Siyaasa Itoophiyaa: ‘Ertiraan akka ammaa kanatti dhimma Itoophiyaa keessa galuu waan hin dandeenyeef lola jalqabde’

Siyaasa Itoophiyaa: ‘Ertiraan akka ammaa kanatti dhimma Itoophiyaa keessa galuu waan hin dandeenyeef lola jalqabde’

6 Adooleessa 2020

(bbc)—Naannoon Tigraay kaleessaafi harra maal keessa jira? Aangawaan duraanii waa’ee daangaa Itiyoo-Eertiraa maal jedha? Kanaafi haala sisyaasa Itoophiyaa ammaa ilaalchisee BBCn Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa duraanii kan turan Ambaasaaddar Siyyum Masfin waliin turtii taasiseera.

BBC:Waliigaltee Itiyoo-Ertiraa ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa lafa na jalaa weerarame jettee erga deebiisiisteen booda maaliif gara jaarsummaa idil-adduunyaa hin deemiin? Isaan boodas maaliif murtee komishinii daangaa hin fudhatiin haftan?

Ambaasaaddar Siyyum: Asirratti dhimma dhugaa ta’an qofaan kaasa. Tibba sanatti qorannoo Yaa’iin Gamtaa Afriikaa taasiseen, mootummaan Ertiraa weerara gaggeessuuf murteessitee. Ertiraan loltootshee baastee dhimma keessan jaarsummaan hiikadhaa jedhamee turan.

Komishinii beenyaa waliin hundeessineenis lafa mootummaan Ertiraa qabateef beenyaa akka kaffaluuf kaa’ee ture. Tibba sanatti ajajaa waraana Eritiraa osoo hin hafne mootummaan Eritiraa weerara raawwachusaa dhugaa bahaa turan.

Erga lafa waraanaan deebiifannee booda dhimmi hafe jaarsummaan hin hiikamiin hin jedhamu. Kan wal nu dhabsiisees dhimma daangaa hin turre. Akkuma amma gochaa jiru Isaayaas dhimmi Itoophiyaa keessa galuu waan hin dandeenyeef humnaan dhiibbaa taasisee fedhiisaa guuttachuuf waan barbaadeef ture. Kanaanis dogongora cimaa raawwate.

BBC: Amma kun hundi darbee MM Abiy Ahimad rakkoolee turan hiikuun nagana bu’eera. Ta’us ammoo ammas daangaan biyyoota lamaanii adda hinbaane. Kunis kan hin taaneef sababii aanga’oonni TPLF guufuu ta’aniif jechuun isin himatu Obbo Isaayaas. Kun maaliif ta’ee?

Ambaasaaddar Siyyum: Pirezidaant Isaayaas Afawarqiin dhimmi daangaa amma dhimma yeroo keenyaa miti. Dura ilaalcha TPLF qulleessuudha jechuun ummataafi loltootatti dubbataniiru. Osoo TPLF hin badiin nagaan waan hi njirreef dura isaan balleessina jechaa jira.

Abiy garuu waamicha nagaa Geetachoo Asaffaa kan duraan waajira nageenyaa ogganaa tureefi Ministira Hajaa Alaa kan ture Dr Tewediros Adaanoom fi Janaraal Saamoraa Yanuus, MM yeroo sanaa kan turan Obboo Hayilamaariyaam Dassaalanyiif dhiyeessan fudhte raawwachisee malee omaa itti hin daballee.

TPLF amma haa xumuramu jennaanis lakkii hin jennee. Murtee Isaayaas nuuf murtaa’eera jedhanuunis haa deemamu jedhamnaanis rakkoo hin qabaatu. Kan fudhatamu lafa Tigraayiifi kan Affaar qofaa miti. Dhimmichi wayita raawwatamuuttis lafa Itoophiyyaa ta’es ni deebisa.

BBCKun akka ta’uuf jalqaba looltoonni Itoophiyaa Eritraa keessaa bahuu hin qabaatanii?

Ambaasaaddar Siyyum: Dursa daangaa biyyoota lamaanii raggaasiisuuf komishiniin hundeeffamuu qabaata. Pirezidaantiin Ertiraa garuu kana waan hin barbaadneef haa turu jedheera.

BBCDhimmi daangaa Itiyoo-Ertiraatiin wal qabatee ka’u kan biraa, mootummaan Tigraay bakkeewwan waldhabiinsaa ta’an kan akka Baadimmeerratti gamoowwan ijaaraa jira jedhama. Kun dhugaadhaa?

Ambaasaaddar Siyyum: Shaabiyaanis lafa Itoophiyaaf murtaa’eerratti ijaaraa jira. Yoo callise. Fakkeenyaaf Tsoranaa KM tokkicha bahee lafa Itoophiyaaf murtaa’eerratti magaalaa babalisaa jira.

