Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Nageelleeti soogiddi kuntaala 5,200

[OBN 22 02 2010]Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Nageelleeti soogiddi kuntaala 5,200 ol seeraan ala gara Magaalaa Finfinneeti darbaa ture eerumsa uummanni keenneen to’atamee jira.
Qaamoleen hawaasaa hunduu daldala seeraan alaa ittisuu keessaatti ga’ee isaan irraa eegamu bahuu akka qabanis dhaamameera.
Soogiddi kun konkoolataa fe’umsaa gurguddoo dubaan 13’n fe’ame osoo imala jiru to’atamee. Rippoortara keenya Jiksaa Takileetu gabaase. Sa’a oduutti Odeeffannoo guutu sinif dhiyeesna nu eega.

 

1 Comment

Comments are closed.