The cycle of killings and maiming in Ethiopia.

The cycle of killings and maiming in Ethiopia.

1. by the group of soldiers sent to his Grand Palace by Col. Mengistu and was killed in August 1975.Emperor Haile Selassie was arrested on Sept. 12, 1974

2. Lt. General Aman Michael Andom, Chairman of the Derg, was shot and killed by the troops sent to his home by Col. Mengistu on Saturday night Nov.23, 1974.

3. Lt. General Teferi Banti, Chairman of the Derg, was shot and killed with other 8 Derg members by the troops sent to the Grand Palace by Col. Mengistu on February 3, 1977.

4. J/ Abdi Raggassa, former OLF Army Commander, was arrested by the group of soldiers sent to his home on Saturday night February 29, 2020, where the commander-in-Chief of the state is a peace laureate Col. Abiy Ahmed.

• When you start dictatorship, you must also forget not how it ends.
• Gaafa abba irrumma jalqabdu, dhumaatni isas maal akka fakkaatu hin dagatin.

• አምባገነናዊ ሥርዓት ስትጀምር፣ አጨራረሱም ምን እንደሚመስል አትርሳ !!!!!!!

Dandana Bafkane


Barreefama_Jaal_Marroo (Dhugaabas Dhugumaa) – Adoolessa 16, 2016

Kaayyoo bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf hariiro ABOn Jaarmoolee Oromoo, humnoota polotikaa ummattoota cunqurfamoo, humnoota polotikaa Habashoota, fi polotikaa addunyaa waliin qabu murteessaa dha. Keessa Oromootti dursa ABOn akka sadiitti of ilaallu qaba. Isaaniis: Tokkoffaa akka hangafa fi kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromootti jaarmayaa dhalli Oromoon hedduun lubbuu isaa itti dhabe, jireenya isaa itti diigee ta’uun hubatama. Kanaafu ABO qabeenya, wabii, fedhii fi dantaa Oromoo maraa ta’u qaba. Akka hangafummaa isaatti ulaagaa beekamaa fi sirna ifaa ta’e tokkoon jaarmolee Oromoo ofiitti harkifachu qaba. Warra diddaa agarsiisan ummataaf bifa ifa ta’een dhibde jiru labsee xumuruu qaba. Lameessoo akkuma partii tokkootti kayyoo qabatee tarkaanfatuu, dorgommii hojii inni dalaguu fi bu’aa inni buusuun fedhii uummataa guutuu irratti hundaa’uun hordofamu qaba. Sadeesso dhaaba warraaqsa guddaa sochii uummataan(mass movement) deeggarame gaggeessuun rakkoo uummataa hundeen furuuf fi jijjiirama buqqaasaa fiduuf qabaacha of dura furgaasu qaba.

Ilaalcha Siyaasaa ’’Patriotic Ginbot 7 Movement for Unity and Democracy’’ fi Danqaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof Qabu

(Adoolessa bara 2016, Dhugaabas Dhugumaa)

…itti fufa kutaa tokkoffaa fi kan xumuraa

Birhanu Nega in Eritrea vows to overthrow the Ethiopian government

Yeroo darbe kutaa itti aanu akkan isiniif katabu waadaa seeneen ture. Akkuma waadaa seenetti ilaalcha siyaasaa namoota jaaramayaa ’Patriotic Ginbot 7 movement for unity and democracy’ gaggeessanii fi shoora guddaa keessatti qaban irratti qiyyaafata. Xiyyeeffannaan kiyya namoota akka namaatti osoo hin taane ilaalchi siyaasaa isaanii sammuu isaaniitti maxxanee jiru maal akka fakkaatu fi tarkaanfii ilaalchi isaanii itti isaan dhiibu uummataaf ibsuu dha.

Kutaa tokkoffaa keessatti jarri kun dhimma Oromoo akkaataa itti ilaalanii fi hariiroo isaan ODF waliin qabaachaauuf tattaafatan akkuma ibsameen wixineen waliigaltee isaanii uummataaf gidduu kana ifa ta’uun akka namoota hedduu dinqisiise yaada isaanii irraa hubadheera. Kutaa lammeessoo kana keessatti namoota jaarmayaa PG7 gaggeessan lama akka namaatti osoo hin taane akka ilaalcha isaan oofan hubattaniif jecha waan isaan dalagaa turan hedduu keessaa fakkenyaaf isiniif qabadhee dhiyaadheera. Isaanis Porf. Mesfin WeldeMariam fi Dr. Brihanu Naggaa ilaallata. Itti dhiyaadhaa! Kan warra kaanii fkn Dr. Geetachew Begashaw, Kaasaa Kabede fi Dr. Masay Kabede yeroof xiyyeeffannaa barruu kanaa ala dha.

