Siyaasa Itoophiyaa: ‘Sirni durii sun guutuumaan haqamu malee jijjiramnii dhugaa hin dhufu’

Siyaasa Itoophiyaa: ‘Sirni durii sun guutuumaan haqamu malee jijjiramnii dhugaa hin dhufu’

Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajji 29, 2020 Wiixataa galgala erga namoota hin beekamneen ajjeefamee kaasee mormiin biyya keessaafi biyyoota alaatti cimee gaggeefamaa jira.

(bbc)–Hawwasni Oromoo biyya alaatti argamanis, biyyoota garaa garaa keessatti mormii gaggeessaa jiru.

Haaluma walfakkaatuun Adoolessa 06, 2020 biyya Siiwiizarlaad -Jeeneevaa, fuldula dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Firaans magaalaa Paariis, akkasumas Ameerikaa magaalaa Siyaatiiliitti mormiin gaggeefamaa ooleera.

Ajjeefamuu Haacaaluu balaaleefachuun alatti kaayyoon guuddaan mormiiwwan biyya alaaatti gaggeefamaa jiranii maali?

Falmituu mirga Oromoofi Hooggantuu Waldaa Oromoo ‘Legacy Leadership and Advocacy‘ kan Aeerikaatti argamuu kan taatee Addee Seenaa Jimjimoo, kaayyoo hiriira mormii biyyoota alaatti gaggeefamaa jiru kana maal akka ta’e ilaalchisee BBCn dubbirseera.

Aaddee Seenaanis deebii kenaaniin, ”Jalqabarratti kaayyoon hiriira kanaa, qaamni ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate saffisaan akka adda baafamee seeratti dhiyaatuu gaafachuudha.

Inni biraa ammoo hooggantoonni paartiilee siyaasaa akka Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaafaa atattamaan akka hiikkaman gaafachuudha,” jirti.

Oromoon gaaffiiwwan hin deebi’iiniif hedduu osoo qabuu deebisanii namoota ummata Oromootiif qabsaa’an mana hidhaa galchuun sirrii akka hin taanee mormuuf jetti.

Kana malees, hirmaattonni hiriirichaa MM Abiy kanaan booda ummata Oromoofi lammiilee Itoophiyaa bakka waan bu’uu hin dandeenyeef saffisaan aangoorraa akka ka’u gaafatamaa jiru jetti.

Kallattii gaaffii namoota hiriira moormiif bahaniin dhiyaataa jiru ilaalchisees, ”Ammaaf kallattii gaaffii ka’aa jiruu kan MM Abiy irratti xiyyeeffate ta’ulleen, gaaffii guddaan garuu kan sirna durii kan biyyattiin ittiin uumamte, sirna Impaayiraa waan ta’eef, sirni sun guutuun haqamuu malee jijjiiramni dhugaa hin dhufu kan jedhudha jechuun ibsiti.

”MM Abiy waggoota lama dura gara aangootti wayita dhufanitti nama aangoo qabateetu jijjirame malee jijjiiramni sirnaa hin dhufne”, kan jettu Aaddee Seenaan, ammalleen ummanni sirna irrattil gaafii akka qabu dubbatti.

”Haaluma kanaanis qaamolee hawaasa Oromoo hiirara mormiif bahan bulchitoota mootummaa dubbisanii jiru.

Isaanis dhufanii hawaasa Oromoo dubbisaniiru. Isaan kaan immoo xalayaafi imeeliidhaan wal dubbisaa jirra,” jechuun waan irra gahan himti.

Gama biraatiinis, ”hawaasa Amaaraa irraa himannaan Oromoorratti mootummaa Ameerikaatti, keessumaayyuu magaalaa Waashingitan Dhiiyeessaniiru. Himannichis akka waan Oromoon duguuggaa sanyiirratti waamicha dhiyeessaa jiruutti himannaan mootummaa Ameerikaa dhaqabeera.”

Kanarratti bulchitoonni magaalota Ameerikaa biroo immoo hawaasa Oromoo erga dubbisanii booda gadda itti dhagahame ibsatanii jiru jetti.

Kana malees, ummanni biyya keessaa hiriira bahee sagaleesaa dhageessisuu akka hin dandeenyee taasifameera kan jettu Aaddee Seenaan, mootummaan humna waraanaa waan bobbaaseefi namoonni sagalee dhageessisuus ta’e manaa bahuu hin dandeenyee jetti.

Akkasumas, mootummaan intarneetii adda kutuu namoonni odeffannoo akka waliin hin qoodne taasisuun akkasumas manaa manarra deemuun namoota hidhuun biyya keessatti sagalee ummata ukkamsaa jira jetti.


Isheen Eenyu? 13: ‘Qabsoo Oromoo dura ansullee mirga dubartootaafis nan falma’

Godina Arsii magaalaa Adaabbaa keessattin dhaladhee guddadhe. Barnoota sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa lammaffaas achumattin baradhe.

Isa booda jalqaba bara 2000 irrattin maatii kiyya (Abbaa fi haadha) waliin gara biyya alaa deeme. Barnootakoo sadarkaa lammaffaa kan hafes achumattin itti fufe.

