Waliigaltee fi waldhabbii ABO fi ODP/mootummaa Itiyoophiyaa

Waliigaltee fi waldhabbii ABO fi ODP/mootummaa Itiyoophiyaa.

Liban Gada irraa, Muddee 29, 2018

A delegation led by the President of the Oromia regional state, Lemma Megersa, met leaders of the Oromo Leberation Front (OLF) in Asmara, Eritrea, and reached an agreement to reconcile on August 6, 2018.

Waliifgaluun sardama ture (qaamni 3ffaa hinbarbaachisu, nuti obbolaa dha jedhame), waldhabuunis sardamumaan tahe.

Gara Eritrea, Asmara deemuudhaan waliigaltee uumna jedhee kan sardames OPDO/mootummaa Itiyoophiyaati. Waldhabbii uumuudhaafis, olola guddaa ABO irratti banuudhaan, Oromiyaa guutuu keessatti WBO hiikkachiifna jedhanii lola waan labsaniif ummatni Oromoo rakkoo guddaa keessa akka seenu kan gochaa jiranis jaruma kana. Obbolummaan ammasumaan raawwate! Tapha Siyaasaa!

”ሲሮጡ ፡ የታጠቁት ፡ ሲሮጡ ፡ ይፈታል ፡” kan jedhan san fiduu hin oolle.

Waliigalteen sardamaan tahe sun hunda biratti gammachuu ajaa’ibaa, kan lafa sossoose uumee darbe. Waldhabbiin sardamaa garuu cinqii dafee hindhaabbanne hunda biratti umtee jirti, sababi isaas kisaaraa guddaa nama baasisuuf deemti waan taheef.

Ummata ajjeesaa humna qawween aangoo siyaasaa irratti cichuun yaalame hundumtuu kasaaraa guddaan akka  xumrame , hundumaafuu yaadannoo yeroo dhihoo- fagooti, (”TPLF/EPRDF- DERGI”).

Siyaasa keessatti adunyaa kana bakka hedduutti waldhabbiin tahaa tures ammallee tahaa jira, aangoon siyaasaa waan akkasumatti laayyootti, afaan miyaawaa dubbatanii waliif dhiisan miti. Woraanni adunyaa lamaan dabran, lubbuu dhala namaa miliyoonaan lakkaayamu galaafate, hundeen isaa anatu aangoo adunyaa tana to’achuu qaba kan jedhuu dha. Biyyoota hedduu keessattis akkasuma angoo siyaasaa anatu to’ata anatu to’ata jechuun waldhabbii gartulee adda addaa jidduutti deemaa tureen lubbuu dhala namaa heduutu galaafatame. Amallee akkasumatti bakka hedduutti deemaa jira. Yaadannoo yeroo dhihoo, Somalia, Sudan, kenya, Congo, Egypt, Tunisia, Libya, Syria; Iraq, Yemen kkf.

Biyyota guddatan sirna dimookraasiin bulu jedhaman keessattillee rakkoon wal dhabbii aangoo siyaasaa to’achuu irraa maddu kun bakka hedduutti ta’aa jira. Swedenitti har’a mootummaa seeraan biyya bulchuu dandayu waliigalanii dhaabbacuun rakkoo guddaa tahee jira. Mootummaan Amerikaa rakkoo siyaasaa guddaa keessa jirti, waajjiraaleen mootummaa hedduun cufaa dha, hojjetootni hedduun mindaa malee jiraachaa jiru. Gaffiin ummata Catalan Spaniyaa keessatti rakkoo guddaa tahee jira. Woggaa dabre kan lubbuun namas itti darbe, kan namooti hedduun itti hidhamanii fi itti miidhaman ture. Mootummaan Faransaa raafamaa jira.

Rakkoon siyaasaa biyya Itiyoophiyaa fi Oromiyaas kanaa ala tahaa jedhanii eeguun daallummaa fakkaata. Nuti obolaadhaan sun egaa taphuma siyaasaa tahuunsaa kanaafi. Oromiyaa bakka hedduutti ummatni Oromoo irra hedduun jaarmiyaan keenya ABO dha, jedhanii fedhii isaanii yeroo ibsachaa jiranitti, Oromotni hagoon ammoo lakkii nutu isiniif murteessaa, mootummaan Oromoo angoo irra waan dhufeef, Oromoon kana booda waan qabsaahuufis kan irratti qabsaahus hinqabu jedhanii afaan qabsiisuuf lallabaa jiru. Kanaaf ammoo yeroo ammaa kana waraana itti labsanii ummata keenya ajjeesaa jirani.

Kana taheeti malee ummatni Oromoo fi jaarmiyaan isaa ABOn woggootii dheeraa qabsoo irra kan turaniif ammas kan itti jiraniif, lolaa fi waraanatu gaarii dha jedhanii akka hintaane hubatamuu qaba.

