Seife Nebelbal Radio, Oromo News in Amharic, Mudde 23, 2017

Seife Nebelbal Radio, Oromo News in Amharic, Mudde 23, 2017F

Mudde 23/2017 Godina Harargee Lixaa Mi’eessoo Araddaa Bareeddaatti Waraanni Makalakiyaa wayyaaneefi Liyuu poolisiin Somaalee uummata Oromoo irratti dhukaasa banaa jiraachuun dhagaahame. Ganama har’a waraanni wayyaaneefi liyuu hayiliin Somaalee Uummata Oromoo Mi’eessoo naannoo Araddaa Bareeda irratti dhukaasa bananiin ilmaan Oromoo maddeessani jiraachuu maddeen dhamaniru.
Uummatni Oromoo Harargee Lixaa Mi’eessoo Araddaa Bareedaa tarkaanfii of irraa ittisuu fudhataniin waraanaa liyyuu hayilii Somaalee irraa namoota sadii ol wareeganii jiraachuufi hidhannoos irraa hiikkatani akka jiran maddeen ifa godhaniru. Haala kanaan yakki waraanaa uummata keenyarratti itti fufinsaan adeemaa jiraachuufi uummaatni keenya diinaan waldhansoo jabaa qaba jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun ibsan. gabaasaa dabalataan walitti deebina.


Oromia News Network – ONN


Waraanni Makkalaakayaa Wayyaaneetiin Oromiyaa irratti baname guyyaa guyyaatti nama hedduu nurraa galaafataa jira. Joolleen Oromoo waraana Makkalaakayaa keessaa eessa jirtu? Jirtu moo hin jirtani?????????
===============
“Makkalakayaan maqaa liyyu Poolisii dahate ummata keenya fixuu har’as itti fufee jira. Weerara guyyaa har’aa Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee Araddaa Gammachuu irratti banameen ilmaan Oromoo shan wareegamanii namni tokko madaayee jira jiru. Isaanis

1. Abdii Xahaa
2. Abdallaa aliyyii
3. Yuusuf Qaasim
4. Aliyyii Ibroo
5. Ibraahim Abdullaahii

Xahaa Jundaa ammoo ni madaaye.”
Yaya Beshir