“Uummatni Oromoo godaanaa osoo hin taane Saaqaa ta’u isaan beeka” Barreessaa Charinnat Waaqwayyaa

“Uummatni Oromoo godaanaa osoo hin taane Saaqaa ta’u isaan beeka” Barreessaa Charinnat Waaqwayyaa

(bbcafaanoromoo)—Kitaabni koo ‘Uummatni Oromoo gaanfa Afriikaa saaqaa moo godaanaa’ jedhu kitaabilee ani barreesse keessaa yeroo koo isa guddaa natti fudhate dha.

Maqaan koo Charinnat Waaqwayyaa jedhama. Jiraataa magaala Naqamteeti.

Waggaa 32 dura yunivarsiitii Finfinnee irraa mummee barnoota seenaatin ergan eebbifamee booda hanga ammaatti kitaabilee aadaa fi seenaa uummata Oromoo irratti xiyyeeffatan afurtamii lama barreessen jira.

Jireenya koo keessatti ogummaa fi dandeettin guddaan ani qabu barreessuu dha jedheen amana. Jireenya guyyuu koo keessattis yeroo koo guddaa kan fudhatu barreessuu dha.

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti dhaladhee kanin guddadhe yemmuu ta’u dhalootuma koo irraa eegalee waa qorachun jaaladha.

Soorama bahu kootin duras waajjira Aadaaf Tuurizimii godina Wallagga Bahaattis ogeessa qorannoo aadaaf seenaa ta’uun waggoota hedduuf tajaajileera.

Namni waa’ee uummata tokkoo dubbachuu fi waa hojjechuuf dursa uummaticha baruu qaba akkuma jedhamu anis waa’ee uummata Oromoo barreessuuf uummata Oromoo keessatti dhaladhee guddachun dabalataan argaa dhageettii maanguddoota irraa odeeffadheera.

Uumee qubeen dura seenaan argaa dhageettin darba ture. Anis barreeffamoota koof madda kan ta’an maanguddoota dhibba lamatti siiqan walin jiraadhee seenaa argaa dhageettii irraa qayyabadheera.

Maanguddootni buleeyyii kunneen kanin callisee karaarraa fuudhe osoo hin taanee lafa jireenya isaanii deemee kan haasofsiise dha.

Kana malees iddoowwan gadaa (hundee gadaa) deemuun akkaataa saayinsii qorannoo baradheen seenaa qoradheen jira.

Qarree, Gadaa fi Qubee Jireenyaa

Ani nama seenaa waanin ta’eef akka ogummaa kootti seenaadhaaf jaalalaaf jibba hin qabu. Akka uummataaf bu’aa buusuttin dhugaa dubbii barreessa.

Kitaabilee ani barreessee keessaa kitaabni ‘Uummatni Oromoo gaanfa Afriikaa saaqaa moo godaanaa’ jedhus Afaan Oromoo fi afaan Ingliiziin kan barreeffame yemmuu ta’u kitaaba yerookoo isa guddaa fudhate dha.

Namootni Oromoon godaanaa dha jedhan yoo jiraatan godaanaa akka hin taane agarsiisuuf kitaaba fuula 775 kana Afaan Oromoo fi Afaan Ingliiziin barreesse.

Kitaabni koo inni biraan mata duree ‘Qubee jirenyaa’ jedhu qaba. Kitaabni kun immoo kitaaba asoosamaa seenaa dhugaa irratti hundaa’ee barreefame dha. Qabiyyeen isaatis waa’ee buqqaatii uummataati.

Kitaabni koo ‘Gadaa Maccaaf Walaabuu Ammayyaa’ jedhamu immoo uummatni waa’ee ilmaan Maccaa kudha lamaan sirriitti akka beekufin barreesse.

Gadaan walqixxummaa dhiiraaf dubartii irratti hanqina qaba kan jedhamuuf barreeffamni koo kun deebi ni kenna jedheen amana.

Sababnisaas gadaan Maccaa dubartoota digdami lama fi dhiirolii digdamii sadin hogganama. Dhiirri inni digdamii sadaffaan noolee (af yaa’ii) gumichaa kan umriinsaa wagga 65 hanga 72 ta’e qofa dha.

Barreeffamni koo mata duree ‘Qarree’ jedhu qabu fi dhaangii gaa’elaa agarsiisus kitaaba aadaa gaa’elaa of keessatti qabate fi dhiyeenya kana maxxanfame dha.

Kitaabni koo ‘Qarree” jedhu dhiyeenya kana maxxanfamullee kitaabileen koo heddu osoo hin maxxanfamin jiru.

Kanaaf sababni inni tokko kitaabilee maxxansuun humna/maallaqa kan gaafatu ta’uu isaati. Inni kan biraa namootni baay’een “siif maxxansina” jedhanii fudhatanii qabiyyee kitaabichaa tokko tokko jijjiiranii maqaa ofiitiin maxxanfachuu isaaniiti.

Kanaafis hojiin ani hojjedhu kun waan dhaloota fayyadu waan ta’eef maxxanfames maxxanfamuu baates abdii kutadhee hin taa’u. Yeroo hundas dhalootaafin hojjedha.

Gara fulduraatti ani yoon jiraachuu baadhellee ijoolleen koo naaf maxxansiisu jedheen yaada.

Sababa malee hin barreessu

Ani kitaaba asoosamaas ta’ee kitaaba seenaa sababa gahaa malee hin barreessu. Fakkeenyaaf namootni tokko tokko “sirni gadaa maal hojjetaa ture?” jedhanii gaafatu.

Kana ibsuuf immoo waa’ee gadaa sirriitti hin barreeffamne. Kanaafis sirni gadaa sirna bulchiinsa uummata Oromoo caacculee shan qabu akka ta’e barreesseen jira.

Isaanis seera bilisoomsuu, diinagdee qajeelchuu, hawwaasummaa jijjiiruu/ceesisuu, siyaasa gaggeessuu fi uummata waaqa tokkotti amanu uumuu dha.

Barreessuun dabalataan dubbisuunis wantoota ani jaaladhu keessaa isa tokko dha.

Guyyaa guyyaan yoo xiqqaate wantoota haaraa jaha baruu qaba jedhee halkan ka’ee nan dubbisa.


Leta Kenei Aga
AFAAN OROMOO!
~
Afaani jedhu malee
Lakkii innoo afaan miti
Albuuda gatii warqee
Hambaa coba seenaati!
Awwaala boolla fagoo
Jibbaafi dhiibbaa danda’ee
Aarsaa lubbuufi dhiigaatiin
Dhaloota har’aaf ga’e!
Ni hidhamtuu? Ni duutuu
Gatii maal sin baasisaa?
Afaan keenya federaalatti
Afaan hojii taasisaa!
~
Arat kiiloo teessaniis
Kana gochuun ni cimaa?
Yoos, hin dandeenye jedhaatii
Uummata bal’aatti himaa!
Har’amoo bori jennee
Karaa ilaaluurra guyyuu
Waan goonu beekna nuyyuu!


 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.