Simannaa Goota Salaale Garba Gurraacha Atileet Taammiruu Kaffaalotiif

Above Single Post

#Simannaa_Goota Salaale #Garba_Gurraacha Atileet Taammiruu Kaffaalotiif.

Salaaletti Uummanni Aanaa Kuyyuu fi Bulchiinsa Magaalaa Garba Gurraachaa Gooticha Olompiikii Riyoo kan ta’e Atileet Taammiruu Kaffaalotiif haala hawwataa ta’een simannaa taasisaniifi jiru. Atleet Taammiruun akkuma Atleet Fayyisaa Leellisaa Olompiikii Riyoo bara 2016 irratti dhiibbaa fi gidiraa uummata Oromoorra gahaa ture addunyaatti saaxiluun isaa ni yaadatama.

Atleet Taammiruun dhiyoo kana gara biyya abbaa isaa kan gale yommuu ta’uu guyyaa har’aas Aanaa Kuyyuu Magaala Garba Gurraachaatti simannaa hoo’aan taasifameefii jira.
Simannaa kana irratti Atleet Fayyisaa Leellisaa dabalatee Artistonni Oromoo kan akka Bosiyyoo, Tafarii Taaddasaa kan argaman yommuu ta’u Bulchaan Aanaa Kuyyuu Obbo Darajjee Danda’aa fi Kantiibaan magaala Garba Gurraachaa Obbo Tacaan Waaqjiraa argamuun baga nagaan dhuftan, anaa dhufu ittiin jedhanii jiru.

Magartuu Geetuu Warra Lolaa

OROMO MUSIC 2019 – Falmata Kabbadaa – Finfinee

Below Single Post

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.