Takka dhuufuun dhiirummaa, kan lammataa harruummaa, kan sadeessoo…?- Jawar Mohammed

Takka dhuufuun dhiirummaa, kan lammataa harruummaa, kan sadeessoo…?- Jawar Mohammed

Akkuma hundi keessan yaadattan haala yeroo irratti marii kaleessa OMN gubbatti goonerratti qabsoon Ummata Oromoo erga eegalee jijjirama mootummaa isa sadaffaa irra gahuu keenya dubbadheen ture. Jijjiiramonni mootummaa gaggeeffaman bara 1974, 1991fi isa ammaa, kan bara 2018ti. Cehumsa lameen jalqabaa dhugoomsuu keessatti gaheen Ummata Oromoo baay’ee ol’aanaa tahus, hiree argamte sana gara firiitti geeddaruun hin danda’amne. Faallaa kanaatiin wanti qabatamaan mul’ate sabni keenya miidhaafii kasaaraa guddaadhaaf saaxilamuu ture. Hireewwan argaman kanneenitti fayyadamuun maalif dadhabame? Sababiiwwan ijoon jijjirama dhufaa jiruuf qophaayuu dhabuufi erga jijjirmani dhufee ammoo qalbii hiruudha. Mee tokkoon tokkoo isaanii adda addaan haa ilaalluu.

1. Bara 1974
Sirni Bulchiinsa Mootii Haylasillaasee waggoota afurtamaa ooliif bulchee ture. Sirna waggoota dheeraadhaaf ture kana kan kuffise fincila dhimma lafaafii gaafii mirga sabootaatiin kan wal qabate ture. Sabummaan akka malee kan cunqurfameefi Lafa kan saamame hedduun Oromoodha. Saboota biroo waliin qindaawudhaan gaafilee kana balballoomsanii sirnicha kan gaggabsan Barattoota Oromoo turan. Sirna gaggabee gaaga’amee kufaaf qarqararra jiru sana kuffisee kan aangoo dhuunfate garuu waraana biyyattii ture. Sababni ijoon waraanni aangoo ittiin dhuunfachuu dandaheef yeroos humni jijjirama san dhalche aangoo dhuunfatee biyya bulchuuf qophaaye jiraachuu dhabuu isaati. Qabsaa’onni Oromoo sirnicha kuffisuufi mootummaa haaraa ijaaramaa ture keessatti shoora guddaa qabaatanis cehuumsi sun akka saba keenya guututti fayyaduun goolabamuu hin dandeenye. Kun ammoo sababoota lama qaba.

Kan duraa osoo sochiin Oromoo sirritti hin cimin sirnichi waan jigeef qophiin mootummaa dhuunfachuu hin turre. Lammaaffaa cehumsa uumame san akkamiin haa ilaallu kan jedhurratti qalbiitu nu hirame. Gareen tokko mootummaa haaraa tana itti seennee ummata keenyaaf akka fayyadu haa goonu jedhe. Inni lammataa immoo sirni cunqursaan kufus jijjiiramni dhufe jijjiirama mataa qofa waan taheef, osoo mootummaan haaraan osoo hidda hin qabanne kuffisuudhaaf qabsoo hidhannoo gaggeessuudhaaf bosona galuu filate. Itti hin qophoofne. Qalbii keenya ni hirame. Warri Mootummatti makamanis osoo hin milkaahin hafan, gartokkeen isaanii immoo akka dhuman taasifame. Warri bosonatti gales akka yaadame sana dafee sirnicha qawween kuffisuuf hin milkoofne. Sirni Dargiitis yeroodhaa gara yerootti hidda jabeeffatee Oromoo ofirraa faccise. Qophii dhabuufi qalbii hiruun hiree uumamte fayyadamuu nu hanqisuu qofa osoo hin taane gaagama’a hamaa qabsoo keenya irraan gahe. Hoggansi qabsoo gariin sirna Dargiitiin galaafatame. Kanneen hafan qabsoo keessatti dhuman, gariin alagaa ollaatiin nyaataman. Qabsoon hoggansa ol’aanaa kasaartee qancarte waggoota 17f lafarra shunquuqatte.

