Tigraayitti maaltu deemaa jira?

Tigraayitti maaltu deemaa jira?

Diinni Oromoo ifatti wal nyaataa jira. Gareen tokko mootummaa Abiy Haamad dabalatee garee ilmaan Nafxanyaa ti. Gareen kaan ammoo garee TPLF. Lachuu Oromoof diina. Garaagarummaan jiru yoo jiraate garee Nafxanyaa keessa fadhiidoo maqaa Oromootiin nagaddutu jira. Gareen Wayyaanee ammoo yakka waggaa 27 raaw’te jalaa miliqee ganda isaatti galuyyuu duula Nafxanyoonni ganda isaatti irratti kaasuuf yaalaa jiran ofirraa ittisaa jiraachuu dha. Dhimma kana irratti odeeffannoo Tigraay, Eertiraa fi Nafxanyoota OPDO of jalaa qabdu gidduutti deemaa jiru hordofaan jira. Wannin hubadhe cuunfaadhumatti akkana.

Warri Bilxiginnaa (Nafxanyaa fi ergamtuu OPDO) Eertiraanota Itoophiyaa keessa, keessattuu Tigraay jiraatan fayyadamuun Wayyaanee irratti fincila kaasisuuf jaboo tattaafachaa jiru. Akka ummanni Tigraay Wayyaanee jibbee irratti fincilaa jiru fakkeeffachuuf maallaqa guddaa dhangalaasanii hojjechaa jiru. Olola suuraa sobaa kan qondaalli Bilxiginnaa Awaluu Abdoo jedhamu gadhiise salphina mootummaa Abiy saaxilee jira. Tigireen garaa qabattee ”Boorkoo” jettee itti kolfaa jirti.

Hojii kana keessatti bulhiinsa Isaayaas Afawarqii akka gaariitti fayyadamaa jiru. Kana keessatti gaaffii daangaa Tigraayii fi Amaara gidduu jiru (Walqaayit faa) kan duraan Wayyaaneen humnaan harkatti galfattee jirtu harkaa baasanii gara Amaaraa deebisuuf duulaa jiru. Tigraay yoo cabsine bulchiinsa federaalaa sab-daneessaa amma jiru guutuu Itoophiyaa irratti cabsuun salphaa dha jedhanii itti deemaa jiru. Akkasumas heerri amma jiru kan Wayyaanee waan taheef Wayyaanee qehee ishiirratti goollee humna dhowwannaan heericha salphaatti tarsaasfnee gannee sirna lummuxxii Nafxanyaa durii deebifna kan jedhu wal amansiisanii hojjechaa jiru. Warri aangoo irra jiru akeeka kana iccitiidhaan qabatanii itti deemaa jiru. Nafxanyoonni biyya alaa ammoo iccitii sana gadi baasuun qilleensa guutaa jiru. Ethio 360 fi ESAT irratti olola hojjechaa jiran laaluun ragaa gahaa dha.
Akeeka kana dhugoomfachuuf ummata Itoophiyaas gowwoomsinee of cinaa dhaabuun itti milkaahuu dandeenya laalcha jedhutu jira.

Warri Tigraay gama isaaniitiin duula kanaan Tigraay osoo hin taane Itoophiyaatu diigamuuf deema jechuun akeekkachiisaa jiru. Gareen siyaasaa hayyotaa fi qabsaayota jaraa gameeyyii hammate tokko dhimma kana irratti ummata sochoosuuf jaarameera. Gareen kun ፈንቅል ንምስረታ ሉኣላዊት ትግራይ jedhama. Fenqil jechuun maqaa duula waraanaa gaafa Dargii ittiin buqqisaniiti. Fanqil kun warra Shaabiyaa birattis injifannoo beekamaa ha. Ji’a Guraandhalaa waggaa waggaatti Mitsiwaatti kabajama. Akeekni humna kanaa Tigraay walabtittii jaaruu dha. Yoo dhiibbaan mootummaa giddu galaa jirraa nutti hammaate Tigraay Itoophiyaa irraa galuu qabdi akeeka jedhuun ummata jaraa sochoosaa jira. Tuttuqaan Nafxanyoonni fadhiidota keenya qabatanii godhaa jiran kun Tigraay Itoophiyaa irraa akka galtu dhiibaa jiraachuu argaa jirra.

