Wayyaaneen poolissii oromiyaa fi kora bitinessaa aanootaa fi gandoota keessaa baasaa jiraachuun gabaafamaa jira

Wayyaaneen poolissii oromiyaa fi kora bitinessaa aanootaa fi gandoota keessaa baasaa jiraachuun gabaafamaa jira.

Keessattuu naannoolee daangaa kan liyyuu poolisii fi raayyaan ittisaa wayyaanee ummata Oromoo irratti lola bantee jirtu keessaa Poolisiin Oromiyaa fi korri bittineessaan akka baafamu wayyaaneen qajelfamma adda kennitee jiraachuu keessa beektoonni ni dubbatu. Poolisiin Oromiyaa ilachaa wayyaanee kessa galee ajajne addaa waan itti kennamee jiruuf amman booda hiriira tokkollee bahuunius tahee walitti dhiheenyaa fi qerroo waliin hojjechuuniis akka hin danda’amne akeekkachiisanillee miseensoota poolisii Oromiyaa biraa mormiin mul’atee jiraachuus ifoomee jira.

Haaluma kanaan guyyaa arraa Sadaasa 29, 2017 Harargee Lixaa, aanaa Mi’eessootti dhimma nageenyaa irratti mari’anna jechuun walitti qabanii mariisisaa kan oolan yoo tahu, marii irratti poolisii Oromiyaa akka hin baafne hawaasaa waliin waliif galan illee galgala kana ammoo raayyaan ittisa wayyaanee poolisii Oromiyaa humnaan funaanee baasaa kan jiru tahuun beekkamee jira. Galgala kana osoo ummanni Mi’eessoo daandii irratti bahee mormuu waraanni wayyaanee dhukaasa itti bananii kora bittineessaa fi Poolisii Oromiyaas walitti funaanuun konkolaataa shanii oliin fe’anii warri makkalaakayaa akka baasan beekkamee jira.

Dheengadda fi kaleessa ammoo eega lolli cimaan aanaa Mi’eessoo araddaa Burii, Mulluu fi Wiqilliftuu godhamaa turee booda Bordoddee irraa kora bittinneeysaa fi milishaa konkolaataa danuun baasanii kan turan yoo tahu, Harargee Lixaa fi Bahaa aanoota baayyee keessaa milishaa, kora bittineessaa fi poolisii Oromiyaa humnaan baasaa kan jiran tahuu odeeffannoon nu gahaa jirtu ni mul’ifti. Akka keessa beektoonni ja’anitti aantummaa saba isaanii mul’isuun poolisii Oromiyaa kun warra wayyaaneef gonkuma kan hin liqimfamnee fi hin yaadamin waan taheef isaanii baasanii akka Oromoo ajjeessaniif komaandi poostii deebisuuf akka tahe ibsamee jira.
Saphaloo


VOA AFAAN OROMOO (30,,Dec,,2017)


Ethiopia Breaking News Radio December 30, 2017

በኦሮሚያ ክልል ሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን ሻምቡ ከተማ በተነሳ ተቃውሞ አንድ ሰው ሞቶ አራት ሰው ቆሰለ

በኦሮሚያ ክልል ሆሮ ጉዱሩ ወለጋ ዞን ሻምቡ ከተማ ውስጥ ዛሬ ጠዋት በተነሳ ግጭት በተኩስ የአንድ ሰው ሕይወት ሲያልፍ አራት ሰዎች ደግሞ መቁሰላቸውን ነዋሪዎች ለአሜሪካ ድምፅ ተናገሩ።

ዋሽንግተን ዲሲ —የግጭቱ መነሻ “የአካባቢው ሰው ያላገኘው ስኳር በሕገወጥ መንገድ በሦስት ተሽከርካሪ ተጭኖ በአካባቢው ሊያልፍ አገባም” ባሉ ነዋሪዎች የተጀመረ ተቃውሞ ነው ብለውናል።

ተቃውሞውን ለመበተን በተተኮሰ ጥይት ሕይወቱ ያለፈውም በጫማ ጠረጋ ሥራ ላይ የተሰማራ የ15 ዓመት ልጅ እንደሆነ ገልፀውልናል።

በሌላ በኩል ሌሎች የኦሮሚያ ክልል ከተሞች ማለትም በምስራቅ ወለጋ ኑኑ ቁምባ ወረዳ፣ በምስራቅ ሸዋ ባኮ ከተማና በቄለም ወለጋ ሃዋ ገላን ወረዳ የተቃውሞ ሰላማዊ ሰልፎች ተካሂደዋል።

ሰልፎቹ፤ በፖለቲካ አመለካከታቸውና የመብት ጥያቄን በማንሳታቸው የታሰሩ ሰዎች ይፈቱና መከላከያ ሰራዊት ከዩንቨርስቲ ግቢ ይውጣ የሚሉ መፈክሮች የተካተቱባቸው ነበሩ ተብሏል። ሰልፎቹ በሰላማዊ መንገድ መጠናቀቃቸውን ነዋሪዎቹ ጨምረው ተናግረዋል።ተቃውሞዎቹን በተመለከተ በመንግሥት በኩል ምላሽ ለማግኘት አልቻልንም።

ዝርዝርሩን ከተያያዘው የድምፅ ፋይል ያድምጡ።


Qabsoon Oromoo kaleessa hin jalqabne. Kanneen kaleessa itti makaman garuu baay’ee dha. Kaleessa itti makamanii har’a irraa bu’uun ni jiraata. Kan har’a itti dhufus bor irraa deemuu danda’a. Qabsoon ummataa kun kan dhaaba siyaasaa kamiinuu hogganamuus miti. Dhaabotni siyaasaas akkuma namoota dhunfaatti qabsoo kanatti makamu, irraas bu’u. Garaagarummaan jiru, dhaabonni siyaasaa jaaramanii qabsichatti makamu. Namoonni dhunfaan ammoo matayyaadhaan keessatti hirmaatu, wareegama kafalu. Kanas seenaadhuma jireenya keenyaa gabaabduu keessattuu argaa yoon geenye.

Kan qabsoo kanaaf hanga xumuraatti amanamu abbaa qabsichaa kan tahe ummata. Namtokkeelee keessaa warra lubbuun wareegame. Dhaaba siyasaa yoo tahe ammoo isa qabsicha galiin gahuu danda’e qofa. Dhaabni siyaasaa tokko isa kaanirra kaayyoo ummata Oromootti natu dhihoo dha jechuu danda’a taha. Kana irraa ka’uun dhaabota siyaasaa gidduutti luka wal jala kaa’anii wal kuffisuuf tattaafachuun ni jira. Masaanummaan akkasii qabsoo ummataa yoo takaalu argineerra. Qabsoon ummataa garuu masaanuu hin qabu. Natu caala natu caalaa hin qabu.

Dhaabni siyaasaa fedheyyuu ejjennoo qabaatuun ummataan jaalatama yookiin jibbama. Umrii fedhe haa qabaatu, miseensa meeqas haa horatu, humna jaamayaas hangamuu haa jaarratu, kaleessa maqaa GAARII yookiis FOKKATAA hangamiis haa qabaatu dhaaba tokko kan milkaawaadha, cichaadha jechisiisu seenaa isaa fi bal’ina laphee isaa miti. Ummata abbaa qabsichaa kijibuu irraa walaba tahee sagalee ummata sanii tahuun ummata sana sochoosee galii isaatiin gahuu danda’uu duwwaa dha.
ABO irraa qabee hanga OPDOtti kan jirtan hundi mee dubbii kana keessatti of laalladhaa, of madaalaa.

Yaya Beshir