Sababoota Filannoon biyyaalessaa Ganna keessa akka hin gaggeeffamne danqaniif!

Sababoota Filannoon biyyaalessaa Ganna keessa akka hin gaggeeffamne danqaniif!

By Lalisa Hussein

Boordin filannoo biyyaalessaa guyyaan filannoo hagayya 10,2012tti akka gaggeeffamu wixinee dhiheessee jira. Baatii Gannaa keessa filannoo gaggeessuu mitii manaa bahanii galuun baay’ee rakkisaadha.
Akka Oromiyaatti yoo fudhanne sababoonni ji’a Gannaa keessa filannoon akka sirnaan hin gaggeeffamne godhan
1).  Baatii Roobaa waan taheef rooba keessa namoonni humna hin qabne deemanii filannoo filachuu hin dandahan.
2).  Rooba keessa hiriira qabatanii filannoo gaggeessun rakkisaadha
3).  Baadiyyaa keessatti midhaan waan faca’uuf daandin deemanii filannoo filachuuf mijatu hin jiru.
4).  Taajjabdoonni akka barbaadanitti ganama bariin akkasumas hanga halkaniitti iddoo buufata filannootti argamuuf rakkisaadha.
5).  Qonnaan bulaan hojii qonnaa fi oomishaatin waan qabamuuf duula filannoo gaggeessun rakkisaadha.
6).  Paartiilen morkattootaa akka barbaadan baadiyyaa sababa rooba, daandii, rakkoo baajataa fi kkf akka barbaadanitti ummata dadammaqsuu hin dandahan.
7).  Paartin biyya bulchaa jiru garee fi gooxii hunda keessatti caasaa isaa daranuu maallaqaan ijaarratee haala salphaan ummata baadiyyaa kan morkattoonni bira hin geenye kijibaan akka bitatu carraa guddaa banaaf.
8).  Laggeen waan guutaniif ummanni deemee filachuuf rakkisaadha.
9).  Barattoonni yuunivarsiitii miliyoonan lakkaa’aman akka mirga filachuu dhaban godha.
10).  Ganna keessa akka barbaadamutti morkattoonni socho’uun rakkisaa waan taheef mootummaan maallaqaa fi caasaa isaatin ukkaamsee korojoon akka hatamtuuf carraa guddaa saaqa.

Kanaaf Boordin filannoo biyyaalessaa akkuma bara wayyaanetti mootummaadhan ajajamee fedhii mootummaa galmaan gahuuf dhaabbilee morkattootaa osoo hin mariisisin guyyaa filannoo murteessudhaan baatii Gannaa keessa filannoon akka tahu gochuun sagaleen akka hatamtuuf haala mijeessuu dhiisee filannoon yeroo idilee isaatti akka gaggeeffamu gochuutu irra jiraata.


. Suuraa Dhagaa Bu’uuraa
Daandii Aspaaltii Itayyaa Gaasara
Muktaar Kadiirin Bara 2007 Kaa’amef

. Suuraa Rakkoo Daandii Arsii Roobee

. Godina Arsii Aanaa Roobee, Haddeellee ,Baalee ,Seeruu,Magaalaa Habee fi Saddiqa Gara Adaamaa Dhufuuf‼️

. Haalli daandii Arsi Roobee kan nama gaddisiisudha⁉️
Har’a irra boru wayya kan jedhamu tokko jira,Arsi Roobee bira har’as borus jijjiiramni homaatuu hin jiru.Kuni maalif ta’een gaaffii koo fi kan nama of yaadateti.
Imala Keenyaa keessatti konkolaachisaan yoo konkolaataa asii ol utaalchisu rookkeettii dhuka’een wal fakkaata.

. Aja’ibni kan biraa ammoo gaariin fardaa Arsii Roobee Magaalaa Haabbee fi Haaddeellee nama jahaa hangaa kudha lamaat fe’a,konkolaataan dhaabbataaf teessumaan fe’a.Tiraafikiin daandii gadhiisaaf,yeroo tokko tokko ammoo ofifuu dhaabbataan fe’amee deema

. Godina Aarsii Magaalaa Diksiisii kaasee gara gadi jiran hunda keessatti tiraafikiin konkolaataa dheessa

. Tiraafikitu jira malee seerii tiraafikii wan jiru hin fakkaatu, kan angoo adda addaa qaban of jabeessuuf jecha duraan akkana hin turre jedhuu🗣️🔨

~from Tufaa Wadaajoo.