Hookkarri siyaasaa kun Itoophiyaa keessatti kan daangeffamee hafus miti. Eertiraa keessattis lafa gara gaggalchuuf deema. Warri Wayyaanees ummata Eertiraa bulchiinsa Isaayaas jalatti ukkaamamee jiru sochoosanii jaarsa aangoo irraa buqqisuuf hojjechaa jiru. Dargaggoonni Eertiraa ergama Abiyii fi Nafxanyaa fudhatanii harma Tigraay hodhan deebisanii ciniinuu akka dhaaban tahuu baannaan garuu tarkaanfiin hadhaawaan akka isaan eegu akeekkachiisaa jiru. Haalli kun keessattuu Eertiraatti ummata durattuu ukkamamee qaawwa barbaadachaa jiruuf sababa tahee sirna Isaayaas balaa irra akka buusuu malu tilmaamama.

Cuunfaa dubbichaa –
Diinni walirratti duulaa jiru lachuu nuuf warra dhiigaa ti. Nafxanyaan Nafxanyaa dha. Wayyaaneen Wayyaanee dha. Wanni adda tahe tokko garuu ni jira. Nafxanyoonni Tigraay irratti kan duulaa jiraniif kallattiidhaan Oromoo waraanuun waan itti ulfaateef dura Wayyaanee lafaan gahuu qabna tarsiimoo jedhuuni. Wayyaanee kuffifnaan Oromoo qoqqoodanii wal dura dhaabanii bulchiinsa federaalummaa sab-daneessaas tahee heera hiree murteeffannaa buqqisanii balleessuu dha. Humnoota federaalistii keessaa kan humna waggaa 27 jaarame kan waraanaa fi siyaasaa jabaa qabu Tigraay waan taheef, sana buqqifnaan Oromoon nu dhaabuu hin danda’u akeeka jedhuu dha. Tuffii Oromoof qaban bifa kanaan ibsaa jiru. Tuffii hagas akka Oromoo irratti horatan kan godhe ammoo warra Oromoo keessaa dhalaee Nafxanyaa caalaa Nafxanyaa tahuu barbaadu harkaa qaban waan taheefi. Namni Abiy Haamad jedhamu kan maqaa tokkummaa Itoophiyaatiin sagal kakachaa oolu sirriidhumatti itti ejjetee Itoophiyaa diigaa jiraachuun hubatamaa jira. Itoophiyaa diiguu qofa osoo hin taane wal waraansi dhuma hin qabne Gaanfa Afriikaa akka liqimsu, keessattuu Oromoon akka nagaa dhabee karaa hundaan ibiddaan waadamu godhuuf akeeka akka qabu adeemsi isaa mul’isaa jira.

Ummanni keenya waan tahaa jiru hunda qalbiin hordofuu qaba. Qabsoon Oromoo hirkoo eenyuuyyuu akka hin barbaanne ifaa dha. Garuu waan alangeen deemtuuf fardi hin wallaalu akkuma jedhmu, Tigraay irrtti wayta duulan Oromootti ciniinnachaa akka tahee fi sana booda dirreen lolaa Oromiyaatti akka as deebi’u ummanni keenya beekee waan as deemaa jiruuf yeroodhaan of qopheessuu qaba.

Yaya Beshir


Midiyaalee fi angawoonni mormitoota Oromoo waa’ee Tigray kana sirritti hubbachu qabu. TPLF waliin lola qabna, haaqni keenya bakka hin geenye. Ummata Tigray if naannoo Tigray waliin garuu dhaabbachu qabna, fedhii fi faayda sirna wal-fakkaataa ijaaru qabna.

Amma warrii Bilxiginaa fi namtichi isaani Abiy Ahmed jedhamu yoo Tigray dhunfatani, biyyattiin dhumateef. Gutuumaa gutuutti gara sirna Haaylasilaase fi Dargiitti deebine namtichi nurattii fincaa’a. Achiin booda ajjeefamu fi hidhaan daran hammaata, hanga humni WBO ykn humni guddaa biraa namticha fi sirna isaa diige dhufe Finfinnee dhunfatutti.

Kana beekkadhaa.

Who will first shoot? Who will declare whom first a terrorist organization? Bixiginaa or TPLF? Bilxiginaa can’t do much in Tigray directly, but it might use weak proxies to do some serious damage just like how TPLF used OPDO to rule over Oromiyaa. Tigray council should label Bilxiginaa a terrorist Organization and ban it from operating in its territory, Tigray’s relation with federal government institutions can still be totally intact.

Biyya Oromiyaa


Fulbaana 30 booda heerri Bilxiginnaaf aangoo dabalu hin jiru. Koontiraata waan fixataniif manatti galuu qofatu ibsame. Fulbaana 30 biyyi mootummaa hin qabdu jechuudha. Gabaabumatti mootummaan diigamte jechuudha. Eenyutu eenyu ajaja gaafa san? Diigumsa guddaatu as deemaa jira.