Ebla 27/2018 Saamichi Lafa Qotee Bulaa Oromoo Naannawaa Finfinnee yeroo kamiyyuu Caalaa ittuma fufee jira

Ebla 27/2018 Saamichi Lafa Qotee Bulaa Oromoo Naannawaa Finfinnee yeroo kamiyyuu Caalaa ittuma fufee jira.

Kan suuraa irratti Argitan kun Magaalaa Finfinnee Kutaa Nifaas Silkii Laaftootti lafa Qotee Bulaa Oromoo abbootii qabeenyaa Tigirootaa, firootaafi wayillaa wayyaanee Diasporaatti gurguramaa kan jirudha. Duubni Kondominiiyeemii kun Diasporaa Safarii jedhama. Yakka Saamichaa lafaa kana Qonnaan Bultoota Oromoo irratti kanneen gaggeessa jirani Abbootii Qabeenyaa Tigirootaafi bulchiinsaa lafaa waliiin walii galuun uummata Oromoo lafa Qe’ee isaa dhabsiisaa jiru.
Haalli kun kallattii kanaan akka fakkeenyaatti haa kaafamu malee kallattii maraan Saamichi lafa qotee bulaa Oromoo saamamaa jirachuu Qeerroon Gabaase.

Oromia News Network – ONN