Seerfaan Oromoo
keesqaama =anatomy
Keesqaama dubbii Afaan Oromoo rakkina “Malqooqa”* malee.
( The anatomy of smooth Oromo speech without having the defficulties of modifier alphasyllabaries such as in Amharic language and too many diacritics in abjad Arabic language )
- Qubee = ( Alphabet/letters ) A-Z.
- Dubbachiisa = ( Vowel ) a, e, i, o, u.
- Dubbifama = ( Consonants ) a, e, i, o, u irraa kan afan qubee hunda.
- Jabaa = ( Gemination ) -tt, -gg, -ww, -dd, -ff, -rr, -bb, -nn wkf.
- Dheeraa = ( Digraph ) -aa, -ee, -ii, -oo, -uu
- Gocha = ( Verb ) deemuu, rafuu, dubbachuu, fiiguu, nyaachuu, waamuu wkf.
- Jecha = ( Word ) mana, deemuu, laga, fiiguu, owwaachuu, qilleensa wkf.
- Hima = ( Sentence ) haasaa guutuu tokko. Fk.: “Ati essaa dhufte ?”
- Maqaa = ( Noun ) maqaa hunda. Fk.: mana, nama, gaara, horrii, saawwa wkf.
- Maqibsa = ( Adjective ) jecha maqaa ibsu. Fk.: “mana guddaa ( maqibsa)”
- Gochibsa = ( Adverb ) jecha gocha ibsu. Fk.: “ani fiigaan ( gochibsa ) dhufe”
- Waqabduu = ( Conjuction ) fi, iddoo, waan, garuu immoo, haa ta’u malee wkf.
- Boodabu’oo = ( Postpositions ) irra, jala, fuuladura, duddaduuba, bukkee, keessa wkf.
- Abbummee = ( Possessive ) koo, kee, kasaa/kashee, keenya, keessan, kasaanii
- Maqdhaal abbummee = (Possessive Pronoun) kooti, keeti, kasaati/kasheeti
- Maqdhaal namee = (Personal Pronoun) an, ati, inni/isheen, nuyi, isin, isaan
- Gosii = ( Conjugation/inflection ) fiiguu: ani fiiga, ati fiigda, inni fiiga, isin fiigdu wkf.
- Birsag = ( Syllable ) ma-na, Mu-gar, shan, sa-ddee-ta-ma, xa-xxaa-xauu wkf.
- Gocha ce’u = (Transitive Verb) nyaachuu, cabsuu, rukutuu, waamuu, hojjechuu wkf.
- Goch’n ceene = (Intransitive Verb) kolfuu, qufa’uu, aaruu, fiiguu, gammaduu, sirbuu wkf.
- Raajeffannoo =(Interjection)Safuu !, Yaa Waaqayyo ! Raajiidha !, Ajayiba !, Banne !wkf.
- Yeroota = ( Tenses )
- yeroo amme fuftuu.
- yeroo amme baaqqee
- yeroo qaate baaqqee.
- yeroo qaate fuftuu.
- yeroo qaate dhi’oo.
- yeroo qaate duree.
- Yootuu = ( Conditional ) yootuun gosa 3 qaba. Isaanis akka kana: Fakkenyaaf,
- yoo bokkaan roobee ani manan tura.( tarii, ykn yoo agarsiisa ) ammee fi egeree.
- utuu bokkaan roobee ani manan tura. ( hawwii agarsiisa ) kunis ammee fi egereedha
- utuu bokkaan roobe ta’ee ani manan tura. ( yeroo darbe keessa hawwi utuu hin
- guutamin hafe ) qaatee.
- Maatima =( Subject)Goondeen loon tiksa. Asitti Goondeen maatima. (nama waa godhu)
- Aantima =(Object ) Goondeen loon tiksa. Asitti loon aantima. (waan hojiin irratti deemu)
- Aantima kallatii =(Direct object) Ani kitaabanTolaaf erge.(kitaabi aantima kallatiiti )
- Aantima alkallatii =(Indirect object) Ani kitaaban Tolaaf erge.(Tolaan aantima alkallatiiti)
- Jecha dachaa =(Compound word) Mana fi barumsa=manabarumsaa, mana fi buna=
manabunaa, mana fi hakiimii= manakiimii - Maqdhaal = (Pronoun) Eenyu, eenyuun, kan eenyuu, kam.
- Maxxanoo =(Suffixes) Isaanis akka gajjalaati barreefamaniidha:
-s = ( too ) Akka, “anis asin jira”
-dha = ( is ) Akka, “kun gaariidha”
-a = (from) Akka, Tolaan manaa dhufe, inni biyyaa dhufe,
-dhaa = (from) Akka, “gabaadhaa, Awuropaadhaa, Begiidhaa. (dubbachisa dheeraaf )
-ii = (from) Akka, Galaanii dhufe,Koborii dhufe, Frankfurtii dhufe, Adanii dhufe.
-dhaaf = (for ) Akka, Tolaadhaaf kenni, bokkaadhaaf jedheen hafe.
-f = (for ) Akka, Tolaaf kenni, sababa kanaaf, Waaqaaf jedhii !
-illee = (even)Akka, innillee hin dhufne, anillee hin dhageenye, qilleensillee ni bade.
-yyuu = (even)Akka, inniyyuu hin dhufne, aniyyuu hin dhageenye, qilleensiyyuu ni bade.
-nqee = (-less)Akka, goblanqee, miillanqee, yaadanqee, firanqee, qalbinqee
-hoo = (and)Akka, atihoo ? Innihoo ? Kunihoo ?
-tu = (self ) Akka, anatu fide, bokkaatu dhufe,
-faa =(those of….)Akka, Tolaafaa, mukafaa, arbafaa, nyaatafaa, dhugaatiifaa
-ti =(possessive)Akka, kan manaati, kan kooti,
-a =(possessive)Akka, mana namaa, kottee fardaa, killee indaaqoo
-dhaan=(by)Akka, xiyyaaraadhaan, makiinaadhaan, eeboodhaan, (dubbachiisa dheeraaf)
-an =(by)Akka, miillaan, fardaan, mukaan, gaafaan, harkaan, ijaan, guyyaan
-tiin =(by)Akka, makiinaatiin, ulleetiin, qawweetiin,
-ree = ( tag question )Akka, kanaree ? Anaaree? Eenyuree ?
-uma = (ones self )
-umatu= (ones self)
Beka
*Mallatoo qooqaa = Waggootii 30 dura Qubeen mallatoota adda addaa mataa irra kaa’uudhaan dhimma ba’maa ture.
Great! Thank you.