Sirna Gadaa: Abbaan Gadaa yoo yakke akkamiin aangoorraa buqqisan?

Sirna Gadaa keessatti Abbaan Gadaa baallii of harkaa qabu yoo yakka dalage aangoorraa kaafama, sirni kun Buqqisa jedhama.

Sirna Gadaa keessati garuu eenyutu himata?

Manni maree bakka bu’oota uummataa Ameerikaa himata pireezidantii biyyattii Donaald Tiraamp aangoorraa kaasuu danda’u sagalee caalmaan mirkaneessee jira.

(bbcafaanoromoo)-Baatii tokkoon duuba pireezidantichi seneetii biyyattii duratti dhiyaatee himata aangoo isaa seraan ala fayyadamuu irratti banameen yakkamaa ta’ee yoo argame aangoorraa kaafama.

Taateen kun namni kamuu seeraan ol akka hin taanee fi diimokiraasiin Ameerikaa hagam jabaa akka ta’e agarsiisa kan jedhan danuudha.

Mee sirna Gadaa akka madda diimokiraasiitti fudhatamutti as deebinee yoo Abbaan Gadaa baallii of harkaa qabu yakka raawwate akkamiin aangoorraa ka’uu akka danda’u haa ilaallu.

Abbaan Gadaa baallii of harkaa qabu tokko osoo waggaa saddeet hin gahiin yoo aangoon irraa fuudhamte baalliin irraa baate ykn irraa buqqaate jedhama.

Sirnichi ammoo ‘Buqqisa’ jedhamuun beekama jedhu qorataan sirna Gadaa Gujii Obbo Iyyaasuu Basaayyee.

Abbaa Gadaa tokkorraa karaa hedduun aangoon bahuu danda’a jedhu Obbo Iyyaasuun.

Kaayoo ykn milkii

Kan duraa Abbaan Gadaa tokko guyyaa baallii fuudhu, erga baallii fuudheen duuba wayita odolcha ykn farda Abbaa Gadaa koru yoo irraa kufe battalumatti baalliin irraa fuudhamee Gadaa itti aanuuf kennama.

Sababni kun ta’uuf “kaayoon isaa Gadaa isaafis ta’e Oromoof hin toltu jedhamee waan amanamuufi” jedhu.

Yoo kun ta’u baalliin Gadaa isaarra tartee warra Doorii silaa waggaa saddeet booda aangootti dhufuuf kennamti jedhan.

Kan lammataa yoo bara Gadaa isaa keessa beelli hamaan ykn weerarri dhukkubaa yoo mudate, ongeen yoo hammaate akkasumas waraanni yoo jiraate.

Kun yoo ta’u baalliin isaa uummata isaaf hin tolle jedhamee waan amanamuuf akkasuma baalliin dabarfamee Gadaa itti aanuuf kennama.

Kan sadaffaa yoo Abbaan Gadaa yakka uummata keessatti fokkisiisaa ta’e, kan hamilee fi kabajaa uummataa tuqu yoo dalagedhaa jedhu.

Kun yoo ta’e garuu akka gaaf kaanii baalliin Gadaa itti aanuuf osoo hin taane itti aanaa isaa kan ‘irkisaa Abbaa Gadaa’ jedhamee beekkamuuf kennama.

Sababa balleessaa Abbaa Gadaatiin baalliin gadaa isaa ykn paartii isaarraa hin fuudhamu jedhu hayyuun kun.

Eenyutu himata?

Abbaan Gadaa tokko yakka raawwachuu isaa miseensotuma Gadaa isaa dabalatee miseensonni Gadaa biroos himachuu danda’u.

Miseensonni Gadaa isaa aangoon isaan harka waan jiruuf “yakka lafaafi namaa, kan marraa malkaarratti raawwatame argaa hin callisanuu” jedhu Obbo Iyyaasuun.

Miseensi Gadaa yakka raawwatame arge, torbiitti dhiyeessa jedhan.

Torbiin qondaalota abbaa Gadaa torba yookiin sirna bulchiinsa ammayyaatiin ministiroota akka jechuuti.

Torbiin dhimmicha erga ilaalee booda Haganaa Salganitti dhiyeessa jedhan.