BBC: Gama siyaasa Itoophiyaatti yoo deebiinu ammoo MM Abiy Ahmad nama walbummaa biyyaa balaa keessa galcheedha jechuun himattu. Kanaaf raga maal qabdu?

Ambaasaaddar Siyyum: Fakkeenyi MM Abiy Pirezidaant Isaayaas Afawarqeeti. IGAD diigi jennaan diigee amma kan jiruu isa dhugaa miti. Sirna federaalizimii TPLF hirdofee diignee Itoophiyaa haaraa ijaarra, walta’insa Ertiraafi Somaaliyaan keessa jiran ijaarraa IGAD diigi waan jedheeniif diigeera. IGAD kan diigameef fedhii Isaayaas guutuuf jecha.

Isaayaas filannoo heera mootummaa malee waggoota 28f kan biyya bulcheedha.

Dhimmi lammaffaan ADWUI hojjatee ture kan biraa ammoo, dhimmi Abbayyaa ilaalchisee waggoota 15’f Masriin alatti adeemsa biyyoota yaa’aa Laga Abbayya kurnan gara waltajjii tokkootti fiduun danda’amee irra gahamee ture.

Sudaan ejjannoo ibsuuf rakkataa turtuyyuu waligalteen bu’aa qabeessa ta’ee taasifamee ture.

Biyyoonni miseensaa kunneenis ejjannoo osoo Itoophiyaaan nu hooggantee jedhu qabu turan. Kan biraa hafee hoggeessonni Itoophiyaa walgahiiwwan biyyoota yaa’aa ‘White’ irratti illeen hirmaachuu eegalanii turan.

Abiy garuu marii Sudaaniifi Masrii waliin eegalamee ture dhiisuun, Masrii qofaa fudhatee gara Ameerikaa deemee. Warra Sudaaniitti gara Ameerikaa deemaa jiraachuleen itti hin himne ture. Isaanis Waashingitan irraa waamicha taasifameen kan deeman.

Duraan Abiy Hidhi Guddichi kan eegalame bu’aa siyaasaatiif jedhee ture. Amma garuu lammiilee akka gaaftan erga hubateen booda waa’ee isaa kaasuu kan eegale. Kan biraa hafee namoota mariirratti akka hirmaataniif innumti erge dabalatee ‘adeemsii kee sirrii miti ammas deebi’ii.

Gara waliigaltee Wucaalee lammaffaatti nu deebisaa jirta’,’ jechuun barreeffamaan akeekkachiisaniiru. Kun biyya ganuu miti? Boru seenaan gaafatamuunsaa hin oolu.

BBC: MM Abiy amma baatii Adooleessaa keessa hidhiicha bishaan guutuu akka jalqabaniifi kana gochuurras qaamni dhorku kan hin jirree ta’uu himaniiru. Kun kutannoo isaanii hin mullisuu?

Ambaasaaddar Siyyum: Deegartoonni kan akka IMF fi Baankii Addunyaa maal akka jedhan haa ilaallu. MM deegarsi dhaabbilee kanneen irraa argamu akka deegarsa haadhaarraa argatanii ta’uu paarlaamaa irratti dhiyeessanii ture. Dhaabbileen kunneen ammoo hidhicha bishaan guutuun dura Sudaaniifi Masrii waliin waliif galuu qabda. Ta’uu baannaan maallaqa kennuuf jirru hin kenniinu jedhaniiru.

Kan biraa ammoo Pirezidaantiin Masriifi Pirezidaantiin Ameerikaa ‘Hidha Laga Abbayyaa yoo naa dhaabsiifte ani Giddu-gala Bahaa Afriikaa keessaatti kan barbaadduun siif raawwadha’ jechuun waliitti hidhata godhachuun socho’aa jiru.

MM Abiya ammoo gama tokkoon waadaa biyyota kanneeniif seeneen gama biraatiin ammoo ummata Itoophiyaatiin dhibbaa jala jira.

Ani gama kiyyaan Abiy nan shakka. Innis warra Masriitiin waggaatti bishaa kubiik meetira biiliyoona 37 isiniifan gadhiisa jechuun waliigaleera. Pirezidaantiin Masriis kanatti kan dabalee lakkoofsa muraasa qofaadha. Ammas bishaan guutuu barana eegala jechuusaa eenyutuu amana?

Abiy dhimmi dursa kenneef masaraa haaromsuudha. Haalli walabummaa biyyattii kan bara moototaafi kan bara Mangistuu Haayilamaariyaam caalaa amma sadarkaa gaaffii keessa galee jiru keessatti argamna.

