Toltuu Tufaa:”Fedhiin kiyya Oromoo aadaa isaatti boonee akka jiraatudha”

Toltuu Tufaa:”Fedhiin kiyya Oromoo aadaa isaatti boonee akka jiraatudha”

TOLTUU TUFAA

Toltuu Tufaa jedhamti. Biyya Awustiraaliyaa magaalaa Meelboorniitti dhalatttee guddatte. Abbaa Oromoofi haadha lammii Turkiirraa dhalachuun ishee garuu afaan, seena, duudhaafi safuu Oromoo barachuu ishee hin dhoorkine.

(bbcafaanoromoo)—Gama barnootaanis erga baranoota sadarkaa lammaffaa xumurteen booda yunivarsiitii seenuun damee barnoota Saayikoloojiitii kanneen akka ‘BA in Psychology and Sociology’, ‘Honors of Psychology’ jedhuun digirii garaa garaa afur baratteetti. Gama digirii lammaffaa ykn Maastarsiis baratte. Digirii ishee afurii fi Maasteris lama keessaa muraasni: ‘Msc of Professional Psychology,’ ‘Msc of Education specializing in Leadership, fi kkf dhaan barattee jirti.

Abbaan ishee obbo Abdulwahaab Mohaammed Tufaan nama Afaan Oromoo barachuu isheetiif gahee guddaa taphate ta’uu kan himtu Toltuun, ammatti isheenis ijoolleenshee lama Afaan Oromoo akka baratan gochaa akka jirtu himti. Keessumaayyuu ilmi ishee kan hangafaa amma ganna sadi yoo ta’uu, abbaa warraa ishee Doktar Bahaar Yuusuf waliin Afaan Oromoo barsiisaa jirra jetti.

Isheenis fakkeenyummaa maatii isheerra argatteen, ijoolleen ishee haala gaariin Afaan Oromoo dubbataa akka guddatan barbaadi.

Waggoota muraasaaf miidiyaalee hawaasummaarraa baddee kan turte Toltuun, ammatti turtii waggoota muraasa booda deebiteetti. Isheenis qabsoo guddaarran ture jetti.

“Ani ega hojii Afaan Publications fiixaan baase booda qabsoo guddaarran ture. Ani heerumee ijoollee lamaan argadhee jiruu jiraachaan ture jedheeti. Ijoollee guddisuunis qabsoo guddaadha. Waggaa lama keessatti ijoollee dahee barumsa kiyyatti deebi’e.”

Toltuun bara 2013 ALA’tti hojii maatii fi ijoollee biyya alaa jiraatanii karaa Afaan Oromoo barsiifatanii fi barataan isaan gargaaruu piroojektii ‘Afaan Publications’ jedhamu jalqabde.

Afaan Publications kunis ijoollee biyyoota alaa jiraatan kan aAfaan Oromoo hin beekne akka afaan isaanii beekanii guddataniif isaan gargaareera.

Toltuun piroojektii kana jalqabuuf maaltu akka ishee kakaasee akkas jetti, “ijoollummaa kiyyatti abbaan kiyya biyya na fidee biyya natti agrsiise. Anis ega barnoota sadarkaa lammaaffaa kiyya xumure booda gama kiyyaan biyyatti deebi’ee.”

Ergan jiruu fi haala biyyaa argeetiin baay’ee natti dhagahame. Gara Awustiraaliyaa ergan deebi’een booda waa’ee mirga namaa, mirga dubartootaa, mirga amantii, mirga Oromummaa kanaarraa quba hubadheetan wantoota adda addaatti seene. Achi booda muxannoo kana gara hawaasa Awustiraaliyaa Meelboornitti qooda fudhadhee hogganttuu hawaasaas ture, jechuun BBC’tti himte jirti.

Toltuun osoo ‘Afaan Publications’ hin jalqabiin duraa osoo barattuu sadarkaa lammaffaa jirtu ture ijoolleen yeroo mana barumsaatiin deebi’an hamma dandeetteen qubee fi lakkoofsa kan barsiisaa turte.

Akkasumas ijoolleen guyyaa mana barnootaa hin deemne guyyoota akka Sanbataa fi Dilbataa walitti qabuun barsiisuu akka jalqabde dubbatti.

Yaaliin ishee kunis maatii Oromoo hedduurraa fudhatama argachaa dhufunsaa akka waan kana guddiftee ‘Afaan Publications’ jalqabduuf hamilee gaarii ishee ta’e.

‘Afaan Publications’ mana keessatti jalqabe jetti Toltuun. “Kunis yeroo abbaan kiyya Oromiyaa na fidee natti mul’ise san kan hamilee naa ta’e. Boodarratti waa mana jiru san gara hawaasaatti baase hojii jalqabe.”

Toltuun yeroo daa’ima tokko waliin kitaaba dubbistu

Hojiilee gama ‘Afaan Publications’ saniinis karaa kitaabotaa fi viidiyoo garagaaraatiin Oromoota biyya alaa jiraataniif geessaa turte. Ega gara hojjichatti seentee booda hojiilee ishee hawaasa Awustiraaliyaa qofaa biratti akka ta’u hin feene isheen.

Haaluma fedhii isheetiin biyyoota 25 ol keessa deemuun Oromoota biyya alaa ijoollee isaanii Afaan Oromoo barsiisuu fedhanii kaka’umsa ta’uun hojiilee ishee agarsiisaa turte.

Imala ishee kanaanis maatii Oromoo biyyoota garagaraa hedduurraa dinqinsiifannaa fi gargaarsa argatteeti. Kaka’uumsa maatii Oromoo hedduu yeroo san keessa ture akkasitti yaadatti Toltuun, “Nullee hojii kanarraa qooda fudhachuu barbaanna naan jedhanii na kakaasan. Ani akkuma ummata kakaaseen isaan illee na kakaasaa turan. Wal kakaasnee wal jabeessinee kunoo bakkeen geenye.”

Toltuun Oromoota yeroo isheen Afaan Publications jalqabdu ishee gargaaraa turan akkasitti yaadatti, “Kitaaba kiyya warri gulaaltonni, barreesitoonni na gargaaran nama baay’ee ture. Keessatiyyuu namni ‘Fundraising’ jedhanii maallaqa walitti guuranii kana Toltuun akka godhuu dandeettu jedhanii na cinaa dhaabbatan.”

Ammarratti hojiilee ishee waggoota shaniif Afaan Publications irratti hojjataa turte Oromoota biyya keessa jiraaniin bira gahuuf tibba kana gara Oromiyaa imalaa jirti. Imalli kunis agarsiisa kitaabota isheetiif hirmaannaa Irreecha Hora Finfinnee dabalata.

Miiraa ishee imala gara Oromiyaa kana Toltuun akkasitti nutti himte, “Baay’ee baay’ee gammadeen jira. Akka gaarittis biyya keessatti qophaa’a jiraa. Anillee of qopheeffadhee saganteeffadheera. Osoo yeroo gabaabaa biraa qabaadhee biyya abbaa kiyyaarraa hafuu carraa kanarratti fayyadamuudhaaf ani dhufaan jira.”

Haaluma kanaan sagantaa eebba kitaabota ishee fi agarsiisa hojiilee ‘Afaan Publications’ gaafa Sanbata dhufu Finfinnee galma aadaa Oromootti agarsiisuuf qophii hunda xumurushee dubbatti.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.