Barnoota sadarkaa lammaffaa xumureen kolleejjii biyya Ameerikaatti Saayinsii Siyaasaan digirii jalqabaa baradhe.

Ergan digirii jalqabaa xumuree waggaa tokko boodammoo digirii lammaffaa Fayyaa Hawaasaa (Public Health) baradhe.

Digirii lammaffaa kan biraa ammas Bulchiinsa Mootummaa (Public Admistration) baradhe. Bara 2013 Yuuniversitii oof Illinooy kan Chikaagoo fi Kan Ispiriingifiildi jiran keessaa eebbifamee ba’e.

Seenaa akka quuqamtuu mirga namaa….

Abbaan kiyya miseensa Adda Bilisummaa Oromoo waan tureef maatii kiyyarratti dhiittaa mirga namoomaatu qaqqabaa ture.

Oromoon akka keenyaa hedduun hacuucamaa turan, naannoo an keessatti guddadhettimmoo mirgi dubartootaas sarbamaa ture.

Waanti nama gaddisiisu Abbaanis intala tuma, Obboleessis obboleettii tuma, Abbaan manaas haadha manaa tuma, hunduu dubartiidha. Kanaafuu akkamiin kana keessaa baana kan jedhu na quuqa ture.

Kana waan ta’eef waa’ee mirga namoomaa quuqamuu manuma barumsaattin eegale. Mana barnootaa keessa wayitan ture dhimma mirga dhala namaa, kan gurraachotaa fi dubartootaa keessatti akkaan hirmaachaan ture.

Yuuniversitii oof Illinooy keessatti dura teessuu barattoota Afriikaarraa dhufaniin ture. Wayituman kolleejjii turemmoo Gamtaa Barattoota Oromoo uumnee hojjechaa turre.

Bara 2004-2005tti nuti ijoolleen Oromoo nama lamaa fi lammii Sudaan tokko ofitti daballee alaabaa keenya Yuuniversitii keessatti mul’isne. Alaabaa Oromoo Alaabaa Afriikaa cinaa keenyee achirraa Oromoo beeksisuu eegalle.

Barnootan baradhee fi quuqaman durumaan qabu walitti ida’amee daranuu saboota cunqurfamoof hojjechuurratti akkan hojjedhu na gargaare. Yuuniyenii barattoota gurraachaa keessattillee hirmaannaa olaanaa gochaan ture.

Wayitan digirii lammaffaa baradhummoo Pirezidaantii barattootaa keessatti seenatara olaantuun ture.

FUULA FEESBUUKII SEENAA JIMJIMOO

Oromoo addunyaatti beeksisuu
An dura irratti kan irratti xiyyeeffadhe dhimma Oromoorratti hojjechuudha. Sababni isaammoo addunyaan waan Oromoo jedhamu kana homaatuu hin beeku.

Oromoo sabi bal’aan kun addunyaadhaan wal’aalaee wayita jirutti ani hojiin kana beeksisuuttin ka’e.

Sababa kanaan waggaa digdama Oromoof quuqamaa hojjechaa ture keessatti Addunyaan Oromoodhaan na beekti. Kaayyoon kiyyas kana ture.

Bara 2006 Waldaa Dargaggoota Addunyaa kan mirga baqattootaaf falmu hundeessine. Obbo Jawaar Mohammad, Mohaammad Adamoo fi Arfaasee waliin taanee cimsine.

Yeroma sanammoo Waldaa Hawaasa Oromoo magaalaa Chikaagoo keessatti dubartootaa fi dargaggoota bakka bu’ee sadarkaa adda addaarratti hojjedheera.

Wiixine seeraa ‘HR 128
Akkan wiixinee kana eegalu kan na dirqamsiise uummanni keenya nama dhibee isaa beekuuf dhabuusaati.

Bara 2006 keessa dhaabbata “Enough project” kan jedhamu dhaabbata kan warra Sudaan Kibbaaf falmaa ture keessatti hirmaadhe. Dhaabbata guddaa mirga dhala namaaf falmuudha.

Namoonni bebbeekamoon akka Baaraak Obaamaa akkasumas Ameerkaa bakka buutee UN keessa kan turte Samaantaa Paaworfaatu keessa turan.

Isaan waliin turuunkoo akkamitti dhiibbaa uumanii mirga dhala namaa kabachiisuun akka danda’amu na barsiiseera. Qabsoon keenya kan Oromoollee akkas ta’uu ni danda’a kan jedhuun yaadi wiixinee kana bu’uuressuu naaf dhufe.

Utuun kanaan jiruu warraaqsi bara 2014 keessa degale. Bara sana namni an baayyee itti dhiyaadhuu fi roorroo baqatee akka biyyaa ba’u itti himaa ture Obbo Baqqalaa Garbaa hidhaman.

Kanaan anis xiiqii keessa galeen dhimmi keenya bakka guddaa ga’uu akka qabun murteessee, Kongireesii Ameerikaa jechuu dha.

Dhimma kana namoota gameeyyii Oromoon qabdu kan akka Jawaar Mohaammad fi Mohammaad Adamoo akkasumas namoota birootti dhiyeessus jarri garuu waan dhugoomu waan itti hin fakkaanneef hin fudhanne. An garuu ittuman cliche.

