Breaking News: Tarkaanfii WBO Zoonii dhiyaa

Breaking News: Tarkaanfii WBO Zoonii dhiyaa

on 

Odeessa Tarkaanfii WBO

[OP) Bitootessa 31,2018] Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo onaa Kusaayee lafa Horoo Koroo jedhamutti WBO Zoonii dhiyaa keessa sossohu tarkanfii boonsaa Waraana TPLF irratti fudhatee jira. Haaluma kanaan guyyaa har’aa naannoo sa’atii 5 irratti tarkaanfii haleellaa taasiseen konkolaataa waraanaa Oraalii 1 guutummaatti waraana Agaazii waliin barbaadeesseera.

Akka Odeessa uummataarraa argannetti sa’atti sanaa ka’ee namni tokkoo naannoo sanatti dhiyataa hinjiru. Ajajaan waraanaa TPLF kan aangoo cimaa qabu tuuta haleelaman sana keessa jira jedhama. Waaree booda akka sa’a habashaatti gara sa’a 9:00 Elekopteriin naannoo Sana marsaa turte. Reeffa Agaazii fuuchuuf akka dhuftellee Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof himan.