Seenaa ajaa’ibaa waa’ee nama Badhaasa Nagaa Nobel (The Nobel AwardS or ‘Nobels utmärkelser’ in Swedish) jalqabee hangam beeytu?

Above Single Post

Seenaa ajaa’ibaa waa’ee nama Badhaasa Nagaa Nobel (The Nobel AwardS or ‘Nobels utmärkelser’ in Swedish) jalqabee hangam beeytu?
(Barruu kana yeroon bardheengaddaa Afaan Sweden baradhu kanin hubadherraa afaan keenyatti hiikee dhiheessuuf jedheen guyyaan badhaasaa dabarraan achumaan irraanfadhe. Edaa guyyaa badhaasni sun biyya keenya dhuftu eeguuf na irraanfachiise!)

Namni badhaasa kana eegale lammii Sweden, Alfred Nobel (1833–1896) jedhama. Namni kun ogeessa Chemistry ture. Bara jireenya isaa keessatti dhuka’aawwan gurguddaa har’a addunyaan waraanaa fi hoji ijaarsaaf itti fayyadamtu sadi kalaqe. isaanis Dynamite (dimaamitii), Gelignite, and Ballistite. Meeshaaleen waraanaa gurguddaan har’a gabaa irra jiran baay’een isaanii jalqabbii nama kanaa irraa dagaagan. Bara jireenyaa isaa keessa hayyama abbummaa (patents) 350 ol argate. Kana irraas qabeenya guddaa horate. Nobel yeroo du’utti warshaalee meeshaa waraanaa 90 ol qabaachuu ture.

Ofii isaaf nama nagaa tahuyyuu, ogummaan isaa guddaan meeshaalee dhuka’oo hojjechuu waan taheef eebbaa fi dhaadessa dandeettii isaa gitu hin arganne. Bara 1888 osoo inni lubbuun jiruu obboleessi isaa Ludvig jedhamu boqote. Duuti obboleessa isaa sun dogoggoraan akka waan Nobel mataan isaa du’eetti afarfame. Inumaa gaazeexaan biyya Faransaa tokko “Le marchand de la mort est mort (the merchant of death is dead)” (Daldaltichi du’aa sun du’eera) jechuun gabaase.

Alfred Nobel osoo lubbuun jiruu gabaasa gaazexaa kanaa yoo dubbisu baay’ee rifate. Addunyaan akkamitti akka isa laalaa jirtu xiinxale. Gaafa du’e waan hamaan malee waan gaariin kan hin yaadatamne tahuu isaa hubate. Kanaafuu wayta saniraa qabee akka itti du’a booda maqaa gaarii dhiisee dabru xiinxale. Yaada Nobel Awards jedhu jalqabuu kan murteesses wayta kana. Badhaasa gosa shan ogummaa saayinsii afurii fi nageenyaan namoota gumaacha olaanaa taasisan waggaa waggaatti badhaasuu yaadni jedhu wayta kana dhalate. Qabeenya isaa hundumaas kanumaaf oolche. Badhaasota shanan keessaa afur Swedenitti kan qopheeffaman yoo tahu kan dhimma nagaa ammoo Norway Oslootti akka kennamu murteeffame. Yaada kana dhalchee korees itti ijaree eega amaanaa kennatee booda Mudde 10, bara 1896tti du’e. Bakki owwaalca isaa magaalaa guddoo Sweden Stockholm keessa iddoo Norra begravningsplatsen jedhamutti argama. Alfred Nobel bara jireenya isaatti hin fuune. Ilmoos hin horre.

Madda: Svenska för invandrare (SFI) Kurs D

Yaya Beshir

Below Single Post