Tiraavoolloo Waashaa: ‘Itoophiyaan hanga diigamtu Isaayas

Above Single Post

Tiraavoolloo Waashaa: ‘Itoophiyaan hanga diigamtu Isaayas Afewarqii, maaliif walitti qabdee hin bulchitu’

Tasfaayee Gabra’aab barreessaa kitaa Tiraavoolloo Waashaa, YeBurqaa Zimmitaafi kan biroot.

”Jeneraal Damiissee Bultoofi Jeneraal Marid Nugusee wal arguun isaanii hedduu waan Mangistuu Haayilamaariyaam dinqisiise hin fakkaatu.

(bbcafaanoromoo)—-Tarii lamaan isaaniiyyuu Oromoo waan tahaniif tahuu danda’a, ykn ammoo ABO’n mana Jeneraal Damissee Bultootti hundaa’uu isaa quba qaba jechuudha,” Tesfaayee Gabra’aab [Gadaan].

Tasfaayee Gabra’aab kitaabota isaa kannen akka Ye Burqaa Zimmitaa, Ye Gazexenyaa Maastawashaafi kaan biroonis beekamu, tibbanas kitaaba ”Tiraavoolloo Waashaa” jedhamu maxxansiisee gabaarra oolcheera.

Kitaabni kun seenaa 20 kan of keessaa qabu yoo tahu, hundi isaanii walitti dhufeenya qabu jedhe Tasfaayeen.

Kitaaba fuula 250 qabu kana keessatti iccitiiwwan hanga ammaatti nama kamiiniyyuu hin himamne argadhee dhugaa jirus barreessera jedha.

Qabiyyee kitaaba kanaa ilaalchisun BBC’n Tasfayee waliin gaaffiifi deebii taasiseeraa dubbifadhaa.
BBC: Tiraavoolloo jechuun maal jechuudha?
Tasfaayee: Eertiraa magaalaa Asmaraa keessa bakka Tiraavoolloo Waashaa jedhamutu jira.

Sanadoonni mootota Eertiraa bulchaa turan waggoota dheeraa irraa eegalee bakka kana keessatti kuufamaa tureera.

Jalqaba irratti mootummaa Turkiitu Eertiraa bulchaa ture, itti aansee Xaaliyaanii, Ingiliz, erga Ingiliz gadhiistee baatee ammoo mootummaa Itoophiyaatu bulche.

Motummaa amma biyyattii bulchaa jiru dabalatee sanadoota hedduun sirnoota kanneen keessa darban achi keessatti kuufamanii jiru.

Anis moraa kana keessa galee sanadoota hedduu sakatta’ee dubbisee yaadota barreeffamichaaf ka’umsa naaf tahaniifi ragaawwan argadheera.

Kanaafan maqaa kitaabichaa Tiraavoolloo Waashaa jedhee waame.

Namni yeroo jalqabaaf xiyyaara Itoophiyaa balaliisise [oofe] eenyu akka tahe namni beeku hin jiru. Maqaan isaas ka’ee hin beeku. Akkamiin du’e kan jedhus hanga ammaatti kan himame hin jiru.

Ani garuu sanadoota mooraa Tiraavoolloo keessaa nama akkamii akka tahe argadheera.

Namni kun Koloneela tokko yoo tahu, icciitiin isaa sanadicha keessatti barreeffameen argadhe.

BBC: Fonqolcha mootummaa Dargiifi hundeeffama ABO irratti waanti himu jiraa?
Tasfaayee:

 Jeneraalota mootummaa Dargii fonqolchuu yaalan keessaa Jeneraal Dammisee Bultoofi Jeneraal Marid Nugusee keessatti argamu.

Booda Jeneraal Damissee Bultoofi Jeneraal Marid Nugusee dabalatee kanneen harka keessaa qabu jedhaman mootummaa Dargiin ajjeefaman.

Mangistuu Haayilamaariyaam fonqolcha kana kan qindeessite dubartii tokkodha jedhee ofiisaan dubbatee ture.

