Siyaasa Oromoo: Gamtaan paartilee Oromoo sadanii KFO, ABO fi PBO maalirra gahe?

Siyaasa Oromoo: Gamtaan paartilee Oromoo sadanii KFO, ABO fi PBO maalirra gahe?

(bbcafaanoromoo)—Gamtaan paartileen Oromoo jajjaboo sadii, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), Kongirasiin Federaaliistii Oromoo (KFO)fi Paartiin Biyyaalessaa Oromoo (PBO) ijaaruuf waliigalan ‘adeemsumarra jira’ jedhu aanga’oonni paartilee kanneenii.

Hogganoonni paartilee sadanii Amajjii 03 bara 2020 ture filannoo bara kanaaf gamtaa uummachuuf waliigaltee kan mallatteessan.

Ergasii Gamtaan ijaaramu maalirra akka gahe ifatti wanti himames, wanti mul’atus hin jiru.

Dhimma kanarratti kan dubbisne qondaalonni paartii ABO fi PBO dhimmichi ammallee adeemsarra jiraachuu dubbatu.

Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaatti yeroon paartileen siyaasaa ulaagaa barbaachisu mara guutanii galmee xumuran Guraandhala 30 dhumata.

Gamtaan ijaarame jiraa?

Paartileen sadan Gamtaa uumuuf waliigaltee mallatteessanii qaboo yaa’ii isaanii Boordii Filannoof erguu hogganaan sab-qunnamtii ABO Obbo Qajeelaa Mardaasaa BBC’tti himaniiru.

Qaboon yaa’ii Boordii Filannoof ergamuun alattii garuu hojiin koree dhimma kana raawwachiisu filachuu, dambiiwwan ittiin bulmaataa qopheessuu, manni maree paartilee sadanii walitti dhufanii koree hoji-raawwachiistuufi dura ta’aa filachuu hin hojjetamne akka qondaalli kun jedhanitti.

Wantoonni kunneen Boordii Filannoorraa beekamtii argachuuf ni barbaachisu kan jedhan qondaalli kun ‘kana waan hin guuttatiinif boordicha irraa deebii hin arganne’ jedhu.

Hojileen kunneen hojjetamuu dhabuuf Obbo Qajeelaan sababa kan jedhan paartileen sadan hojii mata mataa isaaniitti qabamuudha.

Kanatti dabalataan “wanti xixiqqaan wal-gidduutti fixachuu qabnu, miidiyaaf hin himamnes jira” jedhu Obbo Qajeelaan.

Dura teessuu itti aantuu Paartii Biyyaalessaa Oromoo kan ta’an Aadde Seenaa Gonfaa garuu koreen dhimma kana hordofu ijaaramee marsaa adda addaaf wal argee mari’ataa jira jedhu.

Ofii miseensa koree kanaa akka hin taane kan himan Aadde Seenaan, koreen dhimmicha harkaa qabu Boordii Filannoo waliin dubbataa jiraachuufi wayita xumuramu ibsi irratti akka kennamu himaniiru.

“Rakkoon nu mudate hin jiru”

Paartileen sadan filannoo Hagayya dhufu raawwatu irratti tokkummaa uumanii akka dorgoman uummatarraa dhiibbaan irra gahaa ture.

Hojiin Gamtaa kana gadi dhaabuu akkaa fi ariitii uummanni fedhuun raawwachuu dhabuun ammoo uummata gaaffii kana dhiyeessaa ture biratti muffii guddaa uumeera.

Namootni hedduun hariiroon paartilee sadanii rakkoo godhachuu akka hin oolle shakkii qaban ibsu.

Haa ta’u malee hogganoonni dubbifne rakkoon homaatuu akka hin jirre dubbatu.

“Dhimmichaaf dursa kennanii irratti hojjechuu dhabuu yoo ta’e malee paartilee sadan jidduu wal-dhabdeenis ta’e wal-hubannaa dhabuun hin jiru” jedhu Obbo Qajeelaan.

Jidduutti paartileen marii qofa qofaa uummata waliin taasisanirratti fuulleffachuu kan himan Aadde Seenaan, “odoo walitti deebinee wanta kana xumura itti goonee” yaada jedhu paartiin isaanii dhiyeessuu dubbatu.

“Amma walitti deebinee marii harkaa qabna, wal-dhibdeen jirus ta’e, rakkoon nu mudate hin jiru,” jedhu.

Paartileen sadan waliigaltee eegalan xumuranii Gamtaan filannootti hin seenan yoo ta’e sagalee uummataa gargar facaasuun sagalee wayyaba mootummaa ta’uu isaan dandeessisu dhabu kan jedhu yaaddoo namoota hedduuti.

Hogganonni paartilee lamaanii dubbifne garuu yeroo boordiin filannoo kaa’e keessatti hojileen hojjetamuu qaban xumuramanii hojiin gamtaa paartilee sadanii ijaaruu milkiin ni xumurama abdii jedhu qabna jedhu.

Waliigalteen isaanii maal ture?

Akka Obbo Qajeelaan jedhanitti waliigaltee paartileen sadan mallatteessan keessaa tokko, “filannoon karaa nagaa akka xumuramu, rakkoolee yeroo filannoo dhalachuu malan waliin furuufi akka hin dhalannes dursanii irratti hojjechuudha.”

Inni biraan “sagalee mootummaa nu ijaarsisuu danda’u yoo arganne, waliin Oromiyaa irratti mootummaa ijaarra kan jedhu” jedhan.

