Sababa soodareen cufameef 5 fi shira Obbo Dinquu Dayyaas irratti Raawwatame .

Sababa soodareen cufameef 5 fi shira Obbo Dinquu Dayyaas irratti Raawwatame .



Sababa soodareen cufameef 5 fi shira Obbo Dinquu Dayyaas irratti Raawwatame .


AGM: Oduu Sinbirtuu, Bilginnaan Dr.Milkeessaa Miidhagaa Hiite Bellama Lammaa Magarsaa hanqifte…


Caalaa Daggafaa Eenyu…?New Oromo Music 2020. Official Video.


Gabaasa ajjeefamuu Eegdota Abbaa Qabeenyaa Obbo Dinquu Dayyaasaa fi cufamuu Riizoortii Sodaree intarneetii vidiyoo ittiin ilaallu hin qabnuu barruudhaan nuuf maxxansaa gaafi jedhu hedduu nuuf ergitaniin kunooti itti dhiyaadhaa.
KMN:-Bitootessa 30/2020

Tibba kana cufamuu Hoteelaa fii Riizortii Soodaree dhagenyaan maaltu ta’e jennee duubaa irraa kaanee qorachuu eegalle.akka eegnetti Ragaawwan argachuuf guyyaa muraasa qofatti sassaabachuu waan hin dandenyef ragaa guutuu waliin dhufuuf guyyaa muraasa eegne. Sababa cufamuu Hoteelaa Fi Riizzortii Soodaree fi ajjeechaa eegdota Obbo Dinquu dayyaas haala kanaan qindeeffannee dubbisa gaarii.

1. rakkoon Mootummaa fi Abbaa qabeenyaa Obbo Dinquu Dayyaas walitti buuse asirraa eegala. Haaal amma biyya keessatti deemaa jiru irratti mala maluu fii waan ummata isaanif tolu mari’achuu fi murtee dabarsuuf abbootin gadaa oromoo wal gahii qopheessan.
Wal gahii isaanii irrattis waan mootummaan amma ummata addaan qoqqoodudhaan Komaandi poostin bulchuu fi waraana geggeessaa jiru irratti mortoo isaanin akka balaaleffatan ibsan. Kana malees mootummaan yoo gocha isaa kanarraa hin dhaabbaannee fi nagaa buusuf adda durumaan hin sochoone akka ummata isaanii kakaasun mirga isaanif falmatan akka godhan ibsa. Iddoon mortoon abbootii gadaa jajjabni kun itti darbe immoo Riizoortii fi Hoteela Soodareettidha.

Egaan mootummaan gabroomftaa bara dheeraf sirna gadaa cabsee abbootii gaddaa akka isaan murtoo ummata isaanif gargaaru hin murteessinee fi antummaa ummataa hin qabaanne bifa gargaraatin dalagaa ture amma yoo abbootin gadaa murtoo jajjaba kana murteessan dhufan mootumanam quba isaa gara oobbo Dinquu Dayaasitti qabuu eegale. sababni isaanii situ walitti qabe situu iddoo kenneef jechuudha. Kanafuu gocha akkanaaa kana waan hin barbaannef abbaa qabeenyaa kana rifaasisuu fi naasisuuf jecha of eeggannoo tokko malee mana Riizoortii fi Hoteela Soodaree cufsiisan.

Hetoolee fi Riizortii kana keessa namoonni hojii hojjetan gara kuma lamaa gahan sababa mootummaan Obbo Dinquu Dayyaas haloo bahachuu barbaadef mootummaan hojjetoota kanneen hojii dhabsiseera. Mootummaan gama birootin dargaggoota hojii hin qabneef hojii uumuf mallaqa hojiidhan eegalan kadhannaa biyyoota dureeyyii kadhatu ilaacha siyaasaa nama tokko waliin qabuuf lammiilee isaa 2000 hijii dhabsiise.

