Rakkoo Siyaasaa Itoophiyaa Furuu Irratti Ejjannoo ABO

Rakkoo Siyaasaa Itoophiyaa Furuu Irratti Ejjannoo ABO

Ibsa ABO, Ebla 5, 2018

OLF’s PositionAddi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa mootummaa Itoophiyaa waliin jiru nagaan xumuruuf ammayyuu qophii tahuu beeksisaa, hasaawaan ABO fi Mootummaa Itoophiyaa gidduu bakka gareen sadaffaa jirutti fi haal-duree tokko malee taasifamuuf taattafatamaa turee karaa mootummaa Itoophiyaa fedhii dhabinnaa irraa fashaalaa bahe akka itti fufu mootummaa Itoophiyaa EPRDFn durfamuuf waamicha isaa haaromsa. Mootummaan Wayyaanee/EPRDF gama isaan kan irraa eegamu akka guutu gadi jabeessee hubachiisa.

ABOn gaaffii Mirgaa ummata Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaa lakkaawaa jiruu fi sirna gabrummaa irratti diriiree dararaa ulfaataa fi suukanneessaa irraan gahaa jiru irratti qabsaawuu fi mirga hiree mur-teeffatnaa isaa mirkaneessuf dhaaba qabsoo irra turee fi jiru tahuun hundaaf ifaa dha.

Rakkoon siyaasaa Impaayera Itoophiyaa mariin furmaata akka argatuuf tattaafatni ABOn taasise baroota dheeraan lakkaa’ama. Daandiin filatamaan kun mootummoota Itoophiyaa humnatti amanan biratti waan hin aadeffatamneef garuu fudhatama hin arganne. Ilaa fi ilaameen rakkoo furatuu irra diina wal mog-gaasuun wal dhabamsiisuuf duula walirratti geggeessuu dha kan bittootni filatan. Ejjannoon dimokraasiif farraa kunis rakkinni siyaasaa jiru akka hin furamne taasisuun dhalootaa dhalootatti dabarse. Kanneen mirga isaaniif falmatan wareegama ulfaataa baasise. Aadaan boodatti hafaa, wal qixxummaa fi dimokraasiitti amanuu dhabuu fi rakkoo jiruuf humni furmaata jedhanii fudhatuu hafee, rakkoon jiru karaa nagaa furamuu danda’a abdiin jedhu bara 1991 uumamee ture. Alasitti jaarmayootni siyaasaa mootummaa Dargii moo’atan cunqursaa fi saaminsi ummatoota irraan maal akka geessise kan arganii fi hubatan, irratti qabsaa’uudhaan mirga ummataa kabajsiisuuf dargagummaan kan bosona seenan tahuun ummatoota biratti abdii uumuuf sababa tahe. ABOnis gama isaatiin kanneen mirga ummata isaaniif falman mirga ummatoota kaaniis ni kabaju abdii jedhuun, akkasumas furmaata waaraa argamsiisuuf qooda isaa gumaachuuf Mootummaa Cehumsaa keessatti hirmaatuun ni yaadatama.

ABOn mootummaa cehumsaa keessatti hirmaatuuf kan murteesse mirgi ummata Oromoo akka kaba-jamuuf malee bittoota haaressa waliin aangoo qooddatuun ummata Oromoo saamuu fi saamsisuuf, hacuucuu fi hacucsisuuf hin turre. Ejjannoon ABO kunis bittoota akeeka saaminsaa qaban mufachiise. Akeeka waliif faallaa kan ABO fi bittootaa wal faana deemuu hin dandeenye kana irraas ABOn dhiibamee, lolli ABO fi ummata Oromoo irratti labsamee bara 1992 mootummaa Cehumsaa keessaa baafame. Chaartaraa bahuu ABOfis sababni haala diinaa fi farreen hin eegneen akeekni ABO ummata Oromoo biratti fudhatama argatuun isaan baragsuu irraa, akkasumas hanga ABOn jirutti ummata Oromoo akka fedhanitti bituu fi saamuun ulfaataa tahuu hubatuu irraa ture.

