Seenaa namaa dhoksuun gaarii miti!

Seenaa namaa dhoksuun gaarii miti. Abiy Ahmad haadha hidda dhalootaa Amaaraa qaban, kan amantii ortodoksii hordofan irraa dhalatan. Abbaan isaanii Oromoo amantii Musiliimaa hordofanii dha.
Abiy haadha warraa sabaan Amaaraa taate fuudhan; amma amantii pirotistaantii hordofan.

Ragaan kun guyyaa badhaasa Noble Prize fudhatan, seenaa isaanii dubbifame keesaa kan fudhatamee dha.


Oolmaan kee Oromoo biratti kabajaan jiraata.
Hattoonni qabsoo Oromoo gananii, Wayyaanee/OPDO jala fiigaa turan, kaleessas har’as amala hin jijjiirranne. Akkuma baran kijibaan daldaluu barbaadu; yeroon itti qaana’an fagoo hin ta’u!


(Oromedia, 24/06/2020) Manguddoon waggaa 95 bilisummaa Oromoof hidhaa keessa jiran.

Godina Booranaa Aanaa Gomoolee Ganda Dhaddacha Quufaatti waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta jechuun waraanni mootummaa mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Dhaddacha Quufaatti namoota hedduu waliin hidhanii jiru.
Manguddoo kunuunsi maluuf hireen isaa Hidhaatti dararamuu taateef.

Oromummaan daa’imaa hanga Manguddootti wareegama kaffalchiisaa jira.


Uummatni keenya waloodhaan akka adeemaa as ga’e waloodhaan fuulduratti tarkaanfachuu yoo barbaade akkaataan inni itti bocaa fi qabiyyee waan kan isaa fi kan isaa hinta’in itti walittii fi diinatti himu daangaa qabaachuu qaba. Keessumatti qabiyyeewwan seenessa (narrative) ibsituu eenyummaa Oromoo fi diinota Oromoo irratti tu’annaa guutuu qabaachuu qaba; dammaqinaanis eeggachuu qaba.

1. Fakkeenya tokko yoo fudhanne, Minilik seenessa ibsituu diinota Oromoo keessatti diina, kun waan beekamaadha. Lakki jedhee gaafa tokko oluma ka’ee fafakkeessuu barbaade gad taa’i jechuu danda’uun kan uummatichaati. Gad teesisuu dadhabnaan ykn fedha dhabnaan qabiyyee seenessa biyyoolessaa ofii irratti tu’annoo hinqabu jechuudha. Namni aliinis Afaan Oromoo waanuma dubbachuu danda’e qofaaf gaafa wantoota kana fedha uummataan ala jijjiiruuf yaale akkasuma gochuutu irraa eegama. Keessumatti namoonni aangoo mootummaa irra jiran ykn namoonni bebbeekamoon gaafa waan akkasii kana yaalan ofirraa deebisuun barbaachisaadha. Bara Addisuu Araggaa seenaan Aannolee soba jechuu yaale Oromoo akkamitti alangaadhaan waxalee ari’e yaadadhaa.

2. Abiyyiin ganamaan didnee dhimmootni kokkee qabneef tokko isa kana. Ashaagreen ilaalchaan, yaadannoo fi hiikkoo seenaaf laatuun, gochaanis Nafxanyaadha. Oromummaan dhiiga qofaa miti, dammaqina yaadaa (consciousness) dha, dhimma qorqalbiiti. Ashaagneen Nafxanyaadha, mootummaan isaas mootummaa Nafxanyaati. Mootummaan Ashaagree erga mootummaa Nafxanyaa ta’ee kan Oromoo ajjeesaa jiru Nafxanyaadha malee Oromoo miti. Oromoon Oromoo ajjeesaa jiru hinjiru. Oromootu Nafxanyaaf ergamee Oromoo ajjeesaa jira jechuu yoo barbaanne inni bara Minilikis tureera. Ijoon dubbii abbaan sirnichaa eenyu isa jedhu malee eenyutu mindeeffamee hojjetaa jiraa miti.