2. Bara 1991
Mootummaan Dargii waggoota 17f biyya erga shoorarkeessee booda qabsoo humnoota saba isaaniif falmataniin moo’amee kufe. Qabsoon Oromoo gaaga’ama hoggansaa mudateen laaffattee turte ammas hiree biraa argatte. Garuu yeroo sanittis osoo siriitti itti hin qophaayin cehuumsi dhufe. Humni nuti qabnuufi warri aangoof nuun morkaaa turan ( rivals) qaban wal hin gitu ture. San caalaa nuti akkuma gaafa bara kufaatii mootii Haylassilaasee sana qalbiin keenya eddoo garagaraatti hirame. Gariin warra humnaan nu caalu saniin waliin hojjachaa hiree uumamte irraa sabaaf waa haa buufnu yaada jedhu kaasan. Gariin ammoo humnaanis ni caalamna, aangoos kan too’ate alagaadha, kanaafuu humna keenya cimsannee qawweedhaan warra haaraa kanas osoo hidda hin qabanne garagalchinee bilisummaa dhugaa goonfachuu qabna yaada jedhu kaasan. Akkuma gaafa durii sana gaafasis qophiin barbaachisu hin turre, qalbiin nu hiramte, humni xiqqoon qabnu sunis nu facaat. Warri mootummaatti makame gariin dhiibamee bahe kan hafe maxxantuu ta’ee itti fufuuf dirqame. Hireen guddaan yeroo lammataatiif arganne nu harkaa baate. Hireen dhabamuu caalas murtiin waloon akka hin uumamne danqa uumte, qabsoo keenya keessattis atakaaroo uumte, faffaca’uu jaarmaya siyaasaatiinis nu geette. Kun ammoo waggota 27n dabraniif qabsoon laamshoftee diina jalatti akka bullu nu saxilte.

3. Ammaa, Bara 2018

Qabsoo Ummanni Oromoo bifa haaraa taheen finiinseen sirni wayyaanee bacancaree unkutaawuu mannaa aangoo humna / garee fedhii ummata hubatee jijjiramaaf of qopheesseef laate. Ummanni Oromoofi sabni Itoophiyaa biroos bilisa bahe. Naannoon gaanfa Afrikaas harkaafi hafuurri wayyaanee keessa sassaabamnaan hafuura nagayaa argate. Namuu ni gammade. Biyyi kufaatiidhaaf qarqara geessee turtes abdii horatte. Garuu akkuma amma duraa ammas osoo qophiin gahaan hin jiraatin jijjiramni dhufe. Jaarmaan siyaasaa keenyaa qabsoo dogongora 1991fi san boodaatiin waan laamshayeef aangoo argamte caasumaafi namoota sirna duraa keessa jiranitti akka dabru ta’e. Qophiin gahaan jiraachuu baatus aangoon harka Oromoo seente.

Ji’oota muraasaaf jijjirama argame kanatti gammaduufi tokkummaadhaan dhaabbachuun muldhatus ammas mooraa keenya keessatti qalbii hiruun marsaa sadaffaadhaa dhalattee jirti. Qalbii hiruun kun immoo warra aangoorra jirus warra mormitootaa birattis ni mul’ata. Warri mootummaa mormitoota shakkuufi sodaachuutu irraa muldhata. Mormitoonni gariin ammoo warra mootummaa amanuu dhabuufi jijjirama kana guututti fudhatanii itti abboomuu irratti garaa hiruutu mul’ata. Gariin isaanii immoo hamma jijjiramuma dhufe kanaayyuu fudhatama dhabsiisuudhaan qabsoo itti fufanii, mootummaa cehumsaa kana garagalchanii haaraa dhaabuudhaaf waan yaadan fakkaata. Wal sodaan kun gara walitti gaarreffannaa cehee jira. Qalbii takkatti deebi’uu baannaan dhihotti gara walwaraansaatti seenuuf qarreerra jirra. Jijjirama kana waloon itti abboomnee, waliin tiiksinee ceesisuu dhiifnee walitti garagallaan ammas yeroo sadaffaaf carraan kun miliquuf deema. Carraan kun miliqnaan kasaaraa hamaa fida. Tokkummaa Oromoo diiqa, biyya kanas bittinneessa.