ABOn Chaartara keessaa lolli itti labsamee bahuun durattis tahee erga baheen booda Wayyaanee/EPRDFn wal lolaa jiraate. Addatti ammoo lolli bakkaa bakkatti bara Chaartaraa adeemsifamaa ture Chaartara keessaa bahuu ABOn gara lola guutuutti tarkaanfachiifame. Lolli kunis ABO qofa osoo hin taane guutummaa ummata Oromoo irratti labsame. Kunis tahee ABOn furmaata nagaa argamsiisuu irratti hojjatuu irraa boodatti hin deebine. Kanaafis ragaan, yaalii rakkoo jiru mariin furuuf:

  1. Haasaan araaraa Asmaraatti Fulbaana 14,1992 bakka Mootummaan Eritrea, Ambaasaaddaroonni UK, Germany, Sweden fi USA jiranitti utuu tahuf deemuu sana hankaaksanii Hagayya 3 bara 1992-tti Naayroobiittti humna adda erguun Jaal Jaatanii Alii Tandhuu, nama bakka bu’aa ABO mootummaa cehumsaa keessa, yeroo ajeesan Jaal Lammessaa Boruu kan Gaafatamaa Hariiroo Ummataa(Public relation) ABO ture baatiima Fulbaanaa 1992 ukkaamsanii hanga har’aa waan irraa beekkamu hin jiru.
  2. Furmaata hunda hammata barbaaduuf Konfarasii paartilee siyaasaa fi mormitoota hedduun qindaa’ee bara 1993 Paarisitti adeemsifame irratti hirmaatus, hidhamuu bu’ureessitoota ABO keessaa tokko kan tahanii fi wayta Chaartaraa Ministeera Barumsaa ka turan Jaal Ibsaa Guutamaatin fashale,
  3. Haasaan Carter center Gurraandhala 7 – 8 bara 1994 utuu deemaa jiru isaanimmoo dhawaata kanatti Bitootessa 1994 Abbaa Gadaa Boruu Guyyoo haasaa araaraa kan jedhuun afeeranii fedhiin isaanii tahuu dinnaan ajjeessan. Akkasuma Fulbaana 1994 Obbo Daraaraa Kafanii beekkamaa fi jaalatamaa Dhiha Shawaa, Ambotti mana isaanii keessatti ajjeessan.
  4. Bara 1994-95 Congressional Task Force kan Congressman Harry Johstoniin gaggeeffamuun kan tattaafatame. Haasaa Congressional Task Force (CTF) Gurraandhala 6 – 9 bara 1995 Washington D.C-tti tahuuf deemu halkan tokko hankaaksuun Baha Harargee Ona Dadar ganda Surree fi Kiyyoo keessatti Gurraandhala 5 bara 1995 jumlaan gara nama 30 ajjeessanii hedduun madaawe.
  5. 1996-1997 Jarman magaalaa Boonitti Ambaasaaddara mootummaa Jarmanii kan turanii fi walgahii 1992 Asmaraa irrallee kan turan Ambaasaaddar Winkilman, ABO fi mootummaa Sadii booda mootummaan Itoophiyaa kan addaan kute
  6. Bara 1999 – 2000 karaa Mootummaa Norway kan haasaa fedhu fakkaachaa dhihaatee ABOn fedhii isaa ibsatuu keessatti Bosonaa Oromoo gubuu fi dhimma Finfinneen Ummata Oromoo hiraarsuu eegale
  7. Gama Lutheran World Federation dhaan Dr. Ismaa’el Nokon bakka buufamanii mootummaa Wayyaanee fi ABO akka mariisisan, kanas milkeessuuf Ambaasaaddar Birhaanuu Dinqaa Koree aanjessitootaa kan gama lachuu walitti fiduu irratti akka hojjatan kan murtaa’ee fi kaanis taattafatni biroo akka fakkeenyaatti kaafamu.
  8. Bara 2006 irra eegalee karaa manguddota Oromoo nan haasa’a jechaa karaa biroo Gaara Suu-fiitti Gurraandhala, 2007 ilmaan Oromoo fixe.

