ONN:SAGALEE QEERROO BITOOTESSA 27 2018

ONN:SAGALEE QEERROO BITOOTESSA 27 2018


ONN: Odeessa Qeellem Wallaggaa, Bitootessa 27, 2018.

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo ganda Yaareer jedhamtu eda halkan sa’aa 5:00 irraa kaasee WBOn seenuun dabballoota mootummaan hidhachiiserraa qawwee 4f
Shugguxii 1 irraa fudhatee of kabachiisee deebi’eera jedhu jiraattonni naannoo sanaa.


Breaking News (SBO/VOL Bitootessa 27/2018) Maallaqni (doolaarri) guddaan aangawoota Wayyaaneetiin karaa seeraan alaa nama maqaan isaa Abraham Aragawi jedhamuun biyya keessa kan seensisanii jiran doollaarri miliyoonni tokko guyyaa kaleessa Bitotessa 26/2018 bakka Tulluu Diimtuu kellaa seensa Finfinnee irratti to’atamee to’annaa Gumiruk jala olee jira.
Dubbiin kun akka midiyaatti hin baaneef aangawootni wayyaanee olaanoon ukkamsaa jiraachuufi waan danda’an hundaan dhoksuuf yaalii guddaa akka gochaa jiran maddeen keenya saaxilaniiru. gabaasaa dabalataan walitti deebina.