Akkuman asii olitti ibse qophii dhabuufi qalbii keenya eddoo garagaraatti hiruun bara 1974 hoggansa nu dhabsiise. Kan bara 1991 jaarmaya nu jalaa diige. Barana itti dabalamnaan sabaafi biyya nu dhabsiisa. Gaaga’ama as deemaa jiru kan nutti affeeraa jiru ammoo mootummaafi ABOdha. Waliigaltee waliif seenan hojiitti hiikuu irrratti harkifachuun, walamantaa dhabuun, olola walirratti oofuufi amma ammoo dibbee waraanaa oowwisuun balaa hamaa fiduuf deema. Lolli kun mootummaafis, ABOfis ummata Oromoofis balaa malee faaydaa tokkos hin qabu. Motummaas yeroo kanatti, keessattuu Oromiyaa keessatti, lola adeemsisuun akka gommaa konkolaataa isa fuunduraa keessaa qilleensa yaasuuti.

Mootummaan ejjannoo cimaadhaan qalbii osoo hin hirin deemuu qaba. Sirni abbaa irree akka kufeefi kan biraas deebi’ee ijaaramuu akka hin dandeenye amanee fudhachuutu irra jiraata. Oromoon yeroo ammaatti sirna abbaa irraa ijaaruuf kan dandeessisu bu’ura hawaasummaa, diinaggeefi waraanaa (social, economic and military means) akka hin qabne jalahubachuu qabu. Filmaata kaana yoo kan fudhatu taate ammoo cehuumsi dimokraasitti godhamu paartii biyya bulchu qofaan akka hin danda’amnee beekuu qaba. Mootummaan shiraafi dhiibbaa humnoota jijjiramaan faallaa hiriiranii ( reactionary forces) irra aanuudhaaf humnoota jijjiramaa hunda agoobara tokkotti deebisee of jalatti hiriirsee humna isaa guddifachuu isa barbaachisa. Kana dhiisee humnootuma jijjiirama jiddutti atakaaroofi wal harcaasuun akka uumamuuf hiree kenninaan humni jijjiramaa laaffachaa kan faallaa jijjiramaa jabaachaa adeemuun cehuumsi kun akka gufatuuf karaa saaqa. Kun ammayyuu muldhachaa jira. Osoo hin hammaanne mala dhahuun barbaachisaadha.

Mootummaan hamma danda’ametti humnoota jijjiramaa hundaaf garaa baldhachuudhaan ofitti qabachuu malee ofirraa dhiibuun kasaaraa qaba. Kanarratti ODPn hiree osoo hin yaaddamin argate kana of harkaa baasuu hin qabu. ODPn badii waggoota 25 guutuudhaaf ADWUI waliin hojjate sababa waggoota lamaan dhumaa qabsootti dabalameen ofirraa haquu eegalee jira. Qabsootti makamuu qofa osoo hin ta’in qabsoo kana bifa miidhagaa taheen cehumsa gara dimokraasiitti godhamu akka ol’aantummaadhaan hogganuf carraan kennameefii jira. Cehuumsa kana gahuumsaafi bilichinaan yoo goolabe badii hojjate hunda ofirraa dhiquun seenaa haaraya barreeffachuuf carraa guddaa qaba. Carraa kana morkii murnaatti seenuun of jalaa balleessinaan ammas deebi’ee balfa duriitti kufa. Kanarraa of baraaruuf dirqama hoggansaa itti kenname kana tokkummaa Oromoo bu’ura godhatee tarsiimoon masakamee deemuutu irraa eeggama. Dhugaa dubbachuuf hoggansi mootummaa ji’oota muraasa dura hamma eeggamuu olitti cehuumsa kana galmaan gahuuf hojjachaa ture.

