SBO Sagalee Bilisummaa Oromoo, Bitooteessa 3, 2019

SBO Sagalee Bilisummaa Oromoo, Bitooteessa 3, 2019

SBO Bitootessa 03, 2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii Hayyuu Oromoo Obbo Lubee Birruu Lubee waliin goone kutaa 5ffaa.


Maqaa ABOtiin nama hidhuun jabaatee itti fufeera.

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaalaa Aliboo keessatti OPDOn “isin ABO deeggartu” jechuun namoota nagaa sadii hiiteetti. Namoonni hidhaman sadan:

1. Obbo Abbabee Xiyyee (namni kun qaama miidhamaadha)
2. Filee Bayyanaa fi
3 Tuulii Nagaasaa jedhamu.

Aanaa Jaardagaa Jaartee kana keessatti tibbuma kana waraanni mootummaa miidhaa ulfaataa uummatarraan ga’aa akka turan dhaga’aa turre.