Sirna baniinsa waajjira ABO – Wallo, magaalaa Kamiseetti

Sirna baniinsa waajjira ABO – Wallo, magaalaa Kamiseetti

Walloo-Oromiyaa Kaabaa!


Bulchiinsi magaalaa Jimmaa simannaa KFO danquuf stadium magaalattii dhowwachuu isaa xalayaa kanaan beeksisee jira. Kanuma waliinis ”rakkoo dhalachuu maluuf mootummaan itti hin gaafatamu” jechuun doorsisee jira. Doorsisa kana duubaanis shira walitti bu’iinsaa bal’aa akka qindeeffachaaa jiran gabaasaa turre. Shirri kun kan gubbaatti qophaahee gad bu’e tahuu isaa fi hojiirra oolinsa isaa qorachuuf kaadireen OPDO olaanaan Taayyee Danda’aa Jimma seenee jira. Mootummaan Abiyyi Haamad Oromoodhaan tufamuun isaa ifa. Jimmatti baqatee Oromoo jalaa hin bahu. Jimmas lafa diinonni Oromoo fi bitamtoonni farshoo gandummaatiin macheeffaman dhuunfatanii rasaasa jibbaa gaaffii haqaa Oromoo irratti dhukaasuudhaan milkaahani miti. Tarsiimoon Jimmaan ristii addaa godhatanii Oromootti dhagaa guuruuf baafame kun eenyuyyuu caalaa maqaa Jimmaa miidhuuf kan xiyyeeffate tahuun warra qalbii qabuuf ni gala.


Dargaggoo #Firaa‘ol Darajjee Magaalaa Bishooftuutii humna tikaa mootummaan butamee bakka buusame dhabuu maatiin isaa ni dubbatu.

Hidhaan kan bara olaantummaa TPLF ture caalaa dargaggoota Oromoo irratti haalaan hammaatee jira. Namootni Firaa’oliin bakka inni jiru beektan ykn quba qabdan maatiin isaa waan barbaadaa jiraniif quba qabaachisaa.

 

#Inbox

“Obboleessa Artistii keeyeron dereje
Fira’ol Dereje jiraataa magaala Bishooftuu kan ta’e erga gaafa kibxata 26/5/2012 tti
achi buuteensaas hin beekamnee. Qaamni butees as jira hin jenne. Yoo argitan lakkoofsa kanaan nu beeksisaa. #0923821980.”


 

Walloofi ABO