Yeroo hedduu Oromoo fi Oromoon wal ajjesuu hin qabu jechuutu dhagahama. Oromoo qofayyuu osoo hin taanee Siyaasaaf jecha silaa dhallii namaa osoo hinduunee, rakkoo ka’uu maluuf furmaati salphaatti argamuu dandaye gaarii ture. Garuu egaa akkuman armaan olitti kaasuu yaale, dhimmi siyaasaa akkasitti hindeemu. Haalli qabatamaan mul’atu irra guddaan, wal mo’anii aangoo siyaasaa dhuunfachuu dha. Sababa kanaafis waldhabbiin waanuma hinoolamne tahee jira. Ofumaa wal sossobuun maayii hinbaasu, akkasitti ifatti dubbatamee akeeka itti amanne bakkaan gahachuuf qabsoo hadhooftuu geggeessuu feesisa.

Waliigalteen sardamaa fi waldhabbiin sardamaa ODP/mootummaa Itiyoophiyaa fi ABO jidduutti nu mudatte kun egaa taphuma siyaasaa lafa jiru san jechuu dha. Kanaafuu furmaati rakkoo kanaa itti bahiinsuma tapha siyaasaa kana malee karaan biraan waluma sossobuu dha. Ummatni bakka bu’oota isaa fedhii isaatiin filachuu malee karaan qaxxamuraan ittiin angoo dhuunfatan abadan hin jirus, kana irratti wal sobuu yaalunis laga nama hinceesisu.

Itiyoophiyaa fi Oromiyaa keessas yeroo amma mootummaan ummataa kan seeraan, fedhii ummataan filame hin jiru. Kan jiru harcaatuu gartuu TPLF/EPRDF fedhii ummataan alatti humna waraanaan waggootii 27 dabraniif ummata gidirsaa turte. Gartuu TPLF/EPRDF kana keessa hangi tokko, qabsoo ummatni wareegama guddaa itti kafale kana deggerauudhaan midhaa mootummaan isaanii waggoota 27f ummata irraan gahaa ture balaaleffatanii gochaa saniifis dhiifama gaafatan, murtii gaarii waan taheef ummatnis isaan deggeree akka isaan qabsoo ummataa waliin hiriiran gammachuun simate- gochaa isaanii kanaaf garuu angootti cichanii akka itti fufan ummati badhaasa hinkennineef. Ummatni qabsoo isaatiin, keessattuu ummatni Oromoo biyya guutuu keessatti itti ka’ee, wareegama guddaa kafaluudhaan akka mootummaan sun naafattu gochuun isaa kan yaadatamuudha. Amma naafuma tanatu har’a malaan tahpha siyaasaa kanatti deebi’ee rakkoo silaa ummatni of irraa xumuree ture akka keessa deebi’uu gochaa jira. Biyya mootummaan fedhii ummataan filame hin jirretti silaa furmaata walootu godhamuun irra ture malee, anumatu mootummaadha, kan olantummaa seeraa eegsisuu qabus anuma qofa jedhanii ofumaan of mudanii angootti cichuudhaan, waraanuma durumaanuu ummata ajjeesaa ture (Agaazii)  saniin ummata ajjesuutti bobba’uun hin malle. Hanga mootummaan fedhii ummataan filame bakka qabatutti, Ol’aantummaa seeraa kabachiisuun silaa worra sirna san irratti qabsaahaa ture hundumaa waliin waliigalteedhaan tahuutu irra ture. Amma kan mul’achaa  jiru garuu qaamuma kalee nama ajjeesaa fi ajjeesisaa turetu, bifa biraan waraanuma duraanii saniin nama doorsiisuufi ajjeesuutti bobba’e jira. Qabsoon ummataa wareegamni guddaan itti kaflamaa as gahe matumaa duubatti hindeebi’uu. Worri afaan dayma dibatanii, afaan ummataa dubbachaa karaa qaxxaamuraan aangoo butatanii ummata mataa irra bahuuf oliif gadi jedhan dhaabbachuu qaban.

Biyya tokko keessaa Raayyaa Ittisa biyyaa tokko qofatu jiraachuu dandaya jedhanii worra afaan mi’eeffatanis dhagahaa jirra. RIB tokkichi isaan jedhan kun Agaazii dhuma woyyaanee ummata fixaa ture san. Agaazii Woyaaneen matumaa ol’aantummaan seeraa eegamuu hindandayu.

Kanaafuu filmaati amma jiru ummatni Oromoo rakkoo kana qabsoodhuma isaatiin naafa san ofirraa badduubaasuu dha.

Liban Gada irraa