SHUMII ABDALLAA (BIrraa Gammadiif) Hidahata Hojiisaa Alaaf Keessaa

SHUMII ABDALLAA (BIrraa Gammadiif) Hidahata Hojiisaa Alaaf Keessaa Tokko Tokko!

TAAJJABBII-Kutaa 161ffaa

Heexoo utuu hadha’uu liqumsu jedhan!

1. Harr’a nama harka isa dhiigi ilman oromoo jiru tokkon wal isin beeksisna! Yeroo amma kana maqa a Birra Gammadi jedhamuun beekama, “Birraan yeroo dheeraaf basaasa Wayyaanee ture; ammallee hin jijjiramne. Ijoollee Oromoo qulqulluu fi qabsaa’ota kan dabarsee kennaa ture, kan hisisaa, reebsisaa, dhiga isaanii dhangalaasisaa fi ajjeesisa ture dha. Akka odeeffataanko jedhutti ‘Nuti “Birraa” bara dheeraaf beeknna’ jedha. Sadarkaa addaddaattis wajjin mana barnootaa – unibarsitii dabalatee – turre. Hojii isaas tohachaa fi gorsas kennaaf turre. Kanaaf, “Birraa” akka gaaritti beekna. Yeroo dheeraf tohanna jala isa keenyee akka hubannetti, “Birraan” basaasa Wayyanee akka ture shakki malee isiniif mirkaneessuu dandeenya. Sababa lamaaf jechaa ragaa isa irratti qabnu hunda amma labsuu hin feenu: (1) Burqaa fi toofttaa (“Source and methods”) itti ragaa funaannu tikfachuuf jecha; (b) Yeroon itti mana murtii isa dhiheessinee murtii dilii isaan wal-qixxaatu itti murteessinu eegaa waan jirruuf jecha. Ha ta’u malee, hamma yeroo ammaa kanatti labsuun hojii keenya hin hubine armaa gaditti dhiheessina. Nu hofkalchaa!

2. Maqaan dhaloota isaa SHUMII ABDALLA jedhama.Yeroo tokkotti waggoota lamaaf maqaa “Birraa Abdii” jedhamuun sosso’aa ture. Isa booda ammoo maqaa “Birraa Gammadi” jedhamuun beekkama.Walumaa gala, hamma nuti isa tohachaa turretti maqaa sadii (3) qabaachaa ture.Yeroo-yeroo tti maqaa jijjiirachuun maaliif akka isa barbaachise akka barruu kana dubbiftaniin isiniif ifaa deema. “Birraan”, bara 2013 barnoota Saayikooloojii ykn Xiin sammuun Yunibarsiitii Jimmaa irraa eebbifame. Yunibarsiiti jimma irra erga ogummaa xin sammuun (psychology) ebbifame booda, hojii basaastumma isaaf akka tooluuf jedhame, leenjii teekniika ol-aanaa ta’ee, Finfinnee keessatti, mootummaa Wayyaaneen erga kennameefi booda, Finfinne kessatti manni moobayilii naannoo 22 (haya Hullet) jedhamutti banameefii Oromoo basaasaa turuu isaaf ragaa cimaa qabna. Kanuma dahoo godhachuun hojii inni Wayyaaneef hojjechaa tureef ragaa hedduutu jira. Akka inni itti biyyaa ba’ee Kaairoo gahe beekuun eenyummaa isaa baruuf ni gargaara. Birraan erga magaalaa Kaayiroo seenees diinummaa hamaa raawwateera. Erga kaayiroo seenees Oromoon kutaaf Amantiin walqoqqoduutti ka’e darbeessi addunyaa iratti wal jibbaan kun kan babaldhate dubbichi Cairo irraa eegale. Birraan namoota naannoosaa jiran qofa qindeessuudhaanis baruumsa xinsammuun isin barsiisa jechuun summii gandummaa fi Amantii barsiisaa tureera. Hojii basaastummaasaa dachaan dabaleetu jira. Haallis mijaa’eeraaf. Alaabaa KWO jelqaba kan qabatee hiriira refuge’ bara darbe fi kabajaa OMN waggaa darbe biyya Cairo’ tti kan qabatee ba’e isa dha. Garuu ani miseensa dhaaba kamuu miti jedhee afaaniin nama gowwoomsa!