Sirna Gadaa Gujii keessatti yaa’a sadiitu jira. Isaaniis Uraagaa, Maattii fi Hookkuu jedhamu.

Yaa’i sadanuu Abbaa Gadaa mataa ofii qabu. Abbootiin Gadaa kunneen lafaa ofii bulchan ykn Gabalaa addatti qabu.

Haganaan saglan, gumii gaditti qaama aangoo olaanaa qabu

Haganaa Salgan jechuun abbootiin murtii yaa’a sadan, yaa’a tokkorraa nama sadi, yaa’a sadan irraa namni sagal walitti yoo dhufan qaama uumamu.

Qaamni kun Haganaan saglan, gumii waliigalaan gaditti qaama aangoo olaanaa qabudha.

Yakki Abbaan Gadaa raawwate Haaganaa salgan kanaaf dhiyaatee yoo irratti mirkanaa’e, isaanuma keessa aangoon murtii kennuu kan kennameef ‘Waamura’ kan jedhaman aangoorraa akka kaafamu itti murteessu jedhu Obbo Iyyaasuun.

Akkaataa kanaan baalliin Abbaa Gadaa harkaa fuudhame ‘irkisaa Abbaa Gadaaf’ kennama.

Yoo irratti waliigaluu baatan garuu Gadaa itti aanuuf dabarfamee kennamuu mala jedhu.

Gumiin ni yaamamaa?

Akka Obbo Iyyaasuun jedhanitti yakka Abbaan Gadaa tokko raawwateef jecha gumiin yeroo isaa hanqatee hin waamamu.

Kana jechuun Abbaa Gadaa aangoorraa kaasuuf kan murteessu Haaganaa saglani.

Akka sirna Gadaa Gujiitti gumiin kan taa’u Abbaan Gadaa tokko baallii fuudhee waggaa shanaffaa irratti yoo ta’u sirnichi ‘Jaarraa Utaaluu’ jedhamee beekama.

Wayita kana sirni raawwatu bulchiinsa Abbaa Gadaa aangoorra jiruutu qoratama.

Me’ee Bokkoo bara 2016

Abbaan Gadaa gabaasa waggota shanan darba hojjete dhiyeessee, wanti hanqate yoo jiraate hatattamaan waggoota sadi hafte keessatti akka sirreeffatu akeekkachiisni kennamaaf.

Qophiin Abbaa Gadaa waggoota sadiin duuba aangoo fuudhuuf deemuus ni ilaalama.

Gumiin waggaa saddeet keessatti al tokko qofa kan taa’u yoo ta’u gumiin dura ykn booda Abbaan Gadaa tokko yakka raawwannaan haganaan saglan aangoorraa buqqisuu danda’u jedhu hayyuun aadaa Obbo Iyyaasuun.

Walaannaa fi Qadadduu

Sirni Gadaa haala ittiin aangoo Abbaa Gadaa to’atu mataa isaa danda’e ‘Walaannaa fi Qadadduu’ jedhamu qaba.

Gadaa shanan keessaa Gadaan lamaan Abbaan Gadaa aangoorra jiru baallii irraa fuudhatee fi kan inni itti kennu lamaan ‘Walaannaa’ jedhamu.

Kunneen lamaan Abbaa Gadaa aangoorra jiruuf akka paartii mormituuti jedhu.

Kan hafaan lamaan ammoo ‘Qadadduu’ yoo jedhaman isaan ammoo deeggartoota Abbaa Gadaa aangoorra jiruuti.

Warri Walaannaa “bara Gadaa keetii yakka akkanaatu jira, barri Gadaa keeti yaraa jedhee akka inni kaayoo dansaa deebifatu ittiin morma” jedhu.

Warri Qadadduu ammoo waan gaarii inni dalage himaaf, ni gorsalle.

Haa ta’u malee mormiin Walaannaa irraa Abbaa Gadaa mudatu akka inni jabaatu malee aangoorraa isa buusuuf miti jedhu Obbo Iyyaasuu Basaayyee.

Kanaaf Abbaan Gadaa yoo mormiin Walaannaan aangoorraa hin bu’u jechuudha.

Hubachiisa: Wanti odeessa kana keessatti ibsame irra caalaan kan Gadaa Gujiiti, bakka kaanitti haala biraan raawwatamuu mala.