Waan Taane Sila Taane, Kan Sichi Malachuu Dha…

Waan Taane Sila Taane, Kan Sichi Malachuu Dha…

By Gaara Furii
Artisit Leencoo Gammachuu sirba “Saglii” jedhu, akka namoonni hedduun jedhanitti kan guddina artii Oromoo sadarkaa itti aanutti ceesise, ummata Oromoof gumaachuu isaa gammachuum yaadanna. Qaamota qophii sirbaa kana irratti qooda fudhatanii milkaahina isaaf gumaachan maraaf galanni keessan bilisummaa haa tahu jechuun barbaada. Mata dureen katabbi kanaaf filadhe walaloo sirba “Saglii” keessaa waanan fudhadheefan kan Leencoo asitti tuqe malee, kanneen akka Keekiyyaa Badhaadhaa, Yosan Geetaahuun, Gadaa Hamdaa fi kanneen biroo sirboota qeenxee baa’ee babbareedoo tahan dhihootti gadhiisuun isaaniis ni beekama. Hundaanuu guddaa galatoomaa jenna.
 
Artii Oromoo waliin wal qabatee gaaffiin osoo hin gaafatamin bira kutamuu hin qabne tokkoo, yeroo artistoonni Oromoo arsaa olaanaa kafaluun sirboota midhagoo akkanaa hojjetanii dhiheesanii nuhoo warri hafne maal hojjechaa jirra kan jedhu dha. Yoo xiqqaatee waa biraa yoo dalaguu dadhabnee, fakkeenyaaf maallaqa barbaachisuun gargaaruu yoo dadhabne illee, waan isaan dhamahaanii dhiheessan kana ilaaluu fi jaallachuun (“like” gochuun) gargaaraa jirraa? Mee tokkoon tokkoon keenya kana of haa gaafannu. Artistoonni Oromoo hojii artii hojjetanii yeroo dhiheessan ilaallii (view) fi jaallannaa (like) meeqa argatu? Kan warra kaanii hoo meeqa? Deebiin isaa kan hedduu nu boonsu miti. Nuti baa’inni keenya mil. 50 oli jenna. Artistoonni keenya garuu baaheen isaanii hojii artii hojjetanii “YouTube” irratti yeroo ol-fehan ilaallii (view) isaan argatan yoo baahate mana kuma kurnootaa, yoo achi darbe immoo kuma dhiibbota keessa yoo gale dha. Kan kana darbanii ilaalli mana miliyoonotaa keessa galan qubaan kan lakkaahaman qofa dha.
 
Ummata lakkoofsa guddaa qabuuf kun qaanii guddaa dha. Angoon ykn irreen dinagdee keenya eessa jira (“where is our economic power?”)? Cufuma hin jiru jechuun ni dandahaama. Kan warra masaanuu keenya guddoo dhiisaatii, kan warra Tagaaruu illee lakkoofsa ilaallii firii artistoota Oromoo ni caala. Kun attamittiin tahuu dandahe? Maaliif akkas tahe? Lakkoofsi ummataa guddaan (large population size) gabaa guddaa (big market size) uumuu hin qabu turee?
 
Deebiin gaaffiilee kanaaa ulfaataa miti. Kana jechuun guddoomina lakkoofsa keenyaa gara irree dinagdee tis tahe gara irree siyaasaatti akka nuhi ammayyuu hin jijjirree mul’isa. Qabeenya (potential) qabnu humnatti ykn irreetti hin jijjire jechuu dha. Waaheen Ummata Oromoo, waahee ummata lagni (river) guddaan ganda isaa keessa osoo yaahuu beelaan, dheebuun, dukkanaan niif dhabiinsa anisaan rakkatu waliin wal fakkaata. Laga guddaa (resource) boroo ofii qabaachuu qofitti beela, dheebuu fi dukkana keessa nama hin baasuu. Kan rakkoolee akkasii keessaa nama baasuu yoo qabeenya (resource) qaban sana misoomsanii itti dhimma bahuu dandahan qofa dha. Sana jechuun, ummanni sun hayyoota ykn ogeeyyii (fakkeenyaaf, laga misoomsuuf kanneen akka Injinaroota fi oggessota biroo barbaachisoo tahan jechuu dha) laga sanatti ittisa ykn hidhaa (dam) tolchanii akka inni qonnaa jal’isiif (boneef), dhugaatii fi humna maddisiisuuf tahu gochuu dandahan yoo qabaate qofa faaydaa irraa argachuu dandaaha jechuu dha.
 
