Somaalee warruma OPDOn waliin dhiichiftutu uummata keenya fixaa jira.

Above Single Post

Somaalee warruma OPDOn waliin dhiichiftutu uummata keenya fixaa jira.

Daandiin karaa harargee lixaa borboddee geessuu fi baasu qeerroon uggurameera!


(SBO – Hagayya 08,2019) Hidhattootni Affaar Godina Harargee Lixaa Ona Gumbii Bordoddee irratti dhukaasa banuun lammiiwwan Oromoo 7 ajjeesuun gariin madeessuu jiraattotnii fi maddeen adda addaa ibsaa jiran. Manneen ummataa gubachuunis dhaga’ameera.

Wadaay Finnee
Maammad Waaqoo Gurraachaa Mahaammad Boruu Hassan Boruu Sa’id Golbaa
Jawaar Ammadoo fi Said Boruu kanneen ajjeesaman ta’uu fi  Faaxee Sa’id Mahaammad Waariyoo fi Mahaammad Said Doobbaa kanneen jedhaman ammoo warra madaa’an keessatti akka argaman oduun media hawaasaa irra deemaa jiru ni ibsa.

Ajjechaa kana eenyuutu raawwate? Miidhaan dhaqqabe maal fakkaata kan jedhuu fi gaaffilee biroo jiraataa naannoo Huseen jedhamuu fi Bulchaa Ona Gumbii Bordoddee Obbo Abdulrahamaan SBOn bilbilaan dubbisee jiraa; kunoo ti.

BB$: “Argaa Dhageettii” Odeeffannoo Gurguddoo torbaanii
page kan like, share, gochuu hin dagatina. aug 7/2019


Oduu Gaddaa
#Shiftootni_Somaalee dhokatanii seenuun ummata Oromoo nagaan qe’eesaanii jiraatan Baha Oromiyaa Harargee #Gumbii_Boordooddeettilubbuu namoota 15 galaafachuutu dhagahame.
Waan hundaa olitti nama aarsummoo badii #Shiftoota_Somaalee gara dabarsuun faayidaa Siyaasa isaanii itti tikfachuuf jecha Affaari jechuu OPDOti.
#Affaar Xiyyaaraan yoo seenaniin ala haalaa fi karaa kamiinuu lafa jedhame kana gahuu hin danda’an. Sobni akkaataa fi sababa qaba.
Shira kana duuba eenyu jiraa, siniifan dhiisa.obbo Shimallis faan osoo achi jiranuu moo?

Below Single Post