2. sababaninni lamaaffaan qarriffaa mootummaa keessa isaan seensise Ijoollee oromoo yunivarstii garagaraa irraa aritaman 400 iddoo bultii dhabani finfinnee keessatti rakkachaa turan walitti qabudhaan mana jireenyaa yeroodhaaf itti boqotanii fi nyaata isaanii kennaniif.
Mana qofa kennanii hin dhiifne ijoollee oromoo Oromummaa isaanitiin manneen barnootaa olaanoo biyyattii gara garaa keessaa ariyatamanii carraan barnootaa isaanii itti golgolayee ture lammata ija bananiif. Maatii barattootaa waggaa dheeraa ofiif hagabuu bulanii ijoollee ofii barsiifachaa turanii gaafa ijoollen isaanii Yunivasitiirraa ariyataman laftiif samiin itti dhiphattee hamilee cabuu ilmaan isanittin boqoo cabanii turanitti lammata hamilee horanii mataa ol qabachiisan.

Walumaa galatti oromoo dhimma barattoota kanaaf dhiphatee turetti abdii horan. barattoota oromoo 400 kanneen immoo tokkoon tokkoon isaanii Yunivarsitii Riifti vaalitti keessatti damee barbaadanitti akka ramadamanii baruumsa isaanii itti fufan taasisan.baratt
oonni waggaa 12-16 baruumsatti madaqanii abdii isaanii, boruu isaanii,maatii isaanii otuu hin baratin isaan barsiisan gargaaruf carraa isaanii tokkof tokko baruumsarra godhatanii deemaa turan gaafa mootummaan abdii isaanii kana dhadhaa ibiddi bu’e harkaa godhu Abbaan qabenyaa Oromoo hundaa Oobbo Dinquu Dayyaas abdii itti horuudhaan bifa iskoolaar shiipiitin abdii murannaa keessaa isaan baasee fira gaafa xiiqii, abdannaa gaafa rakkoo ta’eef. Baratoonni kunneen yeroo ammaa baruumsa isaanii dameewwan Yuunivarsitii RiiftiVaalii garagaraa keessatti baruumsarra jiru.

egaan gochi tol ooltummaa kun kan hin liqimfaneef mootummaan yeroo ammaa garuu Maalif ijoollee mootummaan adabee mana baruumsaa irraa ari’e ati gara mana buruumsaatti deebifta jechuudhaan abbaa qabeenyaa kanaaf akeekkachiisa kennaniif.
3. Sababni inni sadaffaan Foollee jettee ijoollee dargaggoo leenjistee waraqaa eenyummaa kenniteef bittinsi jechuudha. Asirratti wanti ummata oromoo yaadachiisuu barbaannu bara hamtuu tokkoodha.

Irreecha bara 2016 irratti ajjeechaa jumlaa ilmaan oromoo irratti raawwateedha. Bara sana sababni ajjeechaan sun raawwatameef inni guddaan waan oromoon falmii sirnaa waliin godhaa tureef ta’us garuu otuu akkataa sirna gadaatin foollen eegumsa sanarratti waan hin hirmaannef waraanni mootummaa ilmaan oromoo irratti ajjeechaa gara jabinaan guutumeen guyyaa tokkotti sa’aatii gabaabduu keessatti ilmaan oromoo 700 galaafatan.

maarree namoonni akka Obbo Dinquu Dayyaas dhimmi oromoo dhimma isaanii ta’an,kan duuti oromoo du’a isaanii ta’e lammata dhumaatin sun akka hin deebine sirna gadaatti deebi’udhan foollee leenjisuudhaan eegumsa irreechaaf bobbaasan. Foollen kun akkataa sirna gadaatin huccuu addaa uffachuudhaan oromoo miliyoonota nagaadhaan eegudhaan ireecha sadii ol nagaadhan xumuranii jiru.

foollee kuma kurna lamatti dhihaatu kana baasii isaanii uffata isaanii fi wantoota egumsaaf barbaachisu hunda baasii godhuudhaan lammata irreecharratti akka waraanni mootummaa ummata hin shororkeesine kan godhan Obbo Dinquu Dayyaas turan.
Gochi ummata ofii du’a oolchuf foollee gadaa leenjisanii ummata ofii karaa sirni gadaa ajajuun foolleedhaan eeguu kun ammas mootummaadhaaf hin liqimfamne. Ijoollee Foollee jettee leenjistee waraqaa eenyummaa kennaafii motummaarratti kakaasuf qopheessitee turte bittinneessi.

