Sagalee Qeerroo Bilisummaa MUDDE 21 2017 , Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sagalee Qeerroo Bilisummaa MUDDE 21 2017 , Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Torbanittii Guyyaa Sadii Facaasaa (Kibxata) Kamisaa fi Jimaata Akka Lakkofsa Sa’aa Oromoo tti Galgala Keessaa sa’aa 7:30 Iraa Amma 8:00 tti Metir baandii 16 KHZ 17840 Irratti Kan Isinii Darbu Dha.”Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef kabajaa guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra.” Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!


Mudde 21/2017 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii labsii Traamp Al-QUDSI Maagaalaa Guddoo Isra’eel jechuun dabarse kuffise.
Dhabbanni Mootummota Gamtoomanii labsii Prezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp Magaalaan Al-QUDSI “magaalaa guddoo Isra’eel” jechuun dabrse wixinee mormu irratti biyyoonni miseensa tahan sagalee akka kennan kora waliigalaa Ariifachiisaa yaame. Haalumaa kanaan sagalee Khamiisa har’aa kennaniin sagalee caalmaa taheen labsii Traamp kuffisan.
Biyyoonni 128 labsii Traamp mormuun sagalee kan kennan yoo tahu, Ameerikaa fi Isra’eel dabalatee biyyoonni 9 deeggaruun sagalee kennataniiru. Biyyoonni labsii Traamp deggaraan, Ameerikaa, Isra’eel, Togoo, Na’uruu, Gu’atimalaa, Pala’uu, Maarshaal Island fi Honduraas tahuun beekameera.
Prezdaantiin Ameerikaa dhimmaa Alquds ilaalchisee kora waliigalaa UN irratti biyyoota murtii Ameerikaa mormuun sagalee kennan adda baafannee, gargaarsa kenninuuf irraa dhaabna jechuun isaa ni yaadatama…..
By Seenessaa Qeerroo

http://www.aljazeera.com/…/general-assembly-rejects-trump-j…