Dirree siyaasa baldhisuu, falmattoota haqaa hiikuufi kkf gochuun tarkaanfii amaanaa itti kenname bakkaan gahaa akka jiru abdii laate ture. Ji’oota as aanan kana garuu qalbii hiruufi harkifachuutu muldhata. irree siyaasaa baldhisan sanitti seeraafi sarara itti tolchuuf dhaabbilee siyaasaa waliin mari’achuu irratti qoorrifachuun dirreen siyaasaa bal’ate sun seermaleessummaan akka jeqamu karaa saaqeera. Maddi jeequmsa kana dirree siyaasaatti seeraafi sarara tolchuu dhabuu ta’uu hubatanii sirreessuu mannaa gara mormitootaan quba walitti qabuutti cehame. Kun ammo mootummaafi mormotoonnis hadiida cehuumsaa irraa waldhiibuun irraa walbaasuu fidee jira. hadiida sanitti deebi’uun murteessaadha. hadiida sanitti nu deebisuuf shoorri guddaan kan mootummaati. Shofeerri baaburichaa isaan waan ta’aniif. Nutis kanumaaf mormitoota caalaa isaan irratti dhiibbaa goona. Isaanis mormitootaan of qixxeessanii morkii keessa seenurra guddatanii rgamuun cehuumsa kana hadiida irratti deebisuu qabu.

Gama ABOtti yoo deebinu cehuumsi amma kun dhaabni kun erga qabsoo eegalee isa sadaffaati. Gufachuun cehuumsa lamaan duraa dhaaba kana miidhaa hoggansaafi jaarmayaa akka irraan gahe armaan olitti eereen jira. Amma carraan 3ffaa kan dogongoroota armaan duraa irraa barachuun kaayyoo qabsaa’onni kumatamaan lakkaawwaman wareegamaniif san galmaan gahuuf banaa ta’e argameera. Kanaafuu obsaafi itti gaafatamummaa guddaadhaan carraa kana fayyadamuu qaba. Akkuma carraa kana argatee dhaaba hidhannoo irraa gara paartii siyaasaatti of jijjiruuf mootummaan waliigale, ammas murtii sirrii sanitti cichuu qaba.

ABOtiif yeroon kun kan qabsoo marsaa biraatiif qawweedhaan mootummaa dura dhaabbatee itti falmu osoo hin tahin sagantaa, tarsiimoofi caaseffama isaa jaarmaya waldhaansoo irraa gara bulchiinsaatti ( from resistance front to governance party) of geeddaruudha. Dhaaba siyaasaa biyya bulchuun walitti gaarreffachuudhaan hiree yeroo sadaffaadhaaf argamte tana of jalaa dhiphisuu osoo hin taane yeroo murnoota irraa fottoqan of jalatti deebisee humna isaa daran cimsee ABO mataa ummataa keessa jiru saniin of qixxeessee itti argamuu qabuudha. ABOn qalbii isaa hiruu dhiisee murtii paartii nagayaa ta’uuf fudhate qabatamaan hojitti hiikee humna isaa ijaarratee yoo socho’e, hireen filannoo walabaatiin ummanni keenya moootummaa isaaf ta’u yeroo duraatiif filachuuf qabu dhugoomsuu bal’aadha. Ummanni filannoo sagalee isaatiin hoggansa isaa akka filatu taasisuun immoo kaayyoo QBO keessaa isa tokko. Karaan sirriifi daandii dheeraa of dura nu adeemsisee qabsoo keenya galmaan gahus isa kana. Kana dhiisee, akkuma baroota kanaan duraa uumame, adeemsa hidhannoofii falmii karaa nagayaa waliin adeemsisuu jidduutti qalbii yoo hire dhaabichaafis cehumsa amma keessa jirruufis gaaga’ama guddaa tahuun isaa shakkii hin qabu. Humna hidhate bosonaa qabaachaa paartii siyaasaa ta’anii filannotti hirmaachuun waan hin danda’amneedha. Akkuma bara 1991 dhaaba keessatti adeemsa irratti qoqqoodamni dhufe, qalbii hirameen socho’uun ammas dhaabicha keessatti qoqqoodama biraa fida. Kana caalammoo lolatti seenama taanaan ABO ammas dhiibamee sirna siyaasaa keessaa akka bahuuf carraa uuma.

