The Neftegna’s government has plenty of motives to kill Hachalu.
ARTIST HACAALUUN “OROMOON BIYYA IJAAREE” 08 11 2010
Haacaaluu Hundeessaa: Adawaa 123ffaa OBN Gurr 23, 2011
New Hacaalu Hundessaa Best Oromo Music DAFII KOOTTU YAA WBO 2020
Marroo Dirribaa: ‘Mootummaan Yakka Ajjeechaa Artist Haacaaluu Irratti Raaw’ate Aguuguuf Jecha Gara Keenyaatti Quba Qabaa Jira’

WAASHINGITAN, DIISII — (voaafaanoromoo)–Maqaa “Jaal Marroo” jedhamuun ka bal’inaan beekamaan hoogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa, Obbo Kumsaa Dirribaa, “ WBOn zoonii Lixaa, ajjeechaa artistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raaw’atame dudduuba jira”, jechuundhaan ka mootummaan balaaleffate, “dhara” jechuun fudhatama dhorkatanii jiru.
Gaaffii fi deebii addatti Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “ajjeechaa Hacaaluu irratti raaw’atameef itti gaafatamaan mootummaa dha. Yakka hojjete ittiin aguuguuf jecha, quba isaa gara keenyatti qabaa jira,” jedhan. Hooggantuun Waajira Abbaa-alangaa muummichaa Itiyoophiyaa, Aadde Adaanech Abeebee, jalqaba torban kanaa irra gaaffii fi deebii akkasuma VOAf kennaniin, “akka WBOn ajjeechaa sana duuba jiru kan agarsiisu, ragaa ergaa bilbila Haacaaluu irratti ergamee harkaa qabna,” jedhanii turan.
Gaaffii fi deebii “Marroo” yokaan Kumsaa Dirribaa waliin geggeessine kutaa duraa caqasaa.
Jaal Marroon wahee Ajechaa Hacaalu Hundeessan wolii qabatee gaffii fi deebi Voa afaan oromoo waliin godhee deebi quubsaa keenee jirani https://youtu.be/0eoLdcESw8I