3. Fincila “Master Plan” Finfinneen wal-qabatee ka’etti dhimma bahuun qabsaa’aa Oromoo of fakkeessuuf jecha draamaa hedduu hojjechaa ture.Fakkeenyaaf viidiiyoo fi suuraa gara-garaa akka qaama qabsoo ta’ee fakkessun gadhiisaa ture.Akkasiin ijoolle Oromoo hamma tokko of jala hiiriirsuu danda’ee ture. Har’a,“Birraa” irraa kan hafe, Ijoollee Oromoo qaqqaaliin kun hundi mana hiidhaa Wayyanee keessatti dararamaa jiru. “Biraan” fakkeessuuf jecha isaan wajjin hidhamee ture. Mana hidhaa keessa taa’ee suuraa harki isaa hidhamu argisiisu ka’ee tamsaase. Mana hidhaa guyyaa lama qofaa ture.Achii tika Wayyaane maqan isa ‘LEUL TAFERE’ jedhamun baafamee gara Sudaan erga ergamee booda yeroo gabaabaa keessatti Kaairoo dhaqqabe. Biyya Masiriis kan dhufe Wayyaaneef basaasuu akka ta’e shakkii hin qabnu!Wayyaneen maqa shororkeessumman qabdee nama guyyaa lamaaf hiitee isa booda gad lakkistee “Birraa Gammadii” fi basaasota ishii irra kan hafe amma yoonatti hin mulla’anne!

4. Mee yeroo Yunibarsiitii Jimma keessa turetti waan inni hojjechaa ture keessaa qabxiilee muraasa haa ilaallu. Barattoota daree isaa 21 ol ta’an, Yunibarsiitii Jimmaa keessatti ciccimoofi qabsoo Oromoo irratti wal gurmeessuun socho’aa turan, kan “Birraan” keessa ture, hundi isaanii, “Birraa” irraa kan hafe, bifa addaa addaan sababni itti omishamuun mooraa sana keessaa haqaman;ukkaamfamaniiachi buuteen isaanii dhabamee hamma yoonaa haatii fi abbaan isaanii imimmaan Waaqatti facaasaa jiru.

5. Har’a isaan hunda keessaa kan bakki inni jiru beekkamu “Birraa” qofa! Yeroo addaddaattis Yuniversiitii Jimmaa keessatti, naanno dudduuba Gamoo ‘Green Building’ jedhamutti, dukkana da’oo godhatee, galgala-galgala tikoota Wayyaaneef osoo odeeffannoo kennuu do’atamaa ture.Akkasuma, hoteeloota Jimmaa gara-garaa keessatti dhooksaan osoo humnoota tika Wayyaanee wajjin wal-arguu ragaa hedduun irratti funaanamee jira. Unibarsitii Jmmaa keessatti,hoggana pooliisii mooraa unibarsiitii kan ta’ee fi sanyiin Kulloo garuu nama afaan Oromoo dubbattu, nama Inspeektaara Kaaliid jedhamu, waliin walitti siqeenyaan hojjechaa ture. Lama ta’anii, yeroo gara-garaatti barattoota oromoo, kanneen haala barnoota fi siyaasan cimoo ta’an,maqaa gara-garaa itti kennun ragaa tokko malee moora keessa ariisisaa turaniiru. Warra kaninis“dhagaa darbartan” jechuun,warra kanin “ni hatan” jechun,kanin immo “dhugani macha’anii moora jeeqan” jechuun holola sobaa gara-garaa irattti geggessun, darbees ragaa ta’uun mooraa kessa ariisiissa turan.