BBC: Wal dhabdeen mootummaa Feederaalaa fi Naannoo Tigraay jidduu baayyee yaaddeessaa jira. Haala kana attamiin ilaaltu? Furmaanni isaas maal ta’uu qaba jettu?

Ambaasaddar y MM Abiy Fulbaana 25 booda bu’uura seeraa aangoorra isa tursiisu tokkoolleen hin qabu. Ejjannoon kun kan TPLF qofaa osoo hin taane kan dhaabbilee siyaasa birootis.

Ammas osoo hin galgaloofne waltajjii paartilee siyaasaa qopheessuun marii gaggeessuu qabaata. Dhaabbileen siyaasaa kunneenis aangoo kan irraa fudhatan osoo hin taanee, mootummaa teknookiraatii oggeessoota hammatu hundeessuun ni danda’ama.

Gareen kunis hanga filannoon dhufaatti nageenya biyyattii mirkanneessuun akka filannoof qopheessaniif hundeessuun fala gaarii ta’a.

Lammaffaan ammoo ummanni Tigraay filannoon gaggeeffadha wayita jedhu Abiy tole jedhee gammachusaa ibsachuutu irra ture. Labsii waraanaa labsuun irra hin turre. Itti yaaduu qabaata. Haalli garamiitti akka deeman kan walumaan ilaallu ta’a.

BBC: Waggottan 27 darban haalawwan sarbama mirgoota namoomaafi malaammaltummaadhaan baayyeen qeeqamaa jiru. Kan ammaaa waliin wal bira qabdanii nutti himtuu?

Ambaasaddar Siyyum: Itoophiyaan waggoota 27 darban maal keessa turte isa jedhuuf ummata buqqa’ee ilaaluun haa eegallu. Waggoota lamaan darban keess kan buqa’eefi kan du’e ni baayyata. Waggoota lamaan darban namoota miliyoona sadiitu qe’eerraa buqa’uun ammalleen buufata keessa jiraataa jira.

Gama sarba mirga namoomaatiin, gabaasawwan dhaabbileen Humaan Raayitis Woochiifi Amanastii Intarnaashinaal baasan ilaaluun ni danda’ama.

Haata’u malee, maqa balleessaa hedduun nurratti raawwatamaniiru. Keessattuu, tarkaanfiin akkasii kunis kan duguggaa sanyii ummata Tigraay irratti akeeke ta’uun ifa.

Garuu ummatichi tokkommaa isaa waan eeggateef mo’achaa jira.


Siyaasa Itoophiyaa: Pirezedantiin Eertiraa Isaayyaas Af-warqii maaliif Itoophiyaa dhaqan?

7 Caamsaa 2020

Pirezedantiin Eertiraa Isaayyaas Af-warqii gorsitoota isaanii wajjin Dilbata darbe dawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufanii turan. Dawwaannaan isaanis weerara Covid-19 fi weerara Awaannisaarratti mootummaa Itoophiyaa wajjiin mariyachuuf akka turetu ibsame.

Muummicha Ministiraa Abiy Ahmadiifi qondaalota mootummaa olaanoo biroo wajjin pirojeektii jallisii Baatuu- Dugdaas eebbisaniiru.

Biyyoonni lamaan waliigaltee nageenyaa mallatteessuu hordofuun pirezedantii Isaayyaas eebba barattootaafi pirojeektirratti deddebi’anii argamuun garuu, lammiileen isaan hin beekne akka qeeqaniif sababa ta’eera.

Wayita weerarri vaayirasii biyyoota addunyaa balbala walitti cufsiise kanatti dhuguma dhimma weerara koranaavaayirasii fi awaannisaarratti mariyachuufi? gaaffii jedhus uumera.

Lammiin Eertiraa mirga namoomaaf falmu Dassibal Mahaarii garuu, daawwaannaan pirezedant Isaayyas ‘dogoggora seenaati’jechuun qeeqan.

Dassibal Xaaliyaan magaalaa Milaanoo jiraata.

Biyya jiraatu Xaaliyaaniitti weerarri vaayirasichaa jiruu hawaas-dinagdee biyyattirratti dhiibbaa jabduu qaqqabsiisu dubbateera.

Obbo Dassibal ’Dhugaatti imalli isaanii kun ajaa’iba, yeroo biyyooti hundi teeknolojiin walqunnamanitti qaamaan wal arguu sababni filataniif dhimmisaanii koronaavaayirasiin ol waan ta’eef’ jedhe.

Ji’a darbe keessa pirezedantichi dhukkubsachuu fi du’uusaanitu haasa’amaa ture.

Haata’u malee, battaluma sanatti TV dhaan dhiyaatanii, Seenaa addunyaa keessatti waraana otoo hin eegamiin dhalate jedhanii dubbatan.

