TVOn yaa’ii idilee miseensota Caffee kallattiin dabarsaa turte
maaliif addaan murte? Beekamaa dha.
Via : Naf-tanan Gaadullo
Miseensonni Caffee Tokko Tokko gaaffii siyaasaa jajjaba kan amma dura jara irraa calaqqisee hin beeyne dhiheessan. ‘Mootummaan Federaalaa yoo lafoota Oromiyaa
weeraraman keessatti nagaa buusuu hin dandeenya akka naannocha gadhiisee bahu’ hanga gaafachuu gahan. Tamsaasa kallattii addaan muruuf sababni kanaa olii eessaa dhufa? Gaaffiin jiru garuu, ajajni tamsaasa kallattii san mursiise eessa irraa dhufe kan jedhu.