddu keessa kuttee har’a geesse tana dhaloota dirree qabsichaarratti hiriiree jiru ukkaamsuun ,hidhuun,waraana irratti bobbaasuu fi burjaajessuun ni balleesa/of duuba deebisa jedhanii yaaduun gowwummaa dha.Kanaaf immoo dhaloota lafaa dhufaa jiran hubachuun gahaa dha.Taphni ilmaan Oromoo olguddachaa jiranii leenjii fi shaakala waraana bilisummaa Oromoon tahee jira.Abdii namatti hora.
“Qabi irratti jaal Maarroo”
“Qabi irratti WBO” jedhu.

##AKEEKKACHIISA QEERROO BILISUMMAA OROMOO MAGAALAA NAQAMTEE IRRAA

magaalaa Naqamtee keessatti yeroo ammaa maqaa QBO tiin guyyaa gabaa lagannaa jettanii namootni tokko tokko namootatti himaa akka jirtan bira geenyeerra.

Qindeessitoonni yaada kanaas Barsiisota Wallaggaa Yuuniverstii lama akka tahanis barree waan jirruuf akka irra of qusattan isin akekkachiisna.
Yaada kana ummata keenya command post irratti labsamee saamamaa jiru irratti qindeessuun ergama diinaa fudhattanii balaa qaqqabsiisuuf waan yaadaa jirtaniif akka irraa of qusattan isin beeksifna. Yoo diddanii ammas waamicha maqaa QBO tiin kan gootan tahe maqaa keessanii fi suuraa keesaan hojii keessan maxxansuun ummataaf ifa goona.
yeroo kanatti Gabaa lagannaa jedhamee waamichi maqaa QBOtiinis tahe qaama biraan godhamaa jiru fudhatama akkan qabne ummatni keenya magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee beekuun hojii idilee isaa cinaatti qabsoo akkuma amma itti jirutti waan qabsoon gaafatu akka godhu waamicha isiniif dabarsina.

Jaal Maarroo
Fala roorroo!
____________
Jaal Maarroo dhaloota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fincilli Diddaa Garbummaa miixatee dhale Hangafoota keessa isa tokko.

Maarroon ilmi sabaa kun barnoota sadarkaa 1ffaa, lammaffaa fi qophaa’inaa akkuma xumureen Yuunversiitii Finfinneetti ramadamee muummee barnoota Management keessatti barataa ture. Yerooma barataa ture kanatti gaaffii barattoonni Oromoo Mootummaa abbaa irree irratti kaasaniin wal qabatee hidhamee hidhaas ture. Roorroo kanaan itti dhufeen wal qabatee Fincila Diddaa Garbummaa muddee 2005 labsameen booda barattootaa fi Qeerrowwan Oromoo kallattii isaanii gara Carraa qawwee kaasuuf affeerte keessaa Maarroon tokko ta’ee argame.
Haala kanaan gara Zoonii Kibbaatti qajeele. Bara 2006 dirqama bobbaatiin gara Finfinneetti deebi’e.
Kun kanaan osoo jiruu walakkeessa 2007 keessa baatii Caamsaa keessa Mootummaan gabroomfataa tika isaa biyya ollaa gama Keniyaatti bobbaasuun Engineer Tesfahun Camadaafi waahila isaa Engineer Mesfin Abbabaa qabuun harka isaa galfate. Yeroon kun egaa mooraa qabsoo Oromoo akka haarayatti bifa addaan sochii eegalteef yeroo haalan hamtuu turte. Qabamuu jaallan kanaan walqabatee gaga’amni fi saaxilamuu hamaan Riphee loltootaaf dabballee uummataa irratti raawwate. Yeroo kanatti Maroon/Kumsaan dirree qabsoo Bosonaatti deebi’uuf dirqame.

Osoo hin turre bara 2008 gama jalqabaa Mooraa QBO keessatti fottoqinsi tahe. Mooraan dirree kibbaas waldiddaa dhalate kanaaf saaxilame. Sababaa kanaan WBOn qoqqoodame. Kanaan wal qabatee diinnis haala mijaawaa kanattı fayyadamuun qabsaahotatti bobba’e. Egaa yeroo kanatti jaal Maroon faana balleeffachuuf gara biyya ollaa gaanfa Afrikaa ka birootti sosso’e. Haala kanaan carraan biroon Jaal Maroo isa quunnamte. Tikni mootummaa abbaa irree harki isaa dheeraa waan taateef mootummaa Ugandaa qabsiisuun akkuma Tesfahunif Mesfiniin harka galfatan isas butuuf yaalii guddaa godhan.

Namoonni Oromoo naannoo san qubatan dafanii dhaqqabuuniif akka dabarfamee hin kennamne irratti dalagan. Akka kanaan mootummaan Uganda ganna tokkoofi baatii muraasa itti murteesse. Nama ogeessa Seeraa beeku qacaruun jala bu’uun akka hordofamu taasifame. Murtee itti murtaahes fixatee bahe. Achirraas baafate, egaa osoo akka namoota kaani biyya jijjiirratee jiruu mataa isaa osoo jiraachuu dandahuu, “kaayyoo koo hin sharafu” jechuun gara dirree qabsootti deebi’e.

Yeroo gabaabduu booda gama Lixa Oromiyaatti deemuun (Ertiraarraa ka’uun Sudaan keessa Miillaan baatii sadii deemee Begii ga’uun) tokko jedhee waraana ijaarrachuu eegale. Wareegama jaal Laggasaa Wagii bara 2009 walqabatee jaallan faca’an deebisee dhaabe. Sochii isaas jabeeffate, dhaloota qubee Qeerroo dammaqsuu irratti xiyyeeffachuun dhaloota fincilaa naannoo san irratti jabeesse.

Namni kun mootummaa Tigiree lubbuun isa adamsu jalaa miliqaa qabsoo hadhaawaa geggeessuun lubbuun har’a gahe jira.
Jaal Maarroo waliin gara fuulduraatti

Jaal Maaroon dhaloota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fincilli Diddaa Garbummaa miixatee dhale Hangafoota keessa isa tokko.

Jaal Maarroo waliin gara fuulduraatti!