6. Yunivarsiitii Jimmaa keessatti, nama maqaan isa YIGZAWU ATINAFU CHEKOL jedhamu, nama Yunibarsiitii gara-garaa seenuun yeroo addaddaatti gosa barnoota isaa geggeeddare barachaa hojii tika mootummaa wayyaanee hojjetu waliin ta’uun, sochii qabsaa’ota Oromoo basaasanii Wayyaaneef akka dabarsaa turan bira geenye. “Birraa” fi YIGZAWU moora unibarsiitti kana keessatti waan fedhan gochuu danda’u turan. Fakkeenyaaf, yeroo lama barattota Oromoo humnaan gudeedanii adaba tokko malee hafan. Kan duraa, bara 2012 keessa, barattuu seeraa wagga shanaffaa kan turte yeroo taata, lammaffaan, bara 2013 keesa, barattuu electrical engineering waggaa 2ffaa turte. Yeroon isaan itti gaafataman ni dhufa! Kana irratti shakkii hin qabnu! Mooraa Yunibarsiitii Jimmaa kessatti barataan Oromoo hundi akka qaroo ija isaanitti kan ilaalanfi Gumii kaayyoo guddaf hundeffame – Gumii Dagaagina Aadaa fi Seenaa Oromoo (GDASO) – jedhamu keessa seenuun ergama Wayyaanee ta’ee osoo inni oddeeffannoo diinaaf dabarsuu fi tokkummaa miseensota Gumii kanaa jeeqaa jiruu itti dhaqqabame.

7. “Birraan” kana dura nama maqaan isaa ‘Mahaammad Tufaa Barisoo’ jedhamu, yeroo ammaa biyya Sudaan jiraatu, waliin ta’uun yeroo ‘Kadir Martuu’ biyya Sudaan deemee turetti, odeeffaannoo guutuu waa’ee Artistii kanaa itti siqiinsaan sirriitti waan beekuuf waan tokkollee otoo hin hambifatiin dabarsee kennuudhaan mana hidhaa keessatti gidirsiisaa tureera.Inni kunis isa hanqannaan yeroo inni mana hidhaatii gadi dhiifamee gara biyyaatti deebi’u immoo toora miidiyaa fi garee adda-addaa irratti yeroo tokko“Kadir Martuu habashaa ykn Amaara” jechuun yeroo biroo immoo “rakkateera qarshii gargaaraa” jechuun lammiiwwan Oromoo waliin dhahaa ture. Kana malees Birraan, atileetoota Oromoo,artistoota Oromoo,abbooti qabeenyaaf namoota bebbekamo Oromiyaan qabdu basaasuuf dirqamni wayyaanen itti kenname ture. Haaluma kananis iddo isaan argaman hoteelota bebbekamo fi akkasuma iddoo hojiif leenji isanitti argamuun hojii basastummaa isaa geggessaa turera; Birraan ergama isa xumure tika wayyanee kan ‘professional killer’ (Dhalataa Oromoo arge ajjeesuun nama beekamu) nama maqan isa ‘Leul Tefere’ jedhamun gargaramun Sudaan ga’ee..namni LeulTeafere jedhamu kun lammile Oromoo heedduu, Sudaan, Jibuutii fi biyyota ollaa hunda keessatti ukkaamsuun beekama. Yeroo dhiyoo dura lammilen Oromoo biyya keeniyaa keesatti ukkamsamanii achi buuteen isaanii dhabames namuma kanani,waa’ee LEUL TAFERE saganta biraan itti deebina,

