Siyaasa Itoophiyaa: Qorataan ol-aanaa Internaashinaal Kiraaysiis Giruup (ICG) turtii Maqalee tibbanaatiin maal taajjabe?

Siyaasa Itoophiyaa: Qorataan ol-aanaa Internaashinaal Kiraaysiis Giruup (ICG) turtii Maqalee tibbanaatiin maal taajjabe?

Qorataan ol-aanaa Internaashinaal Kiraaysiis Giruup (ICG) Wiiliyaam Daaviisan

Qorataan ol-aanaa Internaashinaal Kiraaysiis Giruup (ICG) Wiiliyaam Daaviisan atakaaroo mootummaa Federaalaafi naannoo Tigiraay gidduu jiru gamaggamuudhaaf gara Maqalee deemee fedhiin waliin mariyachuu jiraachuu wanti agarsiisu akka hin jirre BBCtti hime.

(Erga riiformiin biyyattiitti gaggeefamee MM Dr Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii booda qondaaltoonni TPLF aangoo motummaa jiddugalaa keessaa bahuun gara naannoosaaniitti deebii’uu filatan.

Waldhabdeen humna haaromsaafi TPLF jiddutti sababii ADWUI deeguun paartii Badhaadhiinaa ijaaruutiin jalqabe yeroo gara yerootti cimaa dhufe. Keessttu erga naannoon Tigraayi filannoo manni maree federeshinitiin ‘seeraan ala’ jedhame geggeesseen booda itti walitti dhufeenyi motummoota lamaan jiddu wal balaaleeffannaatti geedarame.

ICG’tti qorataa ol-aanaa dhimma Itoophiyaa kan ta’e Wiiliyaam Daaviisan, tibba kana kan gara Maqalee deemeef atakaaroo mootummaa Federaalaa waliin itti jiran irratti ejjennoo jiru gamaggammuun muddama keessa galan keessaa karaa ittiin bahan furmaata barbaaduuf ta’uu dubbata.

Turtii isaa Maqalee kanaan miseensota paartii mormitootaa dabalatee aanga’oota naannichaa hedduu waliin dubbachuu kan ibsu qorataan kun, waliin mariyachuuf fedhiin jiraachuu wanti agarsiisu hin jiru jedheera.

Ji’a lama dura ICGn ministirri muummee Abiy Ahmed (PhD) haasaa araaraafi walitti nama dhiyeessan sana akka hojii qabatamaatti jijjiiraniif gaafachuun isaa ni yaadatama.

ICGn muddama qaamolee lamaan gidduutti uumame tasgabbeessuudhaaf barbaachisaa taanaan Gamtaan Afrikaa ykn gaggeessitoonni Afirikaa araarsuu keessatti hirmaachuu danda’u jedheera.

Keessumaa ammoo dura taa’aan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa pirezedaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaapoosaa gahee guddaa taphachuu danda’u jedheera.

“Muddamni mootummaa naannichaafi Federaalaa gidduu jiru yeroodhaa gara yerootti cimaa dhufeera. Hariiroon paartilee lamaan gidduu jirus hir’achaa dhufeera.

Mootummaan Federaalaa baajata Tigiraay irraa kutee jennaan ammoo caalaa hammaachuu danda’a,” jechuun BBCtti himeera qorataan ICG kun.

Wiliyaam itti dabaluun, mootummaan Federaalaa baajata naannoo Tigiraayiif kennu addaan kutee jennaan, “Naannichi tarkaanfii kana akka aggaammii waraanaafi federeeshinicha keessaa dhiibameettin ilaala jedheera,” jechuun ibsa.

“Qaamoleen lamaanuu walitti dhufanii karaan ittiin mariyatan argamuu qaba. Kana ta’uu baannaan rakkootu uumama,” jedha Wiiliiyaam.

“Paartileen siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran hunduu mariyachuu barbaadu jedheen yaada. Paartiin Badhaadhinaa, paartileen kan Oromoo, kan Somaalee, kan Kibbaa ta’an, kan TPLF, akkasumas paartileen mormitootaa Tigiraay mariyachuu ni barbaadu.

Rakkoon isaa garuu mariin akkamii taasifamuu akka qabaatu, galmi isaanii maal ta’uu akka qaba, haaldureewwan maal ta’uu akka qabaatu irratti ilaalcha gara garaa qabaatu. Kun ammoo paartileen siyaasaa gara waltajjiitti dhufanii akka marii hin taasifne danqaa ta’a,” jedha.

Qorataan kun turtii isaa Tigiraay kanaan mootummaan naannichaa gara mariitti deebiyuu kan danda’u haaldureewwan ciccimoo yoo eegaman ta’uu taajjabeera.

“Fakkeenyaaf, mootummaan imaanaa filannoo gaggeessu yaa hundeeffamu qabxii jedhu kaasu. Mootummaan Federaalaa ykn paartiin bulchaa jiru ammoo haalduree kana haalli ittiin fudhatu jira natti hin fakkaatu.”

Dhimmicharratti MM Abiy waliin wal argee waliin haasa’uudhaaf fedhii qabaatus hanga ammaatti haalli kun akka hin mijeeffamiiniif hima Wiiliyaam Daaviisan.

Qorataan ol-aanaa ICG kun dhaabbanni isaanii araarsituu akka hin taane dubbata. “Qaamoleen lamaan kan haasofsiifnuuf hubannoo keenya gabbifachuudhaaf. Xiinxalli keenya yaada qaamolee hundaa kan qabu akka ta’uuf qorannoo guutuu hojjechaa jirra.

Isaan boodas yaada furmaataa nuti dhiyeessinu qaamolee hundaaf kan hiika qabu ta’a,” jedheera.

Yeroo dhiyoo asitti naannoo Tigiraay kan bulchaa jiru TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduu walii galtee dhabuun dabalaa dhufeera.

Filannoon biyyaalessaa ALI bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiitiin akka dheereffamu ta’uu isaatiin naannoon Tigiraay flannoo naannoo addatti gaggeeffachuun isaa muddama lamaan isaanii gidduu jiru akka cimu taasiseera.

Source : bbc AfaanOromoo