Adaamaa:Simannaa Jila ABO magaalaa Adaamaa guyyaa arraa Onk. 20-10-2018

Adaamaa: Simannaa Jila ABO magaalaa Adaamaa guyyaa arraa Onk. 20/10/2018

Qophii xumurree keessumoota Eega jirra: Sagantaa Har’aa Live Dabarsina Obsaan tooruma irratti nu Eega
#Istaadiyeemii Abbaabaa Biqilaa
#Adaamaa


ABO (ኦነግን) ለመቀበል በርካታ የአዳማ ከተማ ነዋሪዎች በሚያምር መልኩ ወደቦታው በማምራት ላይ ይገኛሉ።


Guyyaan nidarba.

1, Bara darbe yoona ummatni keenya daangaarraa karaa hundaan buqqa’aa jiran ture. Gargaarsi ummata keenyaa itti fufus doorsisaa hedduutu ture.
2,  Qabsoon qeerroo hanga lubbuu ufii itti wareeguutti finiinee deemaa jira ture.
3, Obbo Lammaafi Dr,Abiyyi haada diinaatiin sakaalamaa jiran ture.
4, Jawaar muhammad Tarsiimoon masakamna, qilleensa Oromiyaa nibilisoomsina jedhaa jira ture.
5, Abbaay Tsahayyee ilmaan Oromoo adamsaa jira ture.
6 , Ahbaash nama keenna wanjaluun sadarkaa qabataa jirti ture.
7, Miseensonni OPDO gariin lukkuu hanga lubbuutti jedhanii dhaadachaa oolaa jiran ture.
8, Artiistonni Oromoo diina dura dhaabbachaa uf wareegaa oolaa jiran ture.
9, Gareen Ustaaz Rayyaa abbaa maccaa doorsisaa jaraafi basaasamuu osoo beeku oduu jalaa dhahee ummata keenna gargaaraa jira ture.
10, Diinni akkatti biyya diigu shiraa xaxee abdii illee nutti taphachiisaa jira ture.
Har’a immoo qilleensa Oromiyaa bilisoomsuu bira dabarree Masaraa Mootummaas qaamaan dhuunfachuu biras tarree mirga sabaaf sablammiitiif,Afrikaa guutuuf nutu jira jedhaa jirra,Rabbiin akka fedhe hojjata.waan namaaf laate ufirra bulfachuun,kan hafeef yeroo laallachaa tattaafachuun mataa keenyarratti hafti,nugalti.maraafuu galata Rabbii dagachuun hintaatuu, Alhamdulillah jenne.