Dubartiin kun eenyu kan jedhu ammoo wanti barame hin jiru ture. Amma Magaalaa Asmaraa keessa kan jiraattu lammii Eertiraa kan taate haadha manaa Jeneraal Marid Nuguseeti.

Dubartiin kunis haatii manaa Jeneraalichaa erga jalaa duuteen booda kan fuudhaniidha.

Icciitii kana argchuuf waggoota lamaaf dubartii kanatti deddeebi’een gaafachaa ture. Haa tahu malee, dubartiin kun eenyu akka taateefi Asmaraa keessa jiraachuu ishee lammiilee Itoophiyaa dhiisii Eertiranonniyyuu hin beekan.

Booda garu itti dedeebiin haasofsiisee isheenis iccittii ture hunda natti himte.

Ammaaf waan kitaabicha keessa jiru hundaa dubbachuu hin barbaadu, kitaabichuma keessaa argattu waan taheef.

BBC: Jeneraaal Damissee Bultoofi ABO maaltu walitti fide?

Tasfaaye: Jeneraal Damissee Bultoo namni hin beekne hin jiru. Haa tahu iyyuu malee ABO’n mana jireenyaa isaanii keessatti hundeeffamuu namni baay’een hin beeku.

Dhimmichi akkasidha. Obboleettiin Jeneraal Damissee Bultoo, Warqinesh Bultoo haadha manaa Baaroo Tumsaati.

Hariiroon isaanii kan jalqabe karaa kanadha.

ABO’n yeroo jalqabaaf jaarmiyaa siyaasaa uummata Oromoof qabsaa’u tahuun kan hundaa’e bara 1973 yoo tahu, Baaroo Tumsaafi waayillan Jeneraal Damissee Bultoo akka tahe ragaaleen barreefamaafi af-gaaffii garaagaraa ni himu.

Jeneraal Damiissee Bultoofi Jeneraal Marid Nugusee wal arguun isaanii hedduu waan Mangistuu Haayilamaariyaam dinqisiise hin fakkaatu.

Tarii lamaan isaaniiyyuu Oromoo waan tahaniif tahuu danda’a, ykn ammoo ABO’n mana Jeneraal Damissee Bultootti hundaa’uu isaa quba qaba jechuudha jedheen yaada.

Haa ta’u malee, kan baay’ee isa aarse akkamii Jeneraal Marid Nugusee, Jeneraal Faantaa Balaayiin garee isaa keessa galfate kan jedhu ture.

Bara kufaatii Dargii Dr Ashaagiree Yigilexuu, bulchiinsa Dargii jalatti Ministira Muummee Itoophiyaa xumuraa turan.

Angaa’aan kunis jila Itoophiyaa dursuun wal gahii xumuraa magaalaa Landanitti Isaayaas Afewarqii fa’aa waliin taasifameerratti waan isaan dubbatan barraa’ee Tiraavoolloo keessa jira.

Maal waliin jedhan kan jedhu bal’inaan dubbachuu hin barbaanne malee, xumura kufaatii Dargii irraa Dr Ashaagiree Yigilexuu, ”hamma biyyi kun bittinnooftu atumti [Isaayas Afawarqii] maaliif waliiti qabdee hin bulchitu jedhee ture.

Deebii pirezidaanti Isaayas Afawarqii waltajjii sanarratti kennan kitaaba kiyya kanan keessaa ni argattu.

Ajajootni waraanaa Dargii Shaabiyaaf basaasaa akka turan odeeffannoon agarsiisus Tiraavoolloo keessas jira. Koloneelli tokko eenyunuu dura odeefannoo Shaabiyaaf akka ergaa ture ibsa sanadi kun.

Kana malees, sanadni giddugala waraanaa Anbarbir, bakka Isaayaas Afawarqii ture, irraa waa’ee ijaarsa caasaa siyaasaa Wayyaanee qeequun barraa’e jira. Tarii sandichi kan barraa’ee Isaayaasumaan tahuu danda’a shakkii jedhun qaba.

