“Shiftaan hidhame, miidhame jechuun hiika hinqabu…kan karaa biraan dhufuuf Qawweedhaan deebii laanna” Yaadni jedhu Muummicha Ministeeraa Xoophiyaa Dr. Abiyyi biraa dhagaa’amaa jira.
Hedduu natti dhagaa’ame. Dubartii ulfatu hidhamaa jira. Haadhaaf daa’ima addaan baasanii Harma irraa kutanii haadha mana hidhaa kahaa jiru. Dubartiin ulfi eessatti shiftite?.
Abbaa gadaa Koree Teknikaa ta’antu Lixa keessaa, Iluu Abbaa Boor keessaa hidhamaa jira. Abbaan Gadaa shiftaadhaa?
Maanguddoo ganna 70 oliitu hidhamee Sanqallee jira. Jaarsa dulluma keessaa kanatu shiftaadhaa?
Sheekota Amantaa Musiliimaa gaggeessantu hidhamee jira. Qaamni ergama amantii qabatee amantii babal’isuuf deemu shiftaadhaa?
Qeesota Waldaa gaggeessantu hidhamee jira. Qeesiin uummata gaggeessu shiftaadhaa?
Hiikkaan shiftaa maali? Shiftaan maqaa eenyuuf mogga’udha.
Qabeenya Qote bulaa Oromoo gubataa jira. Kana itti gaafatamaan Liigii dargaggoo KFO obbo Addisuu Bullaallaa VOA Afaan Oromoo’f yaada laatee jira. Uummatni Oromoo Gujiis fi wallagaa waraana mootummaa himataa jira.
Mana Qote bulaa gubanii mana shiftaa gubne jechuun hiika maalii qabaa?
Qabeenya Qote bulaa barbadeessaa, kan shiftaa barbadeessine gaafa jedhamu mootummaan eenyu waliin jiraachuu barbaada?
Mootummaan uummataan Shiftaa erga jedhee eenyuun gaggeessaa? Uummata miliyoonaan lakkaa’amuuf maqaan shiftaa erga laatamee eenyuu waliin bulaa?
Muummicha Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahemad faa, balbala Dimokiraasii banan jedhamanii abdataman. Balballi dimokiraasii banamuu jechuun uummataaf maqa hinmalle moggaasuu miti. Balballi dimokiraasii banamuu jechuun, Mormitoota farrajuu miti. Dirreen dimokiraasii erga bal’atee jiraatee namuu akka itti dhagaa’ametti yaada isaa karaa nagaa haa ibsatu kan jedhu Dimokiraasii yoo ta’u heeraaf seera biyyattiin raggaasifamee jira.
Amma qabeenya uummataa gubuun shiftummaan utuu qaama mana uummataa gubuuf hinlaatamin uummata manni isaa gubateef maqaan shiftaa laatamaa?
Afaan Qawween hindeemnu jechaa, afaan Qawween deebii
Deebii naa kenni mee Dr.Henok G. Gabisa????? Kun sobaa?????
The level of contempt and arrogance the PM has is off the charts There were serious military people who advised him to stop wearing unofficial military uniform on his military duty as commander in chief (he can wear it at home by the way). Mind you, it is illegal in Ethiopia to wear any unofficial military uniform. He still wears an illegal and unofficial military uniform on his military duty while appearing with member of the military. The guy thinks he is above the law.
Kaaraa abbaan baase ilmi irra deema.
#Amboo
Hidhaan Sabboontota Oromoo akkuma itti fufetti jira.Dargaggoo #Farajaa Geetaachoo ji’a tokkoon dura mana hidhaatii kan bahe kaleessa tika mootummaan qabamee jira.
Hidhuun fala hin fidu gaaffii Oromoo deebisaa.
#የኦህዴድ_ለውጡ_ከሽፏል_ብንል_መገናን_አይሆንም ።
We need last Oomo #Revolutions before too late.The Tigray OPDO’s must stop killing and imprisoned Oromo people now……….….
#Justice_for_Oromo_and_Sidama_people.
The end of #OPDO_coming_soon !!