8. Birraan erga ‘egypt’ seenee booda yeroo lammilen Oromoo hiriira naga ba’an gocha basastumma isa geggessuf osoo jedhuu qeeroon rukutame miidhamee ture; yeroo Birraan miidhame sanas GOFUNDING iratti nama ‘Fiixaa Mootii’ (Dhalataa biyyasaafi yeroo amaa kana nama Jawar Mohammed’n gargaaree namoota miidiyaarratti nama baaraa oolan kana qindeessuurra jiru) jedhamun yeroo amma OMN keessa jirun mallaqi walitti qabameef, Birraan leenjii basastumma ga’aa waan qabuuf,mallaqa sana hin ballessine,Meeshalee barbachisan bitachun ‘BIRRA SHOW’ jedhee jalqabe. Sananis gocha basastumma isaa daran jabeesse jira. Egaa harki tika wayyanee ‘Leul Terefe indirectly OMN seene jira,fixa motif bukke,kanas saganta biran qabanne dhiyaanna.kanuman wal qabatees biyya Masir iddoo itti basastonni Wayyaanee itti wal ga’an taate jirti. Dhiiga Oromoo dhangalasani, Masiritti tikoota wayyane achi jiratan maqan isa MUHIDDIN SHIFA nama jedhamun haalli qinda’eefi mijataaf,yeroo dhiyoo as shira wayyanen hojjetten dhiiga Oromo dhangalasani kan ba’an Birra bira boqotani jiru. Kana qindeessuu keessattis daayirekteerri OMn gahee guddaa qaba (Isa booda baldhinaan barreessina). Birraan Cape(malayyo) hojjechisuun raabsaa turera. Biyya Afaan Oromoo dubbachuun yakka ta’ee keesatti Birran hojii barbade qajelfama tikoota wayyaanee irraa fudhachun dalaga tureera. Kan nama gaddisisuu Birran yeroo ‘cape/Kooffiyaa kana gurguruu, ijoolleen cape’ kana bitani uffatan marti mana hiidhaa seenaniiru. Hedduusaaniis eessa buuteen isaanii amma hinbeekaman. Birraan nama qabxii barnootaa gadi bu’aa qabu ta’us dafee gara hojii daldalaatti seenuufi mootummaa wayyaanee faana hojjechuun yeroo itti hinfudhanne. Hootela barbaade seenee nyaata; abbaa barbade waliin oola. Magaalaa Finfinnee Afaan Oromoo dhiisii waan baayyeen itti xaxaa ta’e keessatti inni nageenyummaansaa eegameefi socho’a Miidiyaa OMN faanas hariiroo gaggaarii qaba.

9. Birraa Gammadiif yeroo ammaa kana haalli gaariin warra Amarikaa keessumaa gara Minesotaa jiraataniin qindaa’eeraaf. Dubara Amarikaadhaa arganiifiitu isheenis bakkuma baqaa iddoo inni jiru dhaqxee gaa’eelaan waliigaluun haalli mijateeraaf. Mucaas argateera (Waaqayyo mucaa nuuf haaguddisu jenna). Dabalataanis baatii xiqqoo booda adeemsa xaxaa kamillee tokko malee biyya Amarika akka seenaa jiru ragaan harka nuga’e ifa godheera. Haati manaasaas nama waggaa 13 f biyya alaa kana jiraatte yoo taatu, bara darbe biyya Kaayiroo deemuun Birraa faana waliigaltee Gaa’eelaa Xumuratte. Namoonni inni ajjeesisaafi hidhaa ture biyya keessaa harka diinaan dararamaa jiraatanis isaaf biyyi bareedaan qophaa’efi simannaan addaa godhamuufiif jira.