Prof. Mesfin WoldeMariam

Prof. Mesfin baroota 1930ta keessa magaala Finfinnetti dhalate. Barnoota isaa kan jalqabaa mana qeesii Orthodoksitti barachuun, daaqoonumma bara 1946 keessa fudhate. Barnoota sadarkaa calqabaa fi lamaffaa mana barumsaa Teferi Mekonen-tti xumure. Barnoota sadarkaa ol aanaa biyya alaatti ba’uun, B.A isaa Punjab University, India irra bara 1955, akkasumas M.A isaa Clark University, USA irraa bara 1957 fudhate. Itti aansee bara HaileSellassie Yuniversity kan amma Addis Aababa Yuniversity jedhamu keessatti Department geography keessatti barsiisaa ta’e.

Prof. Mesfin nama Umuriin badhadhe dha jechuun danda’ama. Mootummooti Impayera Ityophiya kan HaileSilasee irraa eegale wal-duraa duubaan dhufaan hunda keessa jiraate. Akka duubbeen seenaa isaa ibsutti namni kun warra mootummaa jedhaman hunda takka itti dhihachaa fi yeroo kaan irraa fagaachaa balaan haayyoota fi dargaggoota qaroo kan sabaa hunda keessa nyaatu, inni adaba hidhaa waggootii lama fi sadii hin caaliin irraa kan hafe haga har’aa nagaa isaa waliin hojjetaa jiraate. Kanaafu imammatoota Impayerittiin baastu keessatti harki isaa qulqulluu miti. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti waa jechuuf:

  1. “Education Sector Review (ESR)”

Caamsaa bara 1961 Ityophiyaan konfransi kan Tokkummaa mootummaa Gamtoomaani (UN) gargaarame dhimma guddina mana Barnootaa biyyoota Afrikaa mari’ate. Konfransi kana irratti qaanin guddo Ityophiya mudate. Kunis Sadarkaan haalli mana barnoota sadrkaa jalqabaa (primary School) fi Sadarkaa lamaffa (secondary) Itophiyaa keessa jiruu hundi saxilame. Kanaafuu jijjirama fardii mootummichi akka gaggeessuf tarkaanfiin jalqaba fudhatame akka baasii mana barumsaaf kan 1.4 %

ture akka gara 3 % GNP akka guddisu kan jedhu ture. Sunuu ta’ee baasiin kun kan biyyoota Afrika (2.5-6 %) kaan waliin kan wal gituu hin dandeenye.

Duraanu manni barnoota sadarkaa Jalqabaa (Primary education) baasiin isa Qaraxa (Tax) qonnaa irraa argamuun ture. Barnoota Sadarkaa lamaffa fi ola’anaan mootummaa irraa ture. Qootee bulaa irratti gibra amma kafalamuu ol dabaluun furmaata ta’uu hin dandeenye. Barataan Sadarkaa mana barumsa ol aanaa silaafuu mootumicha irratti gumgumi kaasuu erga eegalee bubbulee. Haala akkasii keessatti Prof. Masfin-ffaa Education Sector Review (ESR) July bara 1972 imammata manni barumsa sadarkaa jalqabaa fardii fi hundaan kan mootumman gargaraamu yeroo ta’u sanaan booda ogguma abbaa ofii dalaguun itti aansee namuu oggumaa abbaa isaa argatuun (informal training) gara sadarkaa lamaffaatti akka deebi’uu kan jedhu dhiyeessani. Hikti imammataa kanaas ijoolleen qotee bulaa, qotee bulaa haa ta’an jechuu irra adda hin turre. Kun osoo labsiin jiru fi hojii irra hin ooliin uummati dhaga’uun moormii nugusichaa irratti ciimsuun kufaatii nugusichaafu sababaa tokko ta’e. ’Better to be right than to be popular’

Koree Hoongee Walloo Qoraatuu irra gara koree qoondaalota motummaa Hailesillasee qoratuutti

Eegala warraaqsa Ityophiya irratti koreen loltu “ the Coordinating Committee of Armed Forces” kan PMAC (Darg) jedhamee beekamu komishi’oni dhimma Hoongee fi Beela WALLO akka qoratamee dihaatu ta’e. Kana keessatti kan akka waliin hojeetu kan waliin ramadame kessaa Oromootni turan akka Baro Tumsa, Jihad Abbba Qoyyaas yeroo tahan Dr.Seyoum Haragot Abba’i fi Mesfin W/Mariam hokkora qoomoo ilaalu kaasuun koreen akka diigamu tolchan. Sana duuba koree nama 15 of keessaa qabdu kan military fi civilian irra ijaramuun Prof. Mesfin WeldeMariam dura ta’aa itti ta’uun qoormaatni Walloo osoo bakka hin ga’iin hafe, Gabaasa isaa kan qarruu Amaaraa fi Nugusicha balaa irraa oolchuuf October 1974 Dergiif galche, Dargiin gabaasa Mesfin lafa kaa’ee tarkanfii siyaasa kan mataa isaa fudhate.