BBC: Waa’ee jiruu odola Daahilaak kitaabichi maal kaase?
Tasfaayee: Kitaaba Tiraavoolloo Waashaa jedhamu keessatti haalli jireenyaafi seenaan uummata Daahilaak irra jiraatanii ibsameera.

Jireenyi isaan jiraatan bakka biraa pilaaneetii kana irra eessayyuu hin jiru. Uummatni kun gara daangaa Sudaanitti dhiyaatanii qarqara galaana Diimaa irraan daangaadhuma Eertiraa keessa jiraatu.

Ganama ka’anii bidiruu isaanii qabatanii Masir[Gibtsi] dhaqanii uffata bitanii oolmaadhuma deebi’anii galu.

Ammuma ka’anii Omaan, Yaman, Buufata doonii Somaaliyaa Hudaayidaa dhaqanii waan isaan barbaachisu bitatanii deebi’anii galu. Waan ajaa’ibaati.

Waanti Viizaa ykn paaspoortii jedhamu hin jiru. Lammiileen Eertiraayyuu isaan hin beekan. Afaan isaanii afaan Tigiriffaa miti. Amantaan isaaniis musilimidha. Sabummaadhaan Bidaawwiit jedhamuun beekamu.

Anis daandiin Daahilaak geessu waan hin jirreef carraa argachuun helikoopteraan deemee isaan gidduu jiraachaa ture.

Uummata ajaa’ibaati. Daahilaak yeroo bara daldala garbaa gidduugala gabaa turte.

Yeroo daldalli garbaa qabbanaa’u warri bitamanii turanis achumatti gadhiifamuun achuma jiraachaa turan. Amma uummata 7,500 tahantu achi jiraata.

Daahilaak keessa manni barumsaa jira, namni dhukkubsatee yaalamu dhibus manni yaalaa jira. Yoo qurxummiin isaan ciniintee dhaqanii yaalaman malee namni dhukkubsatu hin jiru.

Ogeessonni callisanii taa’aa oolu. Anis uummata kana keessa taa’een seenaa isanii barreesse.

Buufanni poolisii garuu tasumaa hin jiru. Nageenyaan jiraatu. Yoo wal dhabanis ofuma isaanii hiikkatu. Mootummaan Eertiraa buufata poolisii banee waggaa lamaaf waan hojjetu waan dhabeef deebisee cufe.

BBC: Artisti Teedii Afiroo kan ”Daahilaak lay Lisiraa beetee” jedhee weellise waa’ee uummata kanaatii laata?

Tasfaayee: Gonkumaa! Teediin Daahilaakiin hin beeku. Doonii akkas jedhamu tokkotu jira. Lammiileen Eertiraayyuu haala jireenya isaanii haalaan hin beekan.

Agumaayit naannoon jedhamtu faallaa galaana Diimaa irraan daangaa Sudaan irratti Eertiraa keessatti kan argamtudha. Uummanni kun ammoo mootuummaan xumuraa argine mootummaa Xaaliyaaniiti jedhu.

Xaaliyaanonni harree yaabbatanii imaluun kaartaa hojjechuu yeroo dhufan qofa argine jedhan. Mootummaa Ingiliz, Haayilesillaaseefi Dargii hin beekan.

Sana booda kan argan mootummaa Eertiraa kan ammaa qofa akka tahe himu. Moobayilaafi motorsaayikilii namni hin qabne muraasa.

Teeknoloojii qabu. Qurxummii hamma barbaadan waan argataniif cidha torban guutuu qopheessu. Beela waan jedhamu Daahilaak irra hin jiru.

BBC: Kitaabni kun waa’ee Itoophiyaa yeroo ammaa kan kaasu qabaa?

Tasfaayee: Kitaaba Tiraavoolloo jedhamu kana keessatti jijjirama Itoophiyaatti dhufe ilaalchisee akkamitti dhufeefi garamitti deema kan jedhu kaaseera.

Seenaafi siyaasa Itoophiyaafi Eertiraa adda baasanii ilaaluun hin danda’amu. Kitaabni kunis kitaaba Ye Burqaa Zimmitaa waliin waan wal isa fakkeessu qaba.

Below Single Post