Seenaa Gabaabaa Getaachoo Baalchaa.

#Seenaa_Gabaabaa_Getaachoo_Baalchaa

Geetaachoo Baalchaa kan dhalate godina wallagga lixaa aanaa Noolee kaabbaa ganda Haroo Tumsaatti. Geetaachoo Baalchaa mana barumsaa sad. 1ffaa achuma mana barumsaa Haroo Tumsaatti yommuu baratu sad.2ffaa Gimbiitti kan barateedha. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12tti fudhate qabxii 1.23 fiduudhaan abdii xumuraatiin gara manaatti deebi’uudhaan qonnaan bulaa ta’ee jireenya isaa geggeeffataa ture.
 
Osoodhuma kanaan jiruu achuma ganda haroo tumsaatti milishaa ta’ee hojjetaa ture. Turtii milishummaa irraa sadarkaa poolisiitti waajjira nageenyaatti aanaa yuubdoo deemuun tajaajilaa kan tureedha. Achi irraa hojiiwwaan amansiisoo dhaaba tplf hojjeteen gara aanaa Noolee kaabbaa fiduudhaan itti gaafatamaa waajjira dhaabaa Opdo godhanii tajaajilaa ture. Turtii yeroo muraasa booda ammas hojiiwwan dhaabaaf amanamoo ta’an hojjechuun bulchaa aanaatti isa fidan.
 
Waggaa shan aanaa Noolee kaabbaa kan bulche yommuu ta’u yeroo bulchiinsa isaa kana keessatti sabbantota Oromoo hiraarsuu irratti adda durummaan hojjetaa tureera. Hojjetoota mootummaa beekumsa qaban barsiisota dandeettii qaban hiraarsu, jijjiirraa dhorkachuu, sadarkaa barumsaa guddifachuu dhorkaa turuun isin ABO dha, Shororkeessitoota jechuun miidhaa hamaa uummata Aanichaa irraan ga’uun aanaan sun qabsootti bara baraan akka quucartu kan godhe namicha
 
Geetaachoo Baalchaa jedhamu kanaadha. Hojiiwwan kana hundaa erga godheen booda godina wallaggaa lixaatti itti gaafatamaa waajjira dhaabaa Opdo godinaa ta’uun Gimbii galchan. Turtii yeroo muraasa keessatti bulchaa bulchiinsa godina wallaggaa lixaa ta’uun hojjetaa ture. Yeroo bulchaa godinaa ta’e kana keessatti fuuncaa isaa babal’isuun hanga federaalaatti hidda dheereffachuun kallattiin Mallas Zeenawwi fi Abbaa Duulaa
 
Gammadaa/Minaasee Walgoorgis waliin ta’uun ABO/WBO godina Qellem wallaggaa fi Begii keessa WBO socho’u keessattuu Jaal. Laggasaa Wagii ajjeessisuuf nama adda durummaan hojjetaa tureedha. Akkuma hojjetaa ture jaal Laagasaa Wagii ajjeesisuu keessatti shira xaxeen milkiidhaan xumuruun kallattiin nama dursee achittti argamee Mallasiif bilbiluun gabaasedha. Yeroo bulchaa godina wallaggaa ture kana hojii kontorobaandii garaa garaa keessattuu daldala bunaa fi bosona godina wallaggaa lixaa gurguruu fi albuuda warqee yuubdoo fi Ganjii gurguruun nama hedduu duroomeedha.
 
Guyyaa Mallas du’e akkas jechuun dubbiiwwan Mallas copen ugen(jijjiirama qilleensaa addunyaa) irratti dubbate dubbachuun uummatni akka boo’u gochaa kan ture keessaa” jaallen keenya akkas jedhan jedhee boo’icha hangana hin jedhamneen jalqaba; “Nuti Afrikaanonni nyaannee garaadhaa hin qabnu, qabaannee warshaan keenya faalama qilleensaaf sababa hin taane lafatti hin duunu jedhe. Nuuf kaasaa/beenyaa nuuf kaffalu qabdu jechuun nama afriikaaf barbaachisaa jirutu nu duraa dhabame. Nu duwwaa miti addunyaatu gadda uffate. Nu duwwaa miti afriikaatu gadda uffate. Aduutu addunyaa tti dhiite jedhee nama abbasaa mallasaaf boo’aa tureedha. Kana duwwaa miti yeroo Abiyyiidhumti aangoo qabate Lammaa fi Abiyyiin garee ABOti biyya diigaa jiru.
 
Gumaas baasuuf jedhaa jiru jechuun maqalee deemee ergama nama fudhatee lixa oromiyaatti bobbaafamuun aanoota akka Noolee kaabbaa, Sayyoo Noolee, Qilxu kaarraa, Mandii keessa socho’uun abbootii qabeenyafi namoota tokko tokko ijaaraa nama turee fi akka Gimbiitti hoteela grandiitti maree yeroo dheeraa gochuun nama reeffa mallasiif falmaa tureedha. Erga amma gara federaalaa dhufee immoo waajjiralee garaagaras irra hojjetaa tureera. Komishiinii spoortii irras tureera. Haadha manaa kan duraa Caaltuu kan jedhamtu sadarkaan barumsaa neeppaa kan taatee haadha ilmaan isaa kan taate har’a ishee dhiisuun kaabinee tokko fuuchuun Adaamaatti kan deddeebi’aa jiruudha. Har’a egaa nama akkasiitu har’as qeerroo abaara. Dhugaa uummata oromoo ukkaamsaa jira. Nama akkasiitu KMNO ta’ee hojjetaa jira.
Oromia