Walaloo Gabaabduu Simannaa Artistoota, Qabsaawotaa fi Bu’ureessitoota Baandii AFRAN QALLOO, kan gara biyya isaanii galaa jiraniif

Walaloo Gabaabduu Simannaa Artistoota, Qabsaawotaa fi Bu’ureessitoota Baandii AFRAN QALLOO, kan gara biyya isaanii galaa jiraniif qophooyte tana isin afeere.


Goototaa fi Hayyoota Daandii nuuf taraaran galateefachuu fi kabajuun dirqama lammummaati. #AfranQalloWeek
HAWWISOO AFRAN QALLOO.

yoo Hawwisoo Afran Qalloo dubbanne bu’ura Artii Oromoo qofa osoo hin tahin jalqaba Qabsoo bilisummaa Oromootiis akka yaadannu beekkamaadha, Hawwisoon Afran Qalloo haala yeroo saniitu bifa Artiitti jijjiire malee Jaarmaya qabsoo Bisummaa Oromoo turte jechuun ni dandayama, halli bara sanii hedduu ulfaataa waan tureef ilmaan Sadeen bareentumaa Bifa Siyaasaatiin gurmaawaniiti murni tokko qabsoo hidhanootti galee murni hafe qabsoo isaa bifa artiitiin gaggeesaa ture.

kaayoon Barreefama kiyya seenaa walii galaa Hawwisoo Afran Qalloo osoo hin tahin nama ijoo Hawwisoo Afran Qallootiif Mootoora tahee duuba ture tokkoon kaasuu barbaada, inniniis Artist #Ali #Shabboo ti, Hangaftichi miseensa Hawwisoo Afran Qalloo Artist Ali Shabbo namoota hangafoota Hawwisoo Afran Qalloo hundeessan keessaa isa tokko, Artist Ali Shabboo Hawwisoo Afran Qalloo tan har’a maqaan Seenaa guddaan dubbatamuuf Mootoora, Shufeera, Gorsaa, Jal’aabaa fi Utubaadha ture, bara sanitti eenyummaan oromoo waan oromoo wajjiin awwaalameef bifa aartiiiin awwaalaa baasuun qabsoo laafaa hin turre, Artist Ali Shabboo waahellan isaa gara qabsoo hidhanootti deemaniis bifa aartiitiin eenyummaa oromoo awwaalaa baasuu filate.

teesoon isaa Dirree Dhawaadha, gahumsa ogummaa muuziqaa kan mataa ofiitiin tajaajilu osoo hin tahin Kan wallistoota oromoo hunaan tajaanilu qaba, quuqaa isatti dhaabbate bifa sirbaatiin hafuura baafata, gama tokkoon sirboota hawaasummaa wallisuun aadaa fi duudhaa oromoo lammii isaa barsiisa, kanumaan erga guddaas dabarsa, Gitaarri jibrii kan Ali Shabbo quba isaatiin dhahu muziiqaa bira kutee sagalee namaa fakkaata, Artistoota oromoo haaraya gama artii dhufan hunda isaatu sirboota isaanii gitaaraan wal qxxeeseefii wallisaa addaa godha, inumaa hogguu wallistoota muuxxannoo qabu tokko tokkoof giitaara dhahu sagaleen namaatiifi sagaleen gitaara wal seenteeti sagalee namaatiifi sagalee gitaaraa namatti wal fakkeesiti,Gitaara Ali Shabbo quba isaa dhadheeraa saniin tuttuqu hoggaa dhageefatan jibrii tana osoo hin tahin namaatu sanduuqa Gitaaraa san keessaa sirba fakkaatti, meeshaan ammayyaa kan sagalee kolkolee hunda ifirraa qabu hanga Gitaara Ali Shabboo nama hin arkisu.

Qoonni Artisti Ali Shabbo eenymmaa oromoo artiin awwaalaa baasuuf gumaache xiqqaamiti, Artistoonni har’a sadarkaa Biyyatiitti beekkaman kan lubbuun jiraniifi kanneen wareegaman xiqqaamiti, isaan keessaa hanga tokko yoo kaafne Adam Haarun, Kadiir Sa’id, Ahmed Kabiiraa, Muusaa Turkii, Maftuhaa Abbaas, Abrhaahim Baadiyyaa, Abraahim Adam, Halloo Daawwee, Fandishee, Almaaz Tafarraa, Abdii Ibraahim, AhemdNasir fi kkf lakkaawamee hin dhumu, namoonni maqaa artiitiin as bahee Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qooda guddaa gumaachan kun ilmaan Ali shabboo ti jechuudha, Ali Shabbo nama ogummaan artii tajaajile qofa osoo hin taane nama dabbaloota qabsoo leenjisee qabsotti galche jechuun ni dandayama.

Artist Ali Shabbo akkuma Artistoota biraa Bara 1991 qabsoo Bilisummaa Oromootti makame, akkuma Biyya keessatti stidiyoo isaatti wallistoota oromoo tajaajilaa ture eega qabsotti makamees ogummaa isaatiin Hawwisoo Dhaabaa tajaajilaa tureera, ofiifiis sirboota qabsoo gumaachaa tureera, yeroo Dhaabni biyyarraa bahu inniniis biyyarraa baqachuuf dirqamee biyya ollaa seene, biyya ollaatiis osoo kaayoo dargagummaa isaatiin qabate Lafa hin kaayin sochii biyya biya baqatumaa keessatti godhuu dandayu gaggeessaa ture, Artist Ali Shabboo gootichi dargagummaa isaatiin roga isaaf mijjaahuun oromoo tajaajilaa ture turtii waggaa dheeraa booda biyya ollaarraa biyya sadaffaa seenee amma Australiyaa jiraata. Rabbiin umriin haa dheereysu.

