Sirna Awwwaalcha poolisii Oromiyaa gaggeefamaa jiru Daangaa Oromiyaa osoo eeguu

Sirna Awwwaalcha poolisii Oromiyaa gaggeefamaa jiru Daangaa Oromiyaa osoo eeguu

#Amboo-Sirna Awaalcha goota #Caalumaa_Gutataa Osoo lubbuu Ummata isaa baraaraa jiruu wareeggamee guyyaa har’aa raawwateera.

20/3/2011

Sirna Awwwaalcha poolisii Oromiyaa Magaalaa Ambootti gaggeefamaa jiru Daangaa Oromiyaa osoo eeguu Dhiha Oromiyaatti Wareegamedha!
Biyyeen itti Haa salphatu! Maatii fi Hiriyootasaaf jajjabina haa kennu!

Darara Yigezu


Polisoonni Oromiyyaa Horro Guduruu magaalaa #shaambutti ilmaan Oromoo daangaalee Oromiyya irratti haala Suukkanneessaan ajjeefama jiraniif Ummata waliin hiriira bahuun sagalee isaanii dhageesisaa jiruu. Oromoo Mirgii namuumaa kee kabaajamuu qaba !

Waaqeffanaan Dhugaadhaa

Poolisoonni Oromiyaa waggoota as aanaa kana aarsaa guddaa saba kanaaf kafalaa jiru. Lola Abdi Ileen nutti baneen dhibbaatamaan wareegamanii daangaa tiksaa turan. Kalees har’as kan miidhaman rasaasaafi hidhannoo gahaa dhabuuni. Ummannifi MNO gootota kana lakkoofsa, hidhannoofi hamileen cimsuun dirqama keenya bahuu qabna. Maatiin earra wareegamees jajjabreffamuu qabu.

Jawar Mohammed


Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Mootummaan Federaalaa miidhaa lammiilee keenyarratti Hidhattoota Gumuz fi shira humnoota badiitin raawwatamaa jiru too’anno jala oolchuuf cimiinaan hojjechaa jira.

Tarkaanfii fudhachuus jalqabane jirra, bu’aa isaas walummaan kan ilaalu ta’a.
Yeroo gabaabaa keessatti furmaanni waaraa akka dhufuus ni abdanna.

Ummanni keenyaas tumsa isiinirra eegamu akka taasiftan isiin gaafana.

Horaa Bulaa Fayyaaf, Nagaya Nuuf Ta’aa.

BMNO Oromia President Office


Maaloo Aratti kiiloo?
Bara Minilikii fixamnee
Bara Jaanowi dhumnee
Bara Mellesii duunee,
Bara Abiyyiille yoo duune;
Maal nuuf godha angoonkee,
Yoo du’a nurraa hin dhaabne?