Yoo bittineessuu baatte mootummaarratti waraana kaasudhaan itti gaafatamta. Jechuudhaan doorsisa dhiheessan.
4. Qabxii afraffaan akka mootummaan Abbaa qabeenyaa kana irratti xiyyeefatee Duula hamilee cabsuu fi qabeeny jalaa ugguruutti geesse Obbo Jawaar mohammed akka ta’eedha ragaan KMN qaqqabe kan ibsu. walitti dhufeenyi Obbo Jawaar Mohaammadii fi abbaa qabenyaa Obbo Dinquu Dayyaas mootummaadhaaf madaa mogoleeti. yaadan baaragu kanaaf sababa itti soqodhuudhaan gargar fageessuf xiyyeeffannoodhaan irratti dalagu.
Jawarin jaabadhu namicha kana buqqisuutu nurra jira ani si duuban jira jetteerta. kanaafuu mootummaa kana kalattii garagaraatin kuffisuudhaa hanga fonqolchuutti deemaa jirtu jechuun. akeekkachiisa adda addaa kennaniif.

5. Ammaa qabxii mootummaatti bowwoo mataa ta’e garuu kan namni ummata kootifan dhimmama jedhu tokko raawwaten isinitti hima. Bara kana keessa dhukkuba COVDI19 jedhamuun adunyaan qoruumsa keessa akka jirtu namatti himuun nun barbaachisu. Wanti akka addaatti kaasuu barbaannu garuu yeroo mootummaan ilmaan oromoo gargar qoodudhaan duula koomaandi poostiitin bulchaa jiru kanatti, sababa nageenya eegsisuu jedhuu fi ragaa waraana bilisummaa oromoo ugguruuf jedhuun intarneetii fi bilbilli addaan citee jiru kanatti sodaan ummata oromoo inni guddaan otuu ummanni hin dhagahin yoo dhukkubni kun achi gara lixa oromiyaa sene dhumatii dhufu akkamitti too’achuun danda’ama sodaa jedhuudha.

Namonni naannoo magaalaa jiran hundi of eeggannoo akka godhan itti himama. Yoo dhukkubni hammaates iddoowwan gurguddaan kanneen akka galama barkumee fi manneen baruunsaa adda addaa qophaahaa jiru. Naannoo lixa oromiyaatti garuu wanti tokkoyyuu hin raawwaatamne. Kana kan hubatan firri gaafa rakkoo Obbo Dinquu Dayyaas ummata lixa oromiyaatif yoo rakkoon dhatate kan keessa qubatan dukkaanii 100 tookkoo fii konmolaataa hoospitaala isaanif bitanii turana Ambulaansii lama gara lixa oromiyaatti ergan.
Dhimma kanaan mootummaan ummata waan hunda irra kutaniii jilbiiffachiisuu yaadaniif waan oobbo dinquun isiniifan jira jedhaniif hedduu dalananan.

Ati arjoomuu yoo barbaadde Mootummaati kennitee mootummaatu ramada malee ati dhuunfaadhaan garas erguu hin dandeessu. Kan akkas gootef warra siyaasan deeggartu gargaaruudhafi jechuudhaan gocha ummata ofii baraaruu abbaan qabeenyaa oromoo Dinquu Dayyaas godhan dallansudhaan akeekkachiisan.

Sababoota kanaafii kana fakkaataniin wal dhabdeen gidduu abbaa qabeenyaa Oromoo kanaa fi mootummaa gidduutti waan dhalateef mootummaan tarkaafii haloo bahachuu fudhachuu eegaleera. Haloo bahachuu bira darbanii hanga tarkanfii ajjeechaa geessuuti tarkaanfatanii jiru. Konkolaataa isaanii Soodaree irraa gara adaamaa deemaa ture V8 gurraacha daandii gubbaatti dhukaasa itti banuudhaan eegdota obbo Dinquu Dayyaas nama lama ajjeesan. Eegdota isaanii keessaa namni lubbuudhaan hafes haala jiru ibseera. Bifuma kanaan Hoteelli fi Riizoortiin Abbaa qabeenyaa kanaa Soodaree akka cufamu godhameera. Kan kana raawwate Biiroo daldalaa fi Industurii Damee Adaamaa akka ta’es beekkameera. Sababni isaan kaahan Gibira hin kafalle kan jedhan ta’anis . Qulqulleeffannaa goonen Abbaan qabeenyaa gibirri mootummaa isaan irra akka hin jirreefi ragaa gahaas akka qaban ibsaniiru.

Qaroo Risaa