Walga’iin ariifachiisaa Gamtaa Afriikaa 11ffaan guyyaa lamaaf turu har’a eegale

OBN Sad 08, 2011- Walga’iin ariifachiisaa Gamtaa Afrikaa 11ffaan guyyaa lamaaf turu har’a eegalame.

Waltajjii kana irratti Hooggantoonni Biyyoota Afriikaa 45 olii kan hirmaatan yoo ta’u, fooyya’insa Gamtaa Afrikaa fi Gamticha maxxantummaa deeggarsaa jalaa baasuuf dhimmoota dandeessisan irratti ni mari’atama.

Waltajjii Magaalaa Finfinnee Galma walga’ii Gamtaa Afrikaatti taa’amu kanarratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad haasaa baniinsaa taasisaniiru. MM Abiyyi haasaa isaaniitiin Afriikaan waltajjii Idil-Addunyaarratti dorgomtuu fi dhaga’amtuu ta’uuf sagalee waloo dhageessisuu qabdi jedhan. Itiyoophiyaan haaromsaa fi jijjiirrama keessa galuudhaan baatiiwwan 7n darbanitti gaaffilee deebii barbaadaniif deebii laachaa, jijjiirrama cimaa gaggeessaa jirtis jedhaniiru.

Harka wal qabannee tarkaanfannu malee, faffacaanee hin injifannu kan jedhan Dr Abiyyi Ahmad, Yoo gamtoomne ni dhaga’amna, sagalees waliif taanas jechuun dhaaman. Itiyoophiyaan dirree siyaasaa bal’isaa jirti; miidiyaalee cufaman bantee, hooggansa siyaasaa hidhaa turan gadhiisteettis jedhan.

Ammammoo hojiilee farra malaammaltummaarratti xiyyeeffatteetti. Mirga namoomaa fi demokraasiis cimsuuf hojjechaa akka jirtu ibsan. Qoqqobbiin Eeritiraarra kaa’amee ture akka ka’u kan nu deeggaran maraa ni galateeffanna jedhanii, Naannoon Gaanfa Afrikaa nagaa fi tasgabbiisaa akka eeggatus gumaacha olaanaa akka qabaatu eeraniiru.

Itiyoophiyaan dubartootaaf bakka hoggansa olaanoo laachaa jirti; kun ammoo qabsoo yeroon gaafatu jedhan MM Abiyyi Ahmad.

Hariiroon naannichaa akka cimu Itiyoophiyaan Viizaa seensarraa laachuu eegaluun, kutannaa walitti dhufeenya biyyoota waliin qabdu cimsuuf hojii hojjechaa jirtu agarsiisa jedhan. Kan gabaase rippoortara keenya Namoomsa Admaasuuti


Ethiopia ጠ/ሚ ዶ/ር አብይ አህመድ በአፍሪካ ህብረት ያደረጉት ሙሉ ንግግር Dr Abiy