Kanaafuu ABOn waraana harka isaa jiru sassaabee akkuma waliigalteetin humna nageenyaa Oromiyaatti makuu qaba. Mootummaanis lafarra harkifachuu dhiisee haala amansiisaa mijeessuun waraan qabsoo Oromoof bahe offitti hammatee humna nageenyaafi ittisa Oromiyaatti makuu qaba.

Walumaagalatti, cehumsa lamaan ammaan duraa fayyadamuu dhabuu keenyaaf sababa heddu tarreessuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf dammaqiinsi Oromoo fi humni namaa baratee xiqqaa ture, muuxannoo siyaasaa bal’aa hin qabnu turre, humna diinaatiin caalamnas turre. Kana malees kufaatii keenyaaf sababoota hedduu tarreessuun ni danda’ama ta’a. Amma garuu dogongora kamiifuu sababni dhiyaachuu dandahu tokkos hin jiru. Sabboonummaan sadarkaa ol’aanaa irra gahee jira. Humna namaa barate kumaa kitilaan qabna. Qabsoo teenyaafi kanneen ummata biroo irraayis muuxannoo siyaasaa guddaa kuufannee jirra. Diinni humnaan nu caalus hin jiru. Aangoo mootummaa diinni dur ittiin nu cabsaa tures dhuunfannee jirra. Haala mijaawaa seenaa keessatti nu mudate kana keessatti bolola murnummaatiin ijji keenya nu jaamtee, qalbii keenya oliif gaditti hiramee, tarsiimoon masakamuu dhiifnee cehuumsa kana gufachiifnee sabaafi biyya kana diignaan, dhaloonni kuni dhaloota seenaa keessatti injifannoodhaan qoosefi kan qabsoo keessatti salphina guddaa uume jedhamnee komatamuun keenya hin hafu. Lafeen wareegamtootaa as gahuu keenyaaf aarsaa tahe qoree ta’ee nu waraana, dhiigni isaanii addunyaa irratti azaaba nutti ta’a. Saba ji’oota muraasaaf qaanii jalaa baafnee mataa ol qabachiifne kana deebifnee alagaa itti kofalchiifna.

Kanaafuu gareen ifaan ifatti cehuumsa kanatti gufuu uumudhaaf jiran, ODP fi ABO’n godaannisa kaleessaa walitti kakaasaa xiiqii keessa galuu dhiisanii, olola deeggartoota isaaniitiin osoo hin dhiibamin, dantaa dhaabaa isaaniifi kan biyya wal simsiisanii adeemuudhaaf dirqama ol’aanaatu irra jira. Murnoonni biroo, keessattu kanneen amma dura ABO irra irraa adda bahan, gadoo kaleessaa haaromsuun jaallan isaanii kaleessaa haaloo bahuuf jecha ololaafi gocha cehuumsa kana gufachiisuu danda’u irraa of qusachuu qabu. Ummanni keenyas jibbaafi jaalala murnoota kanaaf qabuun miiraan guutamee tokko faana ejjatee isa kan biroo irratti duulurra, gamni lachuu hadiida cehuumsaa irratti akka deebi’an dhiibbaa gochuu qaba. Kuni tahuu baatee, qabsoo keenya keessatti dogongora marsaa sadaffaa ni raawwanna taanaan, Ummata Oromoo waggoota dheeraadhaaf gabrummaadhaan miidhaa hamaadhaaf saaxilamaa ture, kan immoo injifannoo argatee miira gammachuu keessa jiru deebisnee kuffisna, biyyattiis tahee gaanfa Afrikaa balaa hamaa taheef saaxilla. Kanaafuu qaamni kallattiidhaan dhimmi ilaallatu sadeenuu, ODPn, ABOnifi Ummanni Oromoo miira itti gaafatamummaa ol’aanadhaan socho’uudhaan qabsoo keenya galmaan haa geenyun dhaamsa kooti.
Jawar Mohammed
Muddee, 2018



OMN: Barruu Jawaar Mahaammad (Mudde 20, 2018)