Kanaafuu, falli jiru sochiin namaa daangeessuudha jedhani haasa’an. Sana booda Eertiraatti namni manasaa akka turu labsame.

Eertiyaan namoota vaayirasichi qabe 9 qofa qabaattus, Pirezedantichi gara Itoophiyaatti imaluun isaanii yaaddessaadha jedhe Dassibal.

‘’Dhimmi imalasaanii haala wayitawaa yeroo irratti mariyachuuf akka ta’e tilmaamu dandeenya’ jedha.

Tarii pirezedantichi ‘dhukkubsatan, du’aan’ jedhamaa kan ture dhara ta’uu agarsiisuuf imala siyaasaaf taasifame.

Dhimma weerara vaayirasiirratti mariyachuu kan jedhamuufi Eertiraan meeshalee deeggarsaan tujaarri Chaayinaa arjoome hin fudhadhu jette deebiste, amma dhimma kanarratti akkamitti mariyatu? jedhu.

‘Ana kan na gaddisiisuu haala amma addunyaarra jiru kan faalleessu ta’usaadha’jedha.

Pirezedant Isaayyaas garuu daawwannaasaanii xumuruun gara biyyatti deebi’aniiru.

Gara biyyatti erga deebi’anii addatti fo’amanii guyyoota 14’f turuu laata? Dhimmi jedhummoo dhimma irratti haasa’amu ta’eera.

Hoggantoonni lamaan dhimmi irratti mariyatan bal’inaan tarreefamanii beekamu dhabanis, hariiro siyaasaa biyyoota lamaan giddutti guddataa deeemerra ka’uun sababoota lama tilmaamuun ni danda’ama jedhu xiinxalaan siyaasaa fi falmaan mirga namoomaa Dr. Hayilee Hagoos .

’Kanaan dura pirezedanti Isaayyaas jijjirama siyaasaa Itoophiyaatti dhufe callifnee hin ilaallu, nu ilaallata jechuusaanitu yaadatama.

Haasaa isaanii kanaas lammileen Itoophiyaa giddu seentummaadha jedhanii yaadda’uu ibsaniiru.

Pirezedanti Isaayyaas dhimma siyaasa biyya biraa keessa seenuudhaan karaa isa baasuu mil’achuurra hin deebi’u.’

’Amma dhimmi siyaasaa ijoon Itoophiyaatti dhimma filannooti, Obbo Isaayyaas humnoota Eertiraa keessa turan wajjiin haasa’anii waliigalchiisuuf dhufan jechuu dandeenya.

Dhimmi biraan, lammileen Itoophiyaa Isaayyaas du’eera jedhanii haasa’aafi hawwiisaanii ibsaa waan turaniif yaada qofa ta’ee hafee jechuudhaafi jedheen tilmaama’jedhan.

Hoggantoonni biyyoota lamaanii ammatti lubbuu namaafi oomishni qonnaa isaan yaaddeessetu mariif gara Itoophiyaatti qajeelan yaadni jedhu amansiisa miti jedhan

Pirezedantichi dhimma weerara vaayirasichaarratti hawaasaaf ibsa hin kennine jedhamiini wayita hamataman kanatti, takka turani ’weerarri vaayirasichaa xiyyeeffannoo keenya waliin dha’uu hin qabuu, hojiiwwaan misoomaa eegallee itti fufuuf qabna ‘ jedhu.

Qeeqxonni isaanii garuu, hooggantoonni yeroo kanatti shira kan dalagan otoo hin taane, weerara mootummoota addunyaa qoraa jiru kana to’achuufi ittisurratti xiyyeeffatamuu qabaa jedhu.

‘Adeemsi isaanii hamaadha, biyyoonni guddatan weerara kana to’achuu wayita dadhabanitti, biyya biraa dhaqanii pirojeektii eebbisuun barbaachisaa ta’ee natti hin mul’atu, fayyaa hawaasaaf xiyyeeffannoo kennuu caala waan yeroosaa hin eegganneerratti xiyyeeffachuun fayidaa maalii qaba? jechuun gafatu.

Hawaasni Eertiraa dhiyeessii tajaajila ibsaa fi bishaanii hin qabne otoo manatti hafee jiruu, Namni gamnii kun dhimma siyaasaaf gara Itoophiyaatti imaluun seenaan kan nama gaafachisuu ta’u mala’ jedha Dr. Hayilee Hagoos.

Weerarri koronaavaayirasii Afrikaatti dhufaa jiraachuu akeekuun, hooggantoonni biyyoota Afrikaa namoota hedduu qorachiisuuf qopha’uu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa akeekkachiisera.