SBO Sagalee Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 22, 2019
SBO Bitootessa 22, 2019. Oduu, Ajjechaa Bitootessa 19,2019 Godina Wallagga Lixaa Ona Najjoo keessatti namoota 5 irratti raawwatame ilaalchisee gaaffii fi deebii taasisamee fi marii hoggantoota WMT waliin godhame kutaa 4ffaa
Sitti himnaa diddee; Kunoo dhaqii argi!
=========
“Gocha mooraa Xoollay keessatti ta’aa jiru
WBO mooraa Xoollay jiran irratti qorannoon adda addaa geggeeffamaa jira. Innis:
– Dhimma baankii saamamaa turee irratti akka waan WBOn saameetti qoratamaa jiru. “Maaliif baankii saamtan, qarshii eessa keessan?” jechuun qorannoo cimaa irratti adeemsisaa jiru.
– Dhimma WBO bosonatti hafee irratti maaliif akka citanii hafan qorachaa jiru.
– Humna waraana bosonatti hafee baruudhaaf qoratu.
Meeshaa waraanaa akkamii akka qabaniifi meeshaa kannees eessaa akka fidantu gaafatama.
– Baayina WBO bosonatti hafee ni qoratu.
Tooftaa fi akkaataa sochii WBO ni gaafatu.
Dhumni qorannoo kanaa miseensota WBO kana hidhaa kana caalutti dabarsuufi warra bosonatti hafe tooftaa haaraan loluudha!”