Wacii fi hirmaannan EZEMA PP fudhatama argamsiisuf akka tahe ragaa qabatamaatu jira.

Wacii fi hirmaannan EZEMA PP fudhatama argamsiisuf akka tahe ragaa qabatamaatu jira.

Beekanii deeggaruu fi mormuun kan abbaati. ABiN ,PP fi EZEMA gidduu garaagarummaan ilaalcha siyaasaa tokkollee hin jiru. Isaan sadanuu:
 
-Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa ni mormu; diiguufis hojjetaa jiru.
– Finfinnee irratti Abbaa biyyummaa Oromoo hin fudhatan.
-Heera amma jiru diiguuf hojjetaa jiru.
– Sabboonummaa saboota akka yaaddootti ilaalu.
-Itoophiyaa keessatti cunqursaan sabaa hin turre jedhanii amanu. Kanaaf Minilik fi Hayilasillaasee waaqefatu.
 
* Qabxiileen kun kaayyoo waloo isaaniti. Kaayyoo waloo kana galmaan gahuuf ammoo “filannoo” ofii qopheeffatan kana keessatti gahee hojii adda hirmaatanii hojjetu.
Akkaataa kanaanis ,
-EZEMAn Koree gorsituu PPti.
-ABiN koree kakaasii filannoo PPti.
-PPn qindeessituu Pirojektii kanaati.
 
Pirojektii kana galmaan ga’uuf tibba kana akka EZEMn garee mootummaa Abiyyi Ahimad dhuguma mormu fakkeessuun akka dhiyeessaan ergaan dabballoota sirnichaaf darbaa jira. Dhugummaan isaa garuu wacii fi hirmaannan EZEMA PP fudhatama argamsiisuf akka tahe ragaa qabatamaatu jira.FSM irraa


Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhimma yaala Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota afur irratti oliyyannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeesse kuffise.
 
Abbaan Alangaa Waliigalaa murtee Manni Murtii Olaanaa Federaalaa damee Lidataa Obbo Jawaar Mahaammadfaan hospitaala dhuunfaa Laandmaark jedhamutti akka yaalamaniif murteesse mormuun ture Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate.
 
Manni murtichaas dhaddacha har’a oolen oliyannoo Abbaa Alangaa kufaa kan taasise yemmuu ta’u, tajaajilli yaalaa hospitaalichaan hidhamtootaaf kennamu garuu idduma Obbo Jawaar Mahaammadfaan itti jiran mana sirreessaa Qaallittii keessatti akka ta’u murteessusaa abukaatoon hidhamtootaa Obbo Milkiyaas Bulchaa BBCti himuu BBCn gabaasera.
 
“Ajajni kenname ogeeyyin fayyaa hospitaala Laandmaark jiran gurmaa’uun bakkuma isaan jiranitti dhaqanii yaa yaalan kan jedhudha,” jedhan Obbo Milkiyaas.
Haata’u malee “manni murtichaa gama tokkon oliyyannoon abbaa alangaa bu’uura seeraa tokkoyyu hin qabu jechuun murteessee gama biraatin ammoo hospitaalatti akka hin yaalamne, garuu bakkuma to’annoo jala jiranitti gurmuun hakiimootaa dhaqee akka yaalu kan jedhu kan walfaallessudha,” jechuun murtee kenname irraa komii akka qaban abukaatoon kun himaniiru.
 
“Mirgi fayyaa hin daangeeffamne kan mootummaan haala kamiinuu keessa seenuu hin dandeenyedha,” kan jedhan abukaatoon hidhamtootaa Obbo Milkiyaas Bulchaa, “hospitaala ciisanii yaalun kan barbaachisu yoo ta’e, hakiimni sa’aa dheeraa kan bira turu yoo ta’e, akkasumas meeshaalen hospitaala keessaa gara mana hidhaatti socho’uu hin dandeenye yoo jiraatan irraa fayyadamuu hin danda’an.
Kanaaf mirga wal’aansa fayyaa guutuu argachuu isaanii waan hin mirkaneessineef murtii mana murtiirraa komii qabna,” jedhan.
 
Komii kanas qaama mana murtichaa sadarkaa oliif iyyachuuf karoora akka qaban himaniiru.
Abbaan Alangaa Waliigalaa dhimma yaalaa Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanaafi Obbo Dajanee Xaafaa ilaalchisuun ture kan Mana


Hojjetaa dhaabbata intelejensii fi sabqunnamtii ameerikaa ykn CIA duraanii akkasumas yeroo ammaa hoogganaa olaanaa dhaabbata giddu gala Africa kan ta’e, Camerom Hudson toora Twitter isaarratti akka maxxansetti, Jarman gargaarsaa qarshii doolaara miliiyona 400 itoophiyaaf kennuuf turte addaan kutuu beeksise.
 
Jarman gargaarsa kanaa addaa kutuusheef akka sababatti Camoron yoo himu, “Hariiroon dhimma jijjiirama biyyaa irratti argamu, wantoota lama irratti hundaa’uu qaba. Inni jalqabaa kara dimokraatawaa ta’een biyya bulchuu fi mirgoota namoomaa kabajuudha.” Kan jedhu yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo bulchiinsa Abiy Ahimad jalatti, “caaculee hariiroo gaarii lamaan kana hin qabdu” jechuun, sababa gargaarsichi adda citeef hima.