JEMAL AHMED
SAD.25/2018

Gumaacha Gitaara kanaa nama Qabsoo aadaa beekuutu beeka.

Azhar Kïa Abadir


TORBAAN HAYYOOTA, GOOTOTA FII BAANDII AFRAN QAL’OO OROMIYAA BAHAA.
Bara 1956-1967 tti Elemoo Qilxuu yaman keeysatti nama daldala guddaa daldalaa turee fii nama qabaataa ture. Yeroo achi turettiis Ilmaan Oromoo baqatanii biyya yaman keeysa jiraachaa turan mana isaatti yaamuudhaan Dhimma Oromoo fii Oromiyaa irratti marii wajjiin godhaa ture.

Elemooniis Miidhaa fii Gabrummaa Haylasillaaseen Oromoo ittiin Miidhaa ture Jibbuudhaan Gara Oromiyaatti deebi’ee Magaalaa Galamsoo keeysatti Waahila isaa Ahmad Taqii hundee Waliin Namoota 20 ifitti dabalanii Gubbaa Qorichaa Kaampii isaanii godhachuudhan Rasaasa Qaanqee Bilisummaa Oromoo jalqaba dhukkaasuun Ilmaan Oromootii fii Oromiyaadhaaf Yeroo Jalqabaaf Qabsoo Bilisummaa Ar’a Rabbii wajji Sadarkaa tana nuun geeyse jalqaban.

Ar’a nuti hoo jara saniif galata akkamiiti qabna laata?

Baandiin Afran Qalloo magaalaa Dirre Dhawaa keessati sirna gabrummmaa Hayila Sillaassee mormuufii Aadaa Oromoo guddisuuf dhaabbate. Namoonni hawwisoo san keeysa turan Gariin isaanii harka Diinatti ajjeefamuudhaan, Gariin isaanitiis biyya Abbaa isaanii irraa ar’aman.

Warri biyyaa ar’imaniis osoo Abdii hin murin biyya namaa keeysa taa’anii Miidiyaa Uumuudhaan, Wallee Qabsoo Walleesuudhaan Qabsoo isaanii ittuma fufan. Isaan keeysaa warri amma Lubbuun Jiran Ali Shabboo, Shamtam Shubbisaa, Ali Birraa, Yoonis Abdullaahi, fii kkf hedduutu jira.

Ar’a Nuti hoo Baandii Saniif Galata akkamiiti qabna?

Sheekh Bakrii Saphaloo Qubee Afaan Oromootiif Designa tahuudhaan Sheekh Muhammed Rashaad Abdullee Immoo Nama Qubeen an amma ittiin Katabaa jiru tana Bifa kanaan bareechee kan nuuf Umeedha.
Sheekh Muhammed Qaadiitiis Nama Alaabaa nuti akkatti ar’a Uffannee ittiin bareennu alaabaa Oromoo bareedduu tana nuuf tolcheedha.
Ayyub Abu Bakarii fii Sheekh Muhammed Rashaad Somaalia keeysaa Afaan Oromootiin Raadiyoo irraa Miidiyaadhaan Qabsoo godhaa turan.

Ar’a Nuti hoo maaliin isaan Galatoomfachuu qabna?

Warra Gaafas nu Bilisoomsuuf Mudhii hidhatee mana bahuun Diinaan ajjeefaman, Kan Miidhamanii Du’an Fii Warra gaafa san Ibidda san Qabsiisanii ar’a osoo hin argin Du’an hunda Rabbiin Jannataan isaan haa Qananiisu. Hafteen Warra Sanii Warri Lubbuun jiran kan biyya Ambaa jiran Guyyaa Saftii( Sanbataa) 19/1/2019 gara Handhura Oromiyaa galuuf Karaa jiran.

Kana Sababeeffachuun nutiis akka Oromootti Maqaa Torbaanota Simannaa Hayyootaa fii Baandii Afran Qal’oo je’uun Jum’aa 18/1/2019 hanga Jum’aa itti Aanu 25/1/2019 tti,

1) Seenaa Hawwisoo Afran Qal’oo Namuu namni Oromoo tahe waan beeynuu fii Waan Manguddoota irraa dhageenyeen Seenaa isaanii Barreeysuu fii Bifa Sagaleetiin Maxxansuun Deeggarsa Karaa Miidiyaa Hawaasummaa kan akka Fb fii Miidiyaalee biraatiiniis tahu godhuufii qabna.
Isaanuu Lubbuu, Qabeenyaaa fii yeroo Isaanii nutti hin qusanne waan taheef nutiis kana itti Qorqoduu hin qabnu.

2) Kanuma Sababeeffachuun Akka Oromiyaa bahaatti Seenaa Qabsaahota Oromoo fii Qabsoon ar’aa tun akkamitti akka eegalte namuu bakka itti dhalate irraa kaasee waan beekuu Seenaa isaanii Wal ni barsiifna.

Kuniis Torbee Baandii Afran Qal’oo je’uun Boru irraa kaasee Torbaan tokkoof osoo adda hin dhaabbatin kan itti fufu taha. Galanni Baandii fii Qabsaahota Oromiyaa bahaa Silaa akka isaan Saba kanaaf Hojjataniin Kan Dubbatamee dhumuu miti. Ammaaf Mee namuu Torbaan Baandii Afran Qal’oo tana Guyyaa 7f waan beeynu irraa wal barsiisuun warra kaleeysaa san Hamilee haa taanuufii isiniin jenna.

Barreeysee kan isiniif Dhiheeyse
Najat Hamza tii fii
Shukrii Mohammed Umaraa ti.

Horaa Bulaa nagayaan nuuf turaa isiniin Jenna!!