10. Seenaa “Birraa” fi ragaan nuti isa irratti yeroo dheeraaf funaanaa turre hedduu fi kan kitaaba sadii ta’uu danda’u. Kan ummatin Oromoo hubachuu qabu, akka Wayyaaneen qaroomaan itti nu seentee odeeffannoo funaanuun qabsoo keenya balleessuu yaalttu fi jaallan keenya qaqqaalii galaafattu dha.Toofttaa ishee keessaa inni duraa, namoota keenya kanneen garaa isaaniif bulanitti dhimmi bahuun. Kanneen akka “Birraa”, kan ragaa irratti funaanaa turre fi jirru hedduu dha. Akka haalli fi yeroon mijateetti, akka ummatin Oromoo isaan irraa of eeggatuuf, saxiluun keenya itti fufa. Dhaamsi “Birraaf” qabnnu inni dhumaa, hojii isaa kana dura hojjechaa ture hunda ummataaf saaxiil baasee, namoota isa waliin qabsoo bilisummaa Oromoo fi ilmaan Oromoo basaasaa turan hunda saaxil baasee, ummata Oromoo dhiifama akka gaafatuu dha. Yoo dhaamsa keenya kana dhagahuu kan didu tahe bakki inni dhokatee haqa (justice) Oromoo jalaa bahu ha hubatu. Bakka inni dhookachuu yaalu hunda keessaa baasnee,tarkaanfii manni murtii keenya itti dabarsu iratti fudhanna! Hojiin nama kamiiyyuu yakka taasiisaa jiruuf ragaafi seenaan irratti qindaa’aa jira. Namoonni isin har’a midiyaarratti akka Xiinxalaatti ilaaltan hundi gocha suukkaneessaa diinaan harka walkeessa xaxatanhedduu qabu. Sun harka nugalee jira. Basaasota Wayyaanee Oromoo kessaa ni qulqulleessina!

OROMOO! Taajjabbiin kanan gadi ba’eef yeroo narraa hafee miti. Akka barreessaa tokkootti yeroon qorannoolee kana ifa gochuuf fixutti kitaaba hedduun katabuu danda’a. Akka baqataa tokkoottis hojjedhee ofin jijjiira ta’a. Haala naaf hinmijannee keessa akka jiru Oromoon qaamaan abeekaniif naannookoo jiran ragaadha. Haata’u malee, dabni nugidduu jiru hedduudha. Waan lafti hinbaanne hedduut qindaa’ee na harka jira. Qorannoonkoo gola hedduu seenuuf jira. Kanatu garbumama nurra turse. Namoonni muraasni akkasiin gandaan ijaaramanii haala waliif mijeessu. Ququlluun dhiiga Ilmaan oromoo garuu akka lolaa dhangala’aa jira. Dhangala’uufis jira. Maqaa qabsootiin aktvistoonni faayidaan haadha isanii oromiyaa gurgurataa turan hedduudha. Mooraa qabsoo kan laamshesses isaanuma kana. Kan kana katabnuuf kan buddeenaaf jedhee dhiiga Oromoo qulqulluu saroota dhugsiisaa jiru akka irraa baratuufidha. Warreen gandaaf amantiin ijaaramanii ala kanatti namoota naannoo isaanii biyya alaatti guuran obbolaasaanii godinoota biro qabsoo Kanaan caccaban maaf dagatan laata? Namoonni oromoorratti daba hamaa geggeessan kunneen sabboonummaa kan dagaagsan fakkaatanii yeroo baayyee bifa isaanirraa hinbeekamneen socho’u. Face book SHUMII ABDALLA (Birra Gemmedi) https://www.facebook.com/birrachology?fref=ufi

Warreen Girmaa Xurunaa (Double agent) wayyaanee jechaa jirtanis mee isa kanas itti dabladhaa! Shiroonni Girmaa Xurunaa caalan hedduun kan Aktvistootaafi Namoota diyaasfooraa amma miidiyaa hawaasaarra nama bobbaasaniin ijaaraman hedduurratti ‘TAAJJABBII’ hojii qulqulleessuu dalagaa jira.

HUB. Taajjabbiin kana booda xiqqoo waan walxaxaa ta’etti cehee jira. Nama tokkorraa haaloo hinqabu. Dhumaatiin dhaloota keessaa ba’ee dhufee garuu boqonnaa naaf hinkennu. Ilmaan hiyyeessaa haati qoraan gurgurtee barsiifattetu mana hidhaatti dhumaa jira; rasaasaan waadamaa jira; kaan garuu gocha isaanii kanaan coomee jiruu mijeeffataa jira.

Via Beekan G Erena