RSWO – Fuulbana 17, 2017 ODUU, QOPHII ADDAA FI DHAAMSA RSWO ODUU

RSWO – Fuulbana 17, 2017 ODUU, QOPHII ADDAA FI DHAAMSA RSWO ODUU

RSWO – Fuulbana 17, 2017 ODUU, QOPHII ADDAA FI DHAAMSA RSWO ODUU
-Sanbata kaleessaa Inbaasiin Itoophiyaa Baqattootaa Oromoo lakkoofsaan 1000 ol ta’an Somaalee Laandii Magaalaa Argeessaa keessaa funaansisuun kaanbii waraanaa biyyatti keessatti walitti qabsiisuu ,

-Dhukaasa Loltoonni Wayyaanee Sanbata kaleessaa Oromoota magaalota naannoo Somaalee garaa garaa keessaa buqqifamuun kaanbii leenjii waraanaa Ammarreessaa duraanii keessa buufatanii jiran irratti irratti bananiin Oromoonni 10 ajjeefamuu fi danuun madaayuu ,akkasumas

-Oromoon hundi ilmaan Oromoo shira mootummaa Koloneeffataa Wayyaaneen buqqifamaniis ta’e Oromoota Lolli weerara daangaa Loltoota Wayyaanee fi Poolisoota Addaa Naannoo Somaalee Liyyuu Poolisiin irratti banamee cinaa dhaabbachuun dirqamaa Oromummaa ba’chuu eegalamee jiru daran jabeessuun itti fufuu akka qabu Oromootaan dhaammatamuu,kan jedhan matoota oduu keenya guyyaa arraati.