Bara 2016 carraan wiixinee seeraa kun ittiin naaf milkaa’uu danda’u uumamee ture. Hawaasi Oromoo Ameerikaatti hiriira guddaa ba’e.

Isa booda anis marii isaanii gabbiseen akkaataa yaadi isaanii itti pirezidaantii Ameerikaa bira ga’urratti hojjechuun eegale.

Yaadaa fi gaaffii uummataa kanaa gara kongireesii geessuun eegale. Haata’u malee wiixineen keenya inni bara 2016 lakkoofsa 861 jedhamu ni kufe. Sababiinsaas kongireesiin filannoo waan geggeesseef.

Yerooma sanallee deeggersa nama 40 akkasii qabna turre. Ergasii kongireesii haaraan filamee, garuu bara 2017 keessa gama guddaan deeggersa argannee Wiixinee seeraa HR 128 ta’ee nuuf ragga’eera.

‘Dhimma kanarratti kitaabas barreesseera’
Kitaabi kiyya qabsoo fi bu’aa bayii qabsoo Oromoo bara 2016 hanga bara 2019 irratti xiyyeeffadheen barreesse.

Keessattuu dayaasporaan biyya alaa jiru ilaalcha Ameerikaan Itoophiyaaf qabdu akkamiin jijjiira kan jedhuu fi tokkummaa Oromoo cimsuuf fala kan ta’e wal-amntaan akkamiin dhufuu akka danda’a kan jedhurratti qabxiiwwa hedduu kan kaa’eedha.

Dhumarratti rakkoo Oromoo irratt falli maali kan jedhu bal’isee ibseera.

Dubartootaaf maal buuste?
Qabsoon Oromoo haa dursu malee dhimma dubartootaarrattis hojjedheera. Bara 2014 waldaa dubartootaa “Damboobduu Foundation” hundeesseen ture.

Hiriyoota kiyya warra adii waliin taanee hundeessine. Shamarran kubbaa millaa akka taphataniif yuunifoormii biteeraaf.

Mana barumsa bakkan itti dhaladhee jiru ‘Bulchaa Raayyaa’ keessatti bara 2014 irraa eegalee hamma har’aatti shamarraniif yuunifoormii fi kitaaba biteen dhiyeessa.

Faawundeeshinii kana jalatti shamarran akka maallaqa qabattee hojii baraatti deemtuuf hamma har’aa deggeraan jira.

Biyya alaattillee shamarran keessattuu kanneen baqattoota ta’an akkamiin jiruu, qajeelachaa fi karoora akka qabaataniif nan gorsa.

Dhimma dubartootaarrattis waltajjiin argadhe hundarratti nan falmadha. Kitaaba kiyya keessattillee boqonnaan tokko dhimma dubartootaarratti kan xiyyeeffateedha.

Amma maalirra jirti?
Yeroo ammaa Itoophiyaan jira. Biyya kanan galeen waa kanaaf,

Tokkoffaa haala sarbamiinsa mirga namoomaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti keessaahuu kan Oromoorratti raawwatamaa jiru ragaa qabatamaadhaan deggeree addunyaattin mul’isuu barbaada.

Haalli Itoophiyaa keessa jiru haalaan na yaaddessa. Akka nama mirga dhala namaaf quuqamu tokkootti biyya alaa taa’ee dararaa uummata kanarra ga’aa jiru gurraa fi ija addunyaan ga’uun na rakkisa.

Jaarmiyaa Addunyaas ta’e namni dhuunfaa wayita namni ajjeefamaa, hidhamaa jira jettuun ragaa qabatamaa si gaafatu. Kanaafuu anis keessa jiraadhee waan qabatamaa addunyaatti gabaasuufan dhufe.

Lammaffaan ammoo partilee siyaasaa Oromoo waliin haala jiru dubbachuun barbaada.

Filannoo bara 2020 irratti ni hirmaattaa?
Paartilee siyaasaa Oromoo kan Obbo Daawud Ibsaa, Piroofeesar Mararaa Guddinaa fi Birgaader Janaraal Kamaal Galchuun durfamu waliin marii eegalleera.

Qabsoo Oromoo keessatti waggaa 17 ol dabarseera. Oromoon yeroo ammaa yeroo murteessaarra ga’eera. Gartokkotti ba’uun dirqama dha.

Anis ammoo akka nama qabsoo kana keessa tureetti murtibi na barbaachisa. Yeroon filannoodhaaf ji’a ja’a caalaa hin hafne.

Kanaafuu paartilee Oromoo waliin mari’annee yoo haalli na dirqamsiise gara paartii siyaasaa deemuun kiyya waan haftu miti.

Ani akka nama tokkootti Oromoof waa buusuutu narra jiraata, wantin gochuu qabu jira jedhee yoon itti amane murteessuun kiyya hin oolu.

Ammaaf Haalan qorachaa jira. Murteesauun kiyya garuu waan oolu miti.

Odeessi ‘Isheen Eenyu?’ jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa’inaafi bu’aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC’n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.