Tattaaffiilee kanneen hundaa irratti ABOn qooda isaa kennullee karaa mootummaa Itoophiyaa fedhiin dhabamuu irraa hundi fashalanii hin milkaa’in hafuun, mootummaan Wayyaanee mariif qophii akka hin tahin agarsiisan.Mootummaan Wayyaanee/EPRDF haasaa nagaa irraa fagaatuu dhaan gaaffii ummatootaa addatti ammoo kan ummata Oromoo karaa humnaa furuuf yaaliin godhe hin milkoofne. Ummata Oromoo caalaatti tokkoomsuun mirga isaatiif akka falmatu taasise. ABO lolaan dhabamsiisuuf lolli irratti labsanis caalaatti humneessuu fi ummataan akka hammatamu godhe malee hin dhabamsiifne. Wareegama ABOn baasetti dabalee ummatni Oromoo akeeka ABO akeeka isaa godhatuun falmaa diina irratti adeemsise keessatti wareegamni baase ulfaataa dha. Kumootaan wareega lubbuu baaseera. Qaamaan itti miidhameera. Qabeenya isaa itti dhabeera. Lola waggaa dheeraa kana keessatti labsa adda addaa fi tarkaanfii hammeenyaa fi diinummaan guutame ABO fi ummata Oromoo irratti fudhatamaa turee fi jiru keessattis qoodni OPDO hanga guyyaa har’aa dabalatee ol aanaa tahuu ummatni Oromoo har’allee gaddaa fi gaabbiin ilaala.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa ol aanaan gahuu keessatti qoodni Qeerroo Bilisummaa boonsaa fi seena-qabeessa. Qabsoon kun kiyya jedhee ofitti fudhatuun falmaa geggeesseen mooraa diinaa raase. Hidda kolonummaa ummata Oromoo keessatti diriirfame ciruudhaan diina muddama seensise. Hundaan olitti ammoo akka Qeerro Bilisummaatti ijaaramanii ummata ofiif qabsaa’uun ummatoota cunqurfamoon akka fakkeenyaatti fudhatamee akka Qeerroo-tti wal ijaaruun qabsoo isaanii finiinsuun jabina QBO kan mul’isu tahuutti dabalee, falmaa mirga dimokraasii Itoophiyaa boqonnaa haaraatti ceesise.

Cunqursitootni akka baranitti ummatoota of jalatti bulchuu kan hin dandeenye tahuu mirkaneesse. Har’a mooraa EPRDFn hogganamu mootummaa Itoophiyaa keessatti jechoota “Jijjirama, rakki-noota nagaan furuu, of haaromsuu, walitti haasawuu” jedhuu fi waan baayyeen haasawamaa jiraatuu hundi quba qaba. Kanaafis EPRDF Muummicha Ministeeraa haaraa filatuun labsamaa jira. Muummichi Ministeeraa kunis rakkinoota Itoophiyaa keessaa furuuf carraan hedduu nu darbuu fi ammas carraan dhufuu haasaa isaa keessatti dhagahamee jira. Haa tahu malee ammas taanaan sirna EPRDF waggaa 27 kana keessatti rakkoon ummata Oromoo hin furamne; itti hammatee malee. Saaminsii fi cunqursaan irraa hin dhaabbanne. Furmaata amansiisaa argamsi-isuuf hojjatuu irra sossobbii fi abdii hin guutamneen akeeka ofii guuttachuutu filatame. Kun ummata Oromoos tahee ABO biratti fudhatama hin qabu.

Rakkoo siyaasaa Impaayera Itoophiyaa hudhee qabeef furmaatni, rakkoo jiru sodaan alatti ifatti irratti mari’atuu fi lola labsame kaasuun gaaffii ummata Oromoof guduunfaa itti gochuun mootummaa Itoophiyaa irraa kan eegamu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa. Kana hubatuun ABOn rakkoo siyaasaa jiru nagaan xumuruuf ammayyuu qophii tahuu beeksisaa, hasaawaan ABO fi Mootummaa Itophiyaa gidduu bakka gareen sadaffaa jirutti fi haal-duree tokko malee taasifamuuf taattafatamaa turee karaa mootummaa Itoophiyaa fedhii dhabinnaa irraa fashaalaa bahe akka itti fufu mootummaa Itoophiyaa EPRDn durfamuuf waamicha isaa haaromsa. Mootummaan Wayyaanee/EPRDF gama isaan kan irraa eegamu akka guutu gadi jabeesseehubachiisa.

Deggartootni mootummaa kanaa, walumaagala mootummootni addunyaa fi hawaasni idil addunyaa rakkinni kun akka furamu qooda isaanii hanga ammaa irraa hanqate akka bahatanis ABOn gadi jabeessee waamicha godhaaf.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 4, 2018