Paartileen kunneen sagaleen isaanii bakka tokkotti akka lakkaa’amuufi mallattoo tokkoonis akka dorgoman akeeka waliigaltee sanaa ta’uu dubbatu Obbo Qajeelaan.

Loogoo haaraa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Kuni sadarkaa naannootti yoo ta’u sadarkaa biyyoolessaatti ammoo paartilee sabaafi sab-lammiiwwanii gara garaa kan hirmaachiseefi paartileen sadanis kan qooda keessaa qaban gamtaan biraa ijaaramaa jira jedhu Obbo Qajeelaan.

Paartiin tokko sadarkaa naannoofi biyyoolessaatti gamtaa adda addaa keessatti ijaaramuu seerri dhorku hin jiru kan jedhan qondaalli kun Gamtaan paartilee siyaasaa sadarkaa biyyoolessaatti ijaaramaa jiru adeemsi isaa xumuramaa jiraachuu himaniiru.

ABO’n amma dura paartilee torba waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessee akka ture kan yaadachiisan Obbo Qajelaan, Gamtaan paartilee sadarkaa biyyoolessaatti ijaaramuuf adeemu itti fufiinsa waliigaltee sanaa ta’uu himu.

KFO’n akka miseensa ‘MEDREK’tti yookin of danda’ee gamtaa kanatti makamuu danda’a sochiittis jira jedhu.

Akkasuma PBO’nis fedhii qabaachuu dubbatu.

Ulaagaalee barbaachisan hunda guutanii boordii filannoof iyyata galfachuufi torbe itti aanu murteen akka kennamuuf eegaa akka jiran himaniiru.

Akka qondaala kanaatti gamtaan paartilee siyaasaa sadarkaa biyyoolessaatti ijaaramu kan paartileen sadan sadarkaa naannootti ijaaran caalaa hojiin isaa xumurameera.

Gamtaa paartileen siyaasaa sadan sadarkaa naannootti ijaaraniin wal qabatee garuu ammallee hojiin hedduun waan hafe fakkaata.

Dhimma kanarratti Boordii Filannoo Biyyaalessaa irraa yaada dabalataa argachuuf yaallee itti hin milkoofne.


Tokkummaa


An uninformed and viscerally ignorant journo hosting a highly knowledgeable guy — a book author on important themes. Let’s catch this great guy up Melese Diribsa

LTV WORLD: LTV WEKETAWE : አፄ ሚኒልክን እና ኢማም አህመድ (ግራኝን) ለይቼ አለየውም – ክፍል 1

OMN:Sirna Badhaasa HR128 fi Marii Haala Yeroo Seena waliin (March. 3. 2020)


Namni dura abbaa fi haadha himata. Oromoon hidda sanyii isaa yoo xinnaate hanga akaakayyuu torbaatti lakkaa’a. Innuu yoo xinnaatedhe. Fkn, ani hanga akaakayyuu, akaakilee fi abaabilee 15tti lakkaawuu nan danda’a. Kana abbaa kootu ijoollummaatti na barsiise. Abbaa koo qofa miti Abbaan Oromoo hundi ilmaan isaatti himee guddisa. Oromoon tokko balbala, qaccee, lammii fi gosa qabaachuun isaa dirqamuma uumama ilma namaati. Gosoota akka #Maccaa#Tuulamaa#Arsii#Ituu #Humbaanaa #Walloo #Gujii #Booranaa fi kkf qabaachuun rakkoo miti. Uumama waan ta’eef hambisuullee hin danda’amu. Oromoon gosa qabaachuun seeruma jiruu fi jireenyaa ilma namaati. Oromoon saba malee gosa miti. Walloon gosa; Macci gosa kkf Gosti qofaa jiraachuu hin danda’u. Gosti qofaatti waan qabu hin qabu. Fkn, Afaan Oromoo kan Oromoo maraati malee kan gosaa miti, aadaan, seenaa fi dachee Oromiyaa kan saba Oromooti malee kan gosa tokkoo ta’uu hin danda’u. Kun uumama malee yaada miti. Gosti qofaatti lafa hin qabu. Arsii qofaatti lafa hin qabu; macci ykn tuulamni qofaatti lafa hin qabu. Wayita akkas jidhu isa ilmaan nafxanyaa “ Lafti Itoophiyaa hunduu kan lammii Itoophiyaati” jettu waliin wal hin fakkeessiinaa. Inni sun soba adiidha, ani kanin jedhu yaada dhuunfaa ykn ilaalcha koo osoo hin taane haqadha. Oromoon dacheen Oromiyaa kan Oromoo maraati kan jedhuuf sababa qaba. Oromoon dachee Oromiyaa jedhamtu kana suuta suutaan labata tokkorraa isa biraatti daddabarsaa lafa isaas babal’ifataa as ga’e. Ani ilma Oromoo ta’ee yoon Jimmatti dhalladhe lafti Madda Walaabuu kan kootis malee kan warra amma achi jiraatanii qofa miti. Maaliif yoo jenne kan koos abaabileen koo Orom-durii bar tokko achi turan waan ta’eef.

Dabballoonni abbaa garaa #diqaalaa duwwaan gadi yaatee seenaa Oromoo hin beekne Oromoo lagaan , amantii fi gosaan qooduuf akka saree maraattee olii gadi fiigdee shira diigumsaa munaagdu kun hin milkooftu malee rakkoo guddaa Oromoo gidduutti uumaa jirti. Tokkummaan irrtti duuluun dirqama Oromoo hundaati.
Mee hidda latiinsa Oromoo kana keessaa eessa jirta jedhii #diqaalota #Bilciginnaa naa gaafadhu.