3. Oromummaan akka waan dhiigaan argamuu fakkeessinee walitti himuun hinta’u, seenaa Oromootiin wal faallessa. Oromoon saba guddaa kan ta’e, biyya guddaa hamma Oromiyyaa guddatu dhaabuuf kan milkaa’e bocaa fi qabiyyee Oromummaa irratti waan tu’annaa qabaateefi. Abbaan isa kana baruu barbaade seenaa babal’inaa fi qubsuma Oromoo gad taa’ee hadubbisu, habaratu. Goobanaan diina kan ta’e dhiigaan Oromoo waan hintaaneef miti, qorqalbiidhaan akkasumas gochaan waan Nafxanyoomeefi. Jaagamaa Keelloo kan Oromoo waraane dhiigaan waan Oromoo hintaaneef miti, dammaqina yaadaa fi gochaan waan Nafxanyaa ta’eefi. Warra dhiigaan osoo Oromoo hintaane sabboontota Oromoo ta’anis kaasuun ni danda’ama. Oromummaan qabiyyee qaba, himamuu danda’a, ibsamuus ni danda’a. Fakkeenyaaf, namni tokko dhiigaan Oromoo ta’ee utubaawwan hawwii biyyoolessaa Oromoo bebbeekamoo ta’an irratti kan hinfudhanne yoo ta’e, akkaataan inni itti seenaa Oromoo hubatuu fi hiikkatu isa uummatichi itti amanuun tasumaa faallaa gaafa ta’e, sirumaa as garagalee isa kana diiguun qaba gaafa jedhe, isa kanarras darbee gochaan waan uummata Oromoo miidhu gaafa raawwate bakka dhaabbattee namichi kun Oromoodha jettuun hinqabdu.

Sababiinsaa, yaadaa fi gochaan ani Oromoo miti jedhaa jira. Oromoon akkuma sirna ittiin orma moggaafatee Oromsu qabu sirna ittiin gosa keessaa nama ari’us qabaachuu hindagatinaa. Qabiyyeewwan Oromummaa uummatni Oromoo baroota dheeraadhaaf ittiin jiraate abbaan barbaade ammuma ka’ee waan barbaade gochuu kan danda’u yoo nutti fakkaate dogongorreerra. Kanaaf, uummatni Oromoo abalu Oromoodha, abalu Oromoo miti jechuuf safartuu qaba jechuufin jedhe. ‘DNA’ qorachiisuu hinbarbaachisu, sartifikerta hinbarbaachisu; sartifikeetni dammaqina yaadaati, qorqalbiidha, gocha.

4. Minilik Nafxanyaadha jennee waliigallaan Abiyyis Nafxanyaadha. Minilik abaaraa Ashaagree isa yaadaa fi gochaan ani Nafxanyaadha jedhee fooricaa oolu Oromsuu hindandeessu. Abiy Oromoodha jechuun dogongora. Akka kiyyatti, ‘Abiy dogongoreera’ jedhanii dubbachuun matumti isaa dogongora. Oromoon Biraanuu Naggaa fa’iin dogongorteettaa karaatti deebi’i jechuu ni danda’aa? Hindanda’u. Akkuma uummatni Oromoo hawwii biyyoolessaa qabu, akkuma jaarmiyaaleen Oromoo kaayyoo ofii qaban jarris kaayyoo ofii qabu, kaayyoo isaaniif hojjetaa jiru. Abiy kaayyoo ofii isa manaa ba’eef hojjetaa jira. Akkuma yaadaa fi gocha isaa irraa baroota lamaan darban kana keessa ifatti mul’ate kaayyoon Abiy kaayyoo Nafxanyaati. Haala amma keessa jirru keessatti namni yaadni fi Abiy daangaa ibsituu Oromummaa keessa jira jedhee falmuu barbaadu warra sababuma malee waan kana falmuuf mindeeffamaniin alatti namni biraa Oromoo keessa jira natti hinfakkaatu.

Abiy Nafxanyaadha, kaayyoon isaas kaayyoo Nafxanyaati, kanaaf daangaa Oromoo keessa dhaabbattee akka waan inni daangaa Oromoo keessa jiruu sitti fakkaatee ykn utuu beektuu namatti fakkeessuuf dogongoree jira jechuu hindandeessu. Abiy dogongore jechuun matumti isaa dogongora jechaan jira. Kan dogongore eliitii Oromooti, Abiy miti. Abiy Nafxanyaadha, yaada Nafxanyummaa isa ittiin ka’e hojiitti hiikuuf dhama’aa jira. Isa kam dogongorri? Waan fakkaachuu hindandeenye tokko fakkeessuu hindandeenyu.