Daballiin, fakkeenyaaf, laga sana gara anisaatti jijjiruuf, injinaroonni ittisa (hidha) itti hojjetanii, hujummoo guddaa ykn chaanalii (penstock) itti tolchanii, tarbaaynii (turbine) jala dhabanii, maagneetti fi waayerii itti hidhan ni barbaachisu. Kana malee lagni sun ofii yaaha malee faaydaa guddaa irraa argachuun hin dandahamu. Siyaasnis akkasuma. Akkuma lagichaa, lakkoofsa ummataas gara humnaatti jijjiran malee, lakkoofsa guddaa irraa faaydaa argamuu dandahu argachuun hin dandahamu. Lakkoofsa qabnu faaydaatti jijjiruuf ammoo hojii hayyootaa (“political engineers”) gaafata.
 
Itti yaadanii, karoora yeroo gabaabaa, giddu-galaa fi yeroo dheeraa baafatanii haala sirnahaa tahee fi itti fufiinsa qabuun irratti hojjechuu barbaada. Osoo kana hin hojjetin lafa lafaatti buhaa (result) irraa eeguun, akka waan laga tokko irratti ittisaa fi wanneen biroo barbaachisoo tahan irratti osoo hin ijjaarin, taahaniidhuma ibsa irraa argachuuf eeguu waliin wal fakkaata.
 
Lakkoofsi ilaallii (view) artii Oromoo xiqqaachuun ykn ilaalliin isaanii baahina ummatichaa waliin wal-gituu (“proportional” tahuu) dhabuun, damaqiinsi ummanni Oromoo akka sabaatti qabu baahee gadi aanaa tahuu calaqqisa. Akka xiinxala kiyyatti, Ummanni Oromoo akka sabaatti ammayyuu akka gahaattii ijaaramee, humna siyaasaa (political force) cimaa hin taane. Kana jechuun, Ummanni Oromoo ammayyuu haawaasa siyaasaa (“political community” ykn sadarkaa hawaassummaa olaanaa “higher order of society such as nation”) kan jedhu irra hin geenye. Kun immoo waan guyyuu calaqqisu waan taheef, waan bahee wal nama falmisiisu tahee natti hin mul’atu.
 
Lakkoofsa ummataa guddaa fi lafa bal’oo qabaachuun qofti ummata tokko haawaasa siyaasaa hin godhu. Ummanni tokko lakkoofsa xiqqaa ykn guddaa qabachuu isaa ykn ammo lafa dhiphoo ykn bal’oo irra jirachuu isaa miti kan haawaasa siyaasaa isa godhu. Kan ummata tokko haawaasa siyaasaa isa godhuu, damaqiinsa waloo qabaatee, tokkummaan dhaabbatee dantaa isaa waloon tikfachuu yoo dandaha tahe qofaa dha. Ummanni Oromoos ulaagaa kanaan yeroo madalamuu, anaaf waan baa’eetu ammayyuu hanqata.
 
Dhugaadhaa baroota darban keessa karaa dheeraa dhufneerra. Hardha iddoo waggaa 30 dura turre hin jirru. Guddina guddaa argamsisneerra. Garuu, wal sossobuu tokko malee dhugaan jirtuu, diina keenya irra aannee bilisummaa argachuuf sichi iyyuu karaa dheeraa tu nu eeggata. Nafxanyootaan goyyomsamnee dogoggora waggaa sadiin dura hojjeenneen, osoo hin beekin nafxanyaa gargaarree TPLF’n buusifnee nafxanyaa taahitaatti deebifnee karaa ofitti daballeerra.
 