Qoormaata of- bulchiinsa nannoof gaggeeffame keessatti

Bara 1987n dura Dargiin qophii heera kan bara 1987 labsuuf qormaata ta’u qaban oolantummaan kan itti kenne Institute of Nationalities studies-f ture. Dabalatas Yuniversity keessattis koree adda addaa kan utubuduu ijaare ture. Qormaata kan Ogaden- Somalii kan gaggeessu Prof. Mesfin ture. Kana keessatti five autonomous regions (Eritrea, Assab, Tigray, Ogaden and Dire Dawa) kan Dargiin murteeffate dura dhaabbachuu fi Oromiya kutaalee hedduutti akka qoqqoodamtu tochuu keessatti gahee guddoo xabate.

Dhuma irratti tattaafii inni Dargii fi EPRDF araarsuuf yaale

Prof. Mesfin Carraa Ityophiyaa inni hawwuu fi tursiisuu fedhu yoo Dargiin qooda keessatti hin qabaatiin baduuf akka deemtu dursee hubachuun April bara 1991 itti gafatama fudhachuun Wixinee araaraa EPLF, TPLF fi Dargiitti dhi’eesse. Konfransi 11ffaa International Conference of Ethiopian Studies magalaa Finfinnetti qopha’ee irratti qaamaan dhiyaatee ofi isaa dhiyyeesse irraa kan ka’e tumsa hirmattota irraa argate. Koreen araraa fi nagaa (A Committee for Peace and Reconciliation in Ethiopia) kan nama 11of keessaa qabdu utubamtee labsamte. Gumiin Maanguddoota Ityophiyaa irraa (council of elders representing Ethiopia) kan utubamte ishiin ‘trusteship government’ bu’ureessuun mootummaa ce’umsaa ijaartuu akka ta’utti falmuutti eegale. Itti gaafatamni mootummaa ce’umsaa tokkumaa Ityophiya tiksuun Filmaata dimokratawaa gaggeessuun mootummaa ijaaru kan jeedhu ture. Mengistuun Walgahii Shongo irratti gochaa Prof. Mesfin kanaatti aaruun warri waan hunda nu gorsaa turan har’a loola kana xaba hadha manaa fi abba manaa fakkessuun Irqi jedhani as bahani. Kanuuma Prof. Mesfin jedhu dhuguma jechuun Dr. Hailu Araya-tu waliin dhabachuun yaada Prof. Mesfin fudhachuun hunda caalaa Ityophiyaa gargara jedhe.

Interview bara 1992

Qophii tokko irratti kan Mallasaa, Dr. Mekonon Bishaw, Prof. Andreas Eshete fi Prof. Mesfin godhani irratti ilaalcha inni Sabaa fi Sablammoota Ityophiyaaf qabu ibse. Akka uddeelaa kanaa gadiitti jiru Sabni Amhara jedhamu hin jiru jedhe. Yeroo prof. ibsu yoo gara Wollo, Bale, Arsi fi kkf deemtanii yoo gaafattan, uummatni Amaarumma akka kiristanuummaatti hubata jedhe. Prof. Masfin Bofa jiran keessaa kan summiin isa hamaa qabu “Cobra” jedhamu sana jechuun danda’ama. Siyaasa idil-adunya kufaatii godina baha duubatti jiru, Mul’atni siyaasaa kan ummata adunya kana sochoosaa jiru Nationalism, Religion fundamentalism and Democracy dha. Mallasaanuu dhimma Nationalism jedhu of irraa darbatee Ityophiyaan biyya kiristaanaati jechuu jabeessaa turte. Masfin akka jedhutti warri jalqabaaf saba Amhara jedhe nu waame Xaliyaani duwwaa dha jedha.

https://www.youtube.com/watch?v=Jkh6jg0ree4 Prime minister Meles Zenawi and Prof. Mesfin Woldemariam, About Amhara

Falmi mirga dhala namaa keessatti

Onkololeesa bara 1991 keessaa Prof. Mesfin, Jaarmaya mirga dhala namaaf falmu “The Ethiopian Human Rights Council (EHRCO)” jedhamu bu’uresse. Jarmayan kun miidhaa jiruuf bu’ura odeeffatnoo ta’ee kan Jaarmiyoolee halaagaa kan mirga dhala namaaf falman kan akka Amnesty International, Human rights watch fi kkf tajaajiluutti ka’e. Adeemsa keessa dhimmaa Oromoo gabaasuu irraa bara dheeraaf of quussate. Inumaayyu Oromoon saboota biroo irratti midhaa geessisan jeedhee fi dhaadhessee gabaasuu eegale. Akka tokkotti komiin gafaa itti hedduummataa dhufu waan gaggabaasu eegale sana hunda keessatti halagaa duraatti Oromoo jedhee maqaa dhayuun, isaaf tasuma hin fudhatamu ture.