5. Kana booda mooraa qabsoo Oromoo keessaas ta’e alaa utubaalee seenessa biyyoolessaa Oromoo yaadni tuqu gaafa ka’e dubbannee wal sirreessuun dirqama. Fakkeenyaaf, namoonni warraaqsa Oromoo baroota 2014-2018 keessatti bebbeekamoo ta’an (hooggantoonni siyaasaa, aktiivistoonni, aartistoonni, abbootiin qabeenyaa, Abbootni Gadaa, jaarsoliin biyyaa, walumaagalatti eliitiin Oromoo) kaleessa ‘revolutionary’ turan erga bara 2018 as carraa argatanii yoo qabeenya horatan, yoo daldaltoota gurguddoo ta’anii ba’an sun mataa isaatiin rakkoo natti hinfakkaatu. Akkuma kaleessaa uummata ofii jaal’achuu malu, akkuma kaleessaa uummata ofiif quuqamuu fi kabaja qabaachuu malu.

Qabeenya horachuun isaanii Oromoo fayyaduu danda’a. Haata’u malee akka kaleessaa sana ‘revolutionary’ ta’uu tasumaa hindanda’ani, lakki ani akkuma kaleessaan jira jedhanii fakkeessuun irraa hin eegamu, yoo fakkeessanis uummatni isaanii isa isaan kaleessa dubbatanii fi hojjetan waan beekuurf soba ta’uun isaa ni irraa beekama. Wanti ifa jiru tokko jarri kun bakka kaleessaatti argamuu hindanda’an. Akka kaleessaa yaada uummata isaanii buruqsanii dubbachuu hindanda’an, dhukkubbii uummata isaanii jabeessanii himuu hindanda’an, akka kaleessaa mootummaa ifachuu, itti dheekkamuu hindanda’an, akka kaleessaa uummata mormiif kakaasuu hindanda’an; luugamatu itti jira, luugama jabaataa. Kanaaf, jarri kun eenyummaan isaanii inni kaleessaa ‘revolutionary’ ta’e sun isa har’aa sana irraa baayyee fagoodha. Jarri kun har’a abboota qabeenyaa sabboonoo ta’uu danda’u, garuu akka kaleessaa dhaabbii ‘revolutionary’ ta’e qabaatanii uummata ofii hoogganuu hindanda’ani, akka waan danda’anii fakkeessuus hinqabani, fakkeessuu yoo yaalan illee ni mul’ata; sababiin isaa dhaabbii isaanii isa kaleessaa waliin gaafa wal cinaatti ilaalamu takaallaa cimaa akka takaalaman ni mul’ata. Qalbeeffadhaa, eliitiin warraaqsa Oromoo sochoosaa turan qabeenya horachuun badiidha ykn fokkuudha jedhaa hinjiru. Qabeenya horachuun isaanii homaa badii hinqabu, sirumaa qabsoo uummatichaaf faayidaa qabaachuu mala. Garuu dhaabbii kana lamaan (isa yeroo warraaqsaa qabaataa turanii fi isa erga qabeenya horatanii uummatan) araarsuun baay’ee rakkisaadha, sirumaa araarsuuf yaaduun ni danda’ama gaafa ta’e.

‘Businessman’ taatee dhokattee qabsoo deggaruu malee akka isa kaleessaa sana ‘revolutionary’ ta’uu hindandeessu; akkasitti of mul’isuuf yaaluunis sirrii miti. Uummatnis eliitota akkasii bakka kaleessaa sanatti eeguu hinqabu. Akka kaeessaa naaf dubbatanii qabsoo irratti hooggansa naaf kennu jedhee eeguu hinqabu, sun gowwummaa fiixaan ba’aadha. Bakkuma jirtu sanatti waan dandeesseen uummatakee bira dhaabbachuutu fala; bakka kana dhaabadheen bakka kaleessaa sanas dhaabbadha jedhanii yaaduun garuu eliitota akkasiifis ta’e uummata isaaniif bu’aa buusu hindanda’u, faallaa kanaatiin garuu burjaajii uumuu ni danda’a. Na hoofkalchaa.

#Abiy_Must_Go.

~by Etana Habte.