Dogoggorri bara 2014 hanga 2018ti hojjetame, doggogora qaawwaa hoggana dhabuu waliin wal qabatee dhufe dha. Nafxanyaan “shuwaa shuwaa serraanaachew” isa jettu sana nu goote. Nafxanyaan Lammaa fi Abiyyiin of fuuldura qabattee nutti dhuftee nu goyyomsite. Hayyoonni Oromoo sochiileen baroota sana deemaa turan eessaa akka maddan sirritti xinxalanii hundee irraa hubatanii hoggana qajeelaa kennan waan hin turreef, booyii diinni keenya nafxanyaan nuuf qotte keessa yaanee kiyyoo isaanitti galleef. Kana maraaf itti gaafatamoon hayyoota (elite) Oromoo maraa fi isaan qofa. Balaa waan kun qabatee dhufuu dandahu hayyoonni Oromoo dursanii hubachuu dadhabuu isaaniitu salphina kanaan nu gahe. Dhugaa kana hadhooftu illee amananii liqimsuun barbaachisaa dha. Dogoggora darbe irraa barannu malee fulduratti tarkaanfachuu hin dandeenyu. Rakkoo guddaan dogoggora keenya miti. Gufuun milkaahinaa guddaan dogoggora miti – dogoggora ofii baranii, amananii, barnoota irraa fudhachuu diduudha malee.
 
Ammallee taanaan, hayyoonni Oromoo irra caalaan, hardha illee – yeroo dheeraa fi ergii waan hundi kun tahee booda illee – waan deemaa jiru sirritti hubachuu hin dandeenye. Hardha illee angoo siyaasaa impaayera sanaa eenyuu akka guutummaan dhuunfatee of harkaa qabu illee addaan baafatanii hin hubanne. Hardha illee “Oromoo tu angoo of harkaa qaba” jedhu. “Abiy angoo qaba” jechuu isaanii ti. Abiy ergamaa nafxanyaan filattee Oromoo ittiin goyyomsuuf maqaaf “Prime Minister” jette kan achi kewwatte, “puppet” warra nafxanyaa tahuu isaa illee hanga hardhaatti hin hubanne.
 
Kan angoo dhugaa of harkaa qabu Demeke Mekonnen fi Binalf Andualem tahuu isaanii kan hubatu xiqqoo dha. Abiy kan inni biqiltuu dhaabaa ooluu jaallatee akka hin taane kan galuuf baa’ee miti. Abiyyi biiroo keessa taahee waan hojjetu waan hin qabneef dhaqii biqiltuu dhaabi, magaalaa qulquleessi jedhanii Demeke faatu erga. Hojii “Prime Minister” kan hojjetu Demeke waan taheef, Abiyyi barcuma PM ho’isuu irra darbee, akka PM ti waan hojjetu tokko illee hin qabu. Kana irraa kan kahes, Abiy jooraa fi suuraa kahee midiyaa hawaasummaa irratti maxxansaa oola. Hayyoonni Oromoo kun qoosaa ykn maqa-balleessi itti fakkaatu ammallee hedduu dha. Dhugaan jiru garuu kanaa fi kana qofaa dha.
 
Walumaa galatti, Abiyyi ergamuu fi waan akka angoo qabuu fekkeessuu irra darbee angoo xiqqishuu illee of harka hin qabu (Abiy has zero power. Nada). “Arrangement” Demeke faan Abiy waliin qaban ykn gaheen hojii Demeke faan Abiyyiif kennaniif waan akka angoo qabu godhee fakkeessu (“act” gochuu) fi waan isaan isa ajajan qofa raawachuu fi iddoo isaan itti isa ergatan dhaqee fakkeessuu qofaa dha. Kana ammo hayyoonni Amaaraa hedduun bifa adda addaan dhugaa bahaaniiru. Hayyoonni Oromoo “Ethio360” hordafan tokko tokko garuu, yeroo warri Amaaraa ofii isaanii tii angoo impaayeratti hunda guutummaa guututti dhuunfatanii, Oromoodhaan ‘terenyaa” jedhanii yeroo itti qoosan dhugaa sehu. Kun waan kolfaa ti.
 
Hayyoota akkasii qabaachaa akkamittiin waahee bilisummaa yaaduu dandeenya? Ummanni kaan waa kana walii massee yoo hubachuu dadhabe homaa miti. Burjaajjiin akkasii yeroo hayyoota irratti argamu garuu bahee nama gaddisiisa. Kanaafuu, hayyoonni Oromoo dubbicha siritti hundee irraa hubatan, hayyoota warra hin hubanne hubachiisuu irra darbanii, ummatas burjaajjii irraa deebisuu tu irraa eegama. Dogogora darbe irraa barannee, isa fulduraa qajeelchuun dirqama hunda keenyaa ti. “… Waan taane sila taane, kan sichii malachuu dha…” jedhe mitiree Leencoo Gammachuu?