Miseensi Hogganaa ABO tokko yeroo tokko kan naaf hime dhimmoota lama bakka kanatti xuquun fedha. Konfransii Jaarmayaan mirga dhala namaaf falmu guddaa fi teessumni isaa kan biyya Fransayii Paris ta’e International Federation for Human Rights (FIDH) jedhamu kun qophii qopheesse irratti Prof. Mesfin waraqaa dhiyeessee. Miidhaa gazexeesitoota irra ga’uu yeroo ibsu kan warra kaani humnaa ol ol kaasse hasa‘un dhimma Shiferraw Insermu fi Dhabassa Waaqjiraa bira gaafa ga’u Oromo-language service Ethiopian Television (ETV) irra hidhamaan ilaalchisse gaffii itti ka’eef dhimma politikaa gosaa fi ummataa wal irratti kaasuu keessatti waan qooda fudhataniif dha jechuun baabsaa TPLF ta’ee mul‘ate. Haala kana irratti namni ABO walga’ii kana irratti hirmaate haqaa jiru dhiyeessuu irraan kan ka’ee murnii “ Reporters Without Borders” jedhaman kana hubatan atakaroo Prof. Mesfin waliin yeroo galan dhimmichi jabaatee hanga President Jacques Chirac deeme, yeroo Meles Zenawi Fransayyiin daawwatu Apri 14-15 akka itti kaasu gochuun haanga tokko akka furmaati argamu ta’e. Dhabaasaa Waaqjiraa fi Shiferaw Insarmuu garuu sabaa fi sabaa wali irratti kakaasuun osoo hin taane hiriraa barattooni Amaji 4 bara 2004 gaggeessan waliin wal qabate hidhamuu, hogganoota Maccaa fi Tulama, diddaa barattoota Oromoo jijjiraa waajira Oromiyaa magalaa Finfinnee irraa gara Adamaatti ta’u mormuu waan gabasaniif ture.

Kitabootaa isa

Prof. Mesfin Woldemariam kitaboota hedduu barreesse jira. Hedduun isaani kanuuma waan tokkicha faarsan dha, isaan keessaa kitaaboota lama kan afaan Amaraatiin maxxanfaman: ‘Mekshef Ende-Ethiopia Tarik’ (“missing the mark, like Ethiopian history”) kan bara 2013 (2005E.C) fi “AdafneFirhat ina Mekishef ( Fear and Failure)” kan bara 2015 keessaa maxxanfaman irraa nama qalbiin dubbiseef eenyumma Prof. Mesfin fi warri itti nannahanii jiran hubachuuf karaa salphaa dha.

Kitaabni isaa inni Mekshef ende-Ethiopia Tarik jedhu Abissiniya fi Ethiopia tokko godhee dhiyeessa, isaanin adda baasuun seenaa adda barreessuu dha jedha. Garuu beektootni hedduun kan irratti waliigalan Ethiopia turtes jirtis garuu bal’ini lafa ishee yeroo irraa gara yerootti adda ture jeedhu.

Ethiopia: prof. Mesfin woldemariam’s speech melbourne Oct 19 2014 https://www.youtube.com/watch?v=V5FRZBe013g

Adafneen kan irratti xiyyeeffate dhaloota haarayaa irratti yeroo ta’u, kana keessatti sududaan Oromoo maqaa dha’uu irra seenaan gootota Ityohiyaa kan akka Dejazmach Geresu Duki, General Jagama Kelo, Shaleqa Beqele Weyya-ffaa dhokatee jira jedha.

Ija Kanaan Oromoon attam godhee seena Waqoo guutu fi Jagama Kelloo walfaana ha faarsu?

https://www.youtube.com/watch?v=8098gOmfgts Ethiopia: Prof. Mesfin Woldemariam’s ‘Adafne’ U.S. Book Tour in Atlanta – Q & A 1/2 | Sep 27, 2015

Sochi qeerro irratti

Amajji bara 2016 Mata dure “Ye semoonuu ye Oromia Girgir Gira gebtonyal” jedha. Professor jecha “gir gir” akkuman dura barreffama koo keessatti xuqe kufaati Fonqolcha bara 1960 kan Girmame Newayii-tti kan dhimma bahame ture. Kanaafu dhaamsi isa eessayyu hin ga’uu kan jedhu yeroo ta’u barreeffama keessattiis bali’naan ka’e jira. Waan armaan gadii kana saaqa dubbissa.

Waliigala Prof. Mesfin nama Impayeritti keessatti waliin hojjetee waliin dulloome dha. Gaffii Oromoo hunda isaa ye zer politika jedhe kan amanu yeroo ta’u, ofii amanuu duwwaa osoo hin taane booda isaa qarru(elit) habashaa fi namootiin halagaa Ityophiyaaf mararfanno guddaa qaban akka jiran dha. Hariiroon Oromoo ykn Jarmooleen Oromoo, jarmoolee amahara kan Prof. Mesfin duuba jiraatuutti itti hirkachuun Oromoof bu’aa buusa jedhanii fudhachuun of gowwomsuu dha. Kan Prof. Mesfin hedduu waan ta’eef seensuumaf hagaas yoo jedhame ni ga’a. Namichi maqaa Oromoo dha’uu ni yaaddawa. Tasa Oromoon akka Oromootti gaaffii qaba jedhee hin dhugeeffatu, jaarmayaa yaada akkasiin deemu waliin Oromoon amananii itti hirkachuun fi walii galtee tolchuun Oromoof maal buusa? Gaaffiin jettu gaaffii beekaa Oromoo hedduuti.

Dr. Berhanu Naga

Akkuma Prof. Mesfin Entoto, Finfinneetti dhalate Dr. Berhanu Nagga Bishoftu ykn Debrezeyit yeroo ta’u, abbaan isaa Obbo Negga Bonger qomoon Guraagee fi dureessa beekamaa dha. Oboleessi abbaa isaa Obbo Alemu Bonger Miseensa Parlamaa HaileSilassee ture. Maatiin kun warra Abba Jifar waliin hidhata soddummaa waan qabaniif mi’aa lafa Oromoo Bishoftuu irraa hanga Jimmaatti warra dhandhamnii beekani dha. Berhanuun miseensa EPRP ta’un akka haalli hammataan bara 1977-tti Yuniversity keessatti dhalateen kan inni wagga tokkoffaa keessaa baratuu barnoota isaa gadhiisee gara Asimba-ti nama deeme dha. Asimbatti garagarummaa EPRP keessatti dhalateen gara Sudan-tti baqachuun, sanan booda U.S /New York tti galuun barnoota isa New York State University, sanatti aansee akka barsiisaa economics tti Bicknell University (Pennsylvania) wagga sadiif hojjete. Gara Ityophiyaatti bara 1994 deebi’e. Yeroo Sana irraa kaasse hanga Itophiyaa gadhiise bahutti AAU, Faculty of Business fi Economics keessatti akka barsiisaatti hojjete. Hojii barsiisummaa cinaatti daldalaa mataa isaa Ethiopian Agri-Maize Fertilizers Company and Addis Village Family Real Estate gaggeffataa ture. Dura ta’aa Ethiopian Economic Professionals Association (EEPA) ta’un kan hojjeete yeroo ta’u namoota har’a sadrkaa adda addaatti hojjeetan kan inni horate yeroos ture. Akkasumas bu’ureessaa Ethiopian Economic Policy Research Institute (EEPRI) ture. Yeroo tokko irratti

Berhanuun Addis Broadcasting Corporation kan jedhamu namoota akka Berhanu Mewa, Mesfin Teshome, Tewodros Meles, Prof. Mesfin Woldemariam, Eyesus-Work Zafu, Meleskachew Amha, fi Shimelis Tekletsadik kan gamtaan qabaan keessatti gahe gudda qabaachaa ture.

Ilaalcha Dr. Berhanuun gafa biyya ture qabu;

1) Kabaja guyyaa Ethio-Eritrean waraana “Operation Sunset” kabajamuutti March 1, 1999 Addis Ababa University’s Lidet Hall keessatti Baadme moo’achuun keenyi akka xumura injifannotti lakkawamuu hin qabu. Shabi’a kan ABO gargara jiru fi ABO dhabamsiisuutu injifatnoo isa dhumaati jedhe. Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu jedhan, har’aa teessoon Biraanuu Asmaraa ta’e jira.

2) Galma National Lottery Hall ebla 8, 2001 dhimma ‘Academic Freedom and Human Rights’, Professor Mesfin Woldemariam fi Dr. Berhanu marii gaggeeffame irratti, gaaffiin Oromoo gaaffii namoota muraasaa kan Sweden fi Germaniiti bu’ureffame malee kan ummata Oromoo miti kan jedhu kaasee falme.

3) Akka parti CUD-tti, filmaata bara 2005 keessa, keeyyati 39 ka’u qaba akkasumas Oromiyaan bakka heduutti akka ciciraamtu yaada ibsuun, the rights of Oromos to learn and exercise their own language in their preferred Qubee/Latin alphabet will be reversed jechaa ture. Dhimma Oromoon qabsoo isaatiin argate qubee of duuba akka hin deebine tolchina jedha. Kana irraa Qubee Oromoo itti dhimma ba’aa jiru kunuu akka of duuba deebisuuf karoora qaban nama shakkiisiisa.

4) Dhimma qabeenya lafaa irratti, ilaalcha qaban lafti akka kan nama dhuunfaa ta’u dha. Kan amma Wayyaaneen lafa Oromoo halagaaf kennitu caalaa, namni ykn mootummaan qabeenya qabu akka lafa bitatu kan haayyamu dha. Imaammati isaan qaban kan hiyyeessaa fi qotataa Oromoo lafa-dhablee taasisuu, kan duressaa fi halagaa ammoo akka lafa Oromoo haga fedhe Oromoo irraa qircatuuf karaa saaqu dha.

5) Kitaaba isa “Ya Natsaannat Gohi Si Qadd, Dr. Berhanu Naga, 2006” jedhu keessatti fuula 21-23 tti maaliif akka Doktarichi Siyaasa Ityophiyaatti deebi’e yeroo ibsu Oromootan mana hidhaatti arge fi gaaffiin barattoota Galma National Lottery keessatti kaasaa turan waan hiiree Ityophiya fuul duraa na yadesseef jedha. Kanaaf tokkummaa Ityophiyaa tiksuuf, gaffii Oromoo dhaamsuun akeeka isa ta’u ifaan mul’isa. Gaaffii Oromoo deebsaa osoo tokkumaa Ityophiyaa tiksuuf deema ta’ee Mirga waloo (Collective rights)f kabajaa qabu fudhatee, mirgi waloo akka mirga nam-tokkee hin fallessinetti hojjeta ture. Haa ta’uuti isaan akka Qastedamanna, CUD, G-7 fi Patriotic Ginbot-7 Movement for Unity and Democracy-tti ilaalchi isaan qaban tokkichuma.

6) Tokkummaa fi dimokraasumma Itophiyaaf waan dhaabbatan wajjin qabsoo qindeeffanna jedhaniyyu tokkummaa Ethiopia jalatti mirga hiree murteeffannaa ummata ni fudhanna kanneen jedhan, fkn UEDF, waliin hojjechuuf rakkina qabu. Warra walii wajjiin sababa mirga hiree murteeffatnaaf dalaguu hin dandeenye kun hagam akka kaayyo ABO irraa fagoo ta’e tilmaamuun nama hin rakkisu.

7) Akka Ginbot -7 dhaabbateen hogganootaa OLF fi ONLF waliin Washington D.C-tti walga’ii gafa 11.09.09 godhame. Walga’ii kana irratti dhimma Hiree ofii ofiin murteeffanaa irratti gargarummaan akka jiru hubatame. Waliin hojjeechuufiis dursa tokkummaa Ityophiya fudhachuu irraa eegala kan gama isaaniin ka’ee ture. Haalli kun mirga ummata kan referendami bilisaan raawwatamuu qabu waan ugguruuf, faalla demokrasi waan ta’eef, falla sagantaa siyaasaa fi fedhii ummata keenyaa daangeesu dha jechuun hogganotiin OLF fi ONLF didda agarsiisan, yeroo kana Dr. Biranuun dhabbolee

lamaaniitti dhaadatee biraa deeme. Dhadannon isaas isiniin qoodaa kaayyoo keenya galmaan ni geenya, isin irratti dhaaba ijaruun nu hin dhibu keessaafuu Oromoo irratti jedhe deeme.

8) Yaadni Tokkummaa Ethiopia fi mirga hiree murteeffatnaa Oromoo walitti hidhuun aadaa tokko jalatti sirna dimokraatawaa fiduuf waliin qabsoofna jechuun ABOf yaada haara kan hin taane, kan duraanuu Wayyaanee dhaan dhihaate karaa qabsoo gitaa (class struggle) fi karaa dantaa sabaa walitti hidhata tokko qabna yaada jedhu irratti hundaawe. Kunis mirga hiree murteeffatnaa ummata Oromoo irratti danqaa itti ta’uuf tarsimoo qiyyaasame keessaa isa bakka olaana kennaniif ta’uu mirkaneesse. Yaada farra tokkummaa ummata Oromoo ta’e kana hojiin dhugoomsuuf OPDO of jalatti ijaaree hanga har’atti dhibdee ta’un seena keenya. Dhadannoon Dr. Berhanuus kanuma ta’uu haa hubatamuu malee hanga Oromoon siyaasan bilchatee kana of irra hin ittisiinetti didhaa boor nu eeggatu ta’uu hogganichi hubatee seexa sabuummaan murtoo isaa mamii tokko malee murtoo isa mayyi fudhate.

9) Dr. Berhanuuniis Carraa argate maraan Hoggana ABO fi gaffii Oromoo xureessuu irratti bobba’e

10) Jalqaba Anaa Gomezin ulee godhate Dr. Getachoo Jigiin ofiitti qabuun meeshaa godhachuuf yaadame sun gafa hin milka’iin hafu, Caasa dhaaba jalaatti namoota fi miseensolii, qondaloota ABO quunnamuun bobbaa adda addaa gaggeesse.

11) Yeroo jalqabaaf karaa General Kamal Galchuu dhaaba irra achi isa baasuun waan milkaa’ee itti fakkaate, haala kanaan dhibdee Oromoo Impayeeraa Ityophiyaa keessatti hiikamuu ni danda’aama kan jeedhu tessumaa Muddee 30 fi 31 bara 2011 Magalaa Minisootaatti murteessuun Ulee Gaarii Qabsoo bilisummaa Oromoo ittin reeban isaaniif ta’e. Daran bara 2015 keessaa General Kamaliis Qaama jarmoolee walitti baquuf tumsa ijaranii ta’a jeedhee osoo eegamuu General Kamal akka odeeffamuutti guyyaa beellamaaf guyyaa tokko yeroo hafuu kan irraa dhabbate yeroo ta’u, garuu shira isaan xaxaa turan General Kamal gaaf tokko argaaf dhageettii isaa irra ni hima kan jedhuun abdiin jira. General Kamal diddaan haa xumuraatu malee Mollaa Asgadom dirqiin itti seenee hangaa diinatti harka keenatutti isa geessise. Shira xaxaa akkasii kana keessa kan ABOn PAFD ykn Tumsaa Bilisummaa fi Dimokrasii kan ummataa ijaare Ginbot-7n guddoo aarsee ture.

12) Kitaaba Tesfaye (Gadaa) Gebre’ab irratti Dr. Berhanuu fi Andargachewn qooda salphaa hin taane xaphatan. Tesfaye (Gadaa) Gebreab “Ye Sidetenyaw Mastawesha” – yaadannoo baqattummaa jedhee kitaba qopheesse. Kanaafis mana maxxansaa Netsanet Publishing Agency (NPA) keenname. Sababa “Caaltuu akka Helen” irran kan ka’e akka hin maxxanfamne ta’e. Garuu akka jedhamutti duranuu amma sanaatti osoo hin deemiin waan hedduu maqaa si maxxansifinaa jedhuun yaada hedduu akka keessaa baasani ni haasawama.

13) Deemsi Dr. Beraanu kan amma harka irra nu jiru warra Eritrea irran ABO gurra micciiranii waa hunda gochuu hin dandeenye, kanaafuu sibilaan sibilaa muru jecha jarmayaa ADO keessan dhimma Oromoo harka ofitti itti seensifachuuf tattafataa jiru. Itti milka’aa laataa?

Xumuraa

Kaayyoo bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf hariiro ABOn Jaarmoolee Oromoo, humnoota polotikaa ummattoota cunqurfamoo, humnoota polotikaa Habashoota, fi polotikaa addunyaa waliin qabu murteessaa dha.

Keessa Oromootti dursa ABOn akka sadiitti of ilaallu qaba. Isaaniis:

Tokkoffaa akka hangafa fi kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromootti jaarmayaa dhalli Oromoon hedduun lubbuu isaa itti dhabe, jireenya isaa itti diigee ta’uun hubatama. Kanaafu ABO qabeenya, wabii, fedhii fi dantaa Oromoo maraa ta’u qaba. Akka hangafummaa isaatti ulaagaa beekamaa fi sirna ifaa ta’e tokkoon jaarmolee Oromoo ofiitti harkifachu qaba. Warra diddaa agarsiisan ummataaf bifa ifa ta’een dhibde jiru labsee xumuruu qaba.

Lameessoo akkuma partii tokkootti kayyoo qabatee tarkaanfatuu, dorgommii hojii inni dalaguu fi bu’aa inni buusuun fedhii uummataa guutuu irratti hundaa’uun hordofamu qaba.

Sadeesso dhaaba warraaqsa guddaa sochii uummataan(mass movement) deeggarame gaggeessuun rakkoo uummataa hundeen furuuf fi jijjiirama buqqaasaa fiduuf qabaacha of dura furgaasu qaba.

Gama Jarmoolee Oromoo birotinis, ABO balaaleeffachuuf kan of uuman ta’u irra darbanii diina balaaleffachuu irratti hojii qabatamaa qabsoo Oromoo gaggeessuu irratti fuulleffachuu qabu. Deemsi isaanii Hayuu Duree, President, Miseensaa Koree Hojii rawwachiftuu ykn Miseensa Gumii sabaa of moggasuuf ta’u hin qabu. Hundeen ijaarsa isaanii gandummaa, goosummaa ykn dhibdee amanti kan raabsu ta’u hin qabu.

Ilaalcha siyaasaa tokko jalatti dhaabota heddummeeysun afaanfaajjii uumuu fi qabeenya qabsoof oolu qisaasuu waan ta’eef jaarmooleen walfakkaatan gaaddisa tokko jalaatti of humneessuutu irraa eegama. Ummatni Oromoos tokkummaa, tokkummaa kan jedhu dhadannoo fi furmaata waan hunda godhachuu irraa tokkummaan eenyu gidduutti, tokkommaan maal irratti, essatti fi maal fiduuf kan jedhuu waliin ilaalamuu qaba.

ABOn mootummaa wayyaanee kuffisuuf tumsi humnoota ilmaan Oromoo marti akka ijaaramu haala aanjessuu fi ijaaru qaba. Akkasumas humnoota biroo hawwachuu keessatti humni Oromoo bakka furtuu qabate kaayyoo bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf carraaquutu irraa eegama.

Tumsi akkasii kuniis Gaanfa Afrikaa keessatti nagaa waaraa argamsiisuuf abdachiisaa (credible alternative) akka ta’e biyyooti fi Jarmoolee adunyaa hubatani akka deggersa QBO godhaniif tattaafachuun barbachiisa dha.

Garuu humnoota kaabaa waliin tumsa ijaaruun kaayyoo waliin akka faallaa hin taane eegannoo gahaa godhamuun murteessaa dha. Warra dantaa nurratti qaban irratti hunda’un of jabeessuuf hawwu (TPLF, moo Warra Amaraa jechuun wal hubatnoo dhabuun) hin barbaachiisu.

Keessaafuu toftaa siyaasaaf jecha qofaa sagantaan yeroo gabaabaa kan yeroo dheeraaf haala aanjessuu malee kan gufuu itti ta’ee isa doomsu akka hin taane eeggannoon guddaan feesisa. Gama kaaniin ammoo, farreen bilisummaa qabsoo Oromoo qabeenya miliyonaan lakkaawamu ogeeyyii (lobbyists) hedduu irratti dhangalaasani akka toftaa siyaasaa itti dhimma ba’uun qabsoo bilisummaa Oromoo doomsuuf, ukkaamsuuf halkanii fi guyyaa haxxummaan hojjechaa akka jiran hubatamuu qaba.

Farreen bilisummaa Oromoo ummata irratti injifannoo akka hin arganne filmaati qabsaawotaa jaarmaya tarreessuu fi abdii sobaan of gowwomsuu osoo hin taane, qabsoo hadhooftuu gaggeysuun

seenaa boonsaa galmeeysuu dha. Seenaa akkasii galmeeysuuf akka Sabaatti dirqama sabummaa qabnu hubatnee, dirqama keenya bahuuf of qopheessu dha. Yeroo gabaabduu keessatti humna ta’uuf kan godhamuu qabu waa lama:

Tokko humna waraanaa kan lola irratti injifannoo gonfachuuf nu gargaaru WBO lakkoofsaa fi akaakuu barbaachisuun horachuu fi hogganuu dha. Kuni ammo wareegema qaalii waan gaafatuuf karaa hundaan mudhii hidhatanii ol ka’uu gaafata. Kan lammataa heddumina ummata keenya biyya keessattis ta’ee alatti humnaatti jijjiiruu dha. Saba dammaqe, hoggana cimaa fi gurmuu qabu, kan mirga ofii kabachiisuuf murate humna kamuu ni injifata. Humna akkasi ijaaruuf kan ololaan wal cicciru, kan dantaa mataaf fiffiganiin osoo hin sakaalamiin ummata giddutti sadarkaa hundatti hoggana biqilchuu gaafata. Kunis sochii “Qeerroo” irraa dhugoomee jira.

Daddaqamni guddoon biyya ambaa ni jirti. Uummati biyya ambaa jirus qaamuma uummata Oromoo waan taʼeef akkamiin bifa ijaaraa ta’een QBO keessatti hirmaatu fi qooda akkamii kennuu danda’u isa jedhu irratti mariin feesisa. Mariin kunis kan jibban guutamee osoo hin ta’in kan bilchinaa fi obsa irratti hunda’e ta’uu qaba. Ammatti godanniisni seenaa dhinuu dide warruma kaleessa qabsicha irratti dhagaa guuraa turantu har’a anatu kana tolche isa jedhu muldhifachuuf OMN irraan isaanii tamsa’uuf fiigaa jiru malee akkamiin walii wajjin humna keenya qindeeffannee waa tolchinaatti hin jiran. Kanaaf ammoo gabaastootni fi gulaaltooni OMN hedduun warra jibba ABOn guutamaan ta’uu irran kan ka’e kan waa dalagaa jiru caasaa ABO miti isa jedhuu agarsiisuuf tattaffii godhan keessatti daranuu dhibde jiru hammeessaa, mataa fi miila dhorkaa, garagaruumaa jiru bal’isaa, diinaaf karaa banaa jiru.

Walii gala Bilisummaan Ummataa Oromoo dhimma Oromoo hundaa waan ta’eef hirmannaa dhala Oromoo qabsoo kana keessatti guddisuuf biyyaa fi ambatti toraa toraan wal ijaruun sochii gamtaan gaggeffamu ta’uu qaba. Hogganni halkan tokkoon argamus halkan tokkotti badus hin jiru, hogganni qabsoo gaggeeffamu keessa dhalata. Ummatni qabsootti jiru hoggana hin dhabu.

Oromoon yeroo mammakuu Karaan Sobaan dabran galatti nama dhiba! Jedha. Jarmooleen Oromoo waliitti dhufne jedhani labsani of irra garagalanii akka Dr. Biranuuffa waliin walii galtee godhachuun of kijibuu dha. Walhubannoo jaarmolee Oromoo waliin ta’es hundee irraan faalleessuu dha. Gama biroon tarkaanfiin kana fakkaataa fudhachuun wal amantaan jirtu fuldurafuu hin laaffistu? Nama jechisiisa.

Prof. Mesfin, Dr. Brihanun fi waa’ilootni isaanii waan umurii isaanii guutuu hojjetaa ba’an keessatti ejjennaa fi iaalcha siyaasa isaanii ifaan mul’ate jira. Ilaalchi isaaniis dhimma Oromoo cabsuu irratti kan qiyyaafate dha. Kunis Oromoon mirga waloo kan gaafatu fi dhugoomsu hin qabnu kan jedhu dha. Jaarmayaan Oromoo jara kana waliin qindoomina hojii tolfachuuf tattaafatus, ilaalcha isaanii jijjirsisuuf moo ofii qalbii jijjiirrachuun isaan walii dalaguuf murteeffate gaaffiin jettu deebbii argachuu qabdi.

Horaa bulaa! Kayoo